header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Ameerikaan lammiileen isii Indiyaa keessaa akka bahan akeekkachiifte

Indiyaa keessatti weerara vaayirasii kaoroonaa hammaateen guyyatti lubbuun namoota kumaatamaan lakkaahamanii kan darbaa jiru yoo tahu, kanuma hordofuun Ameerikaan lammileen isii biyyatti akka gadhiisanii bahan akeekkachiifte.

 

Indiyaan Khamiisa kaleessaa qofa namoota haarayatti vaaayirasichaan qabaman 379,257 galmeessuu kan beeksifte yoo ta’u, kun ammoo addunyaarratti lakkoofsa hunda caala olaanaa guyyaa tokkotti galmeeffame tahuu ibsame.

Imbaasiin Ameerikaa biyyatti jiru akeekkachiisa baaseen “Indiyaa keessatti yeroo ammaa tajaajila wal’aansa kamiyyuu argachuun garmalee rakkisaadha” jedhe. Imbaasichi Itti dabaluunis bakki hospitaaalonni dhukkubsattoota itti wal’aanan muraasni guutuurraan kan ka’e, lammiileen Ameerikaa muraasni hospitaalaa seenuu akka dhoorkaman hime.

Indiyaatti walumaagalatti lakkoofsi namoota dhibee koroonaatiin du’anii 200,000 caalera. Lakkoofsi namoota qabatamaatti sababa vaayirasichaatiin du’anii kan ibsamee ol ta’u akka malus ogeeyyiin fayyaa biyyattii ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button