header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Indiyaatti torbee tokko keessatti namoonni miiliyoonni 1.7 vaayrasii koroonaatiin qabamu ibsame

Indiyaatti torbee tokko keessatti namoota miiliyoona 1.7 vaayrasii koroonaatiin qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 15 fi 100 darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise. Biyyattiitti sa’aatii 24 darbe keessatti qofa namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 14 fi 188 dhibee kanaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 3 fi 915 darbee jira.

 

Waliigala hanga ammaatti lammiilee Indiyaa miiliyoona 21 fi kuma dhibba 4 fi kuma 91 fi  598 vaayrasichaan qabaman keessaa, lubbuun namoota kuma dhibba 2 fi kuma 34 fi 83 darbuu Ministeerri Fayyaa Biyyattii beeksiise.

 

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Weerarri vaayrasii koroonaa Indiyaa fi biyyoota akka Braaziil keessatti too’annaan ala bahe kun, Afrikaattis daraan babal’achuu akka malu akeekkachiise. Dhaabbatichi gosti vaayrasii haaraan Afrikaatti muul’achuun, dhiyeessiin talaallii turuu fi rakkoon talaallii kennuu waliin walqabatee jiru weerarichi irra deebiin akka babal’atuuf sababa ta’uu danda’a jedhe.

 

Gosti vaayrasii koroonaa yeroo jalqabaaf indiyaatti argame B. 1.617  jedhamu Afrikaatii biyya tokko keessatti muul’achuu fi  gosti biroo yeroo jalqabaaf Afrikaa Kibbaatti argame B.1.351 jedhamu biyyoota Afrikaa 23 keessatti muul’achuu ibsame. Akkasumas gosti vaayrasii koroonaa yeroo jalqabaaf Biriiteenitti argame B.1.1.7 jedhamun moggaafame, yeroo ammaa biyyoota 20 keessatti babal’achuulle dhaabbatichi beeksisee jira.

 

Afrikaatti talaallii miiliyoona 37 keessaa hanga ammaatti kan kenname walakkaa qofa ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera. Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektarri naannoo Afrikaa Maatshiidiisoo Moo’eeti haalli yaaddeessaan Indiyaatti muudate Afrikaattis akka hin deebine of eeggannoo cimaan godhamuu akka qabu akeekkachiise.

 

Afrikaatti hanga ammaatti namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 4.6 ol keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 23 ol tahanii darbuu ragaaleen ni addeessu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button