header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Talaalliin vaayirasii Koronaatiif hojjatame tokko vaayirasicha 90% ol kan nama irraa ittisu tahuu ibsame



Kaampanoonni qoricha talaallii kana hojjatan Pfizer fi BioNTech jedhaman milkaayinni talaallii kanaa ‘saayiinsii fi namoomaaf guyyaa guddaadha’ jedhan.

Talaallin kun namoota 43,500 irratti biyyoota jaha keessatti kan yaalame yoo ta’u, namarratti miidhaan dhaqqabsiise akka hin jirre ibsame.


Kaampaanonni talaallin kun hatattamaan eeyyama argatee xumura ji’a kanaatti tajaajilaaf akka oolu gaafatanii jiru.

Yaaliin Talaallichaa biyyoota Ameerikaa, Biraaziil, Arjentinaa, Afrikaa Kibbaa fi Turkiyatti kan gaggeeffame yoo ta’u, talaalliin kun yeroo orbaan sadi keessati doozii lama kan kenname tahuun beekamee jira. Haaluma kanaan talaallichi dooziin lammaffaan eega kennamee torban tokko booda dhibicha 90% namarra ittisuu akka danda’u gabaafame.

Kaampaniin Pfizer hanga xumura bara kanaatti dawaa talaallichaa kennamu doozii miliyoona 50 akka dhiyeessuu fi xumura bara 2021tti immoo doozii biliyoona 1.3 ni oomisha jedhe.

Ta’us, rakkoo akkaataa dhiyeessii irratti muudatu kan rakkisaa taasisu, qorichi kun iddoo qabbana negatiiva 80C qabu tti kuufamuu qaba jedhame.

Kana malees, talaallichi yeroo hagamiif qaama keessa turee vaayirasicha namarraa ittisuu danda’a gaaffiin jedhu ammas deebisaa hin arganne.


Walumaagalatti nageenyummaa isaa irratti ragaan to’attootaarraa hanga argamuttii duulli talaalli kana kennuu akka hin eegalamne ibsamee jira.

UK’n gamanumaa talaallii kana doozii miliyoona 40 namoota miliyoona 20 talaaluuf fayyadu ajajjee jirti.

Ogeeyyonni fayyaa garuu talaalliin kun hojii irra ooluun duratti ammaas yaaliin gara garaa wanta geggeeffamuuf yeroo dheeraa akka fudhatu ibsaa jiran.

Talaalliin biroo hedduunis yaalii gara xumuraa irratti kan argaman yoo ta’u, marsaa xumuraa bu’aan yaalii isaanii itti beekamu irra akka gahan ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button