header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Itoophiyaa Sa’uudi keessa jiraatan qaama nageenyaan adamsamanii qabamaa akka jiran himan

Lammileen Itoophiyaa kuniin qaamoolee nageenya mootummaa Sa’uudiin kan Doorsifamaa jiran tahuu himu, dorsiisni kun immoo namoota waraqaa hayyama jireenyaa qabaniif kan hin qabne irrattis kan raawwatamu yoo ta’u, dabalataanis saammichi fi hidhaaniis kan isaan irra gahaa jiru tahuu, namni achirraa dubbisne nuu hime.

Akka namni Sa’uudii magaalaa Makkaa irraa dubbisne tokko ibsetti, tarkaanfiin kun Sa’uudii magaaloota hunda keessatti fudhatamaa jira. Garuu duraan nama hayyama jireenyaa hin qabne qofa irratti tarkaanfiin kun fudhatama ture. Amma ammoo nama lammii Itoophiyaa waraqaa hayyama jireenyaa qabuuf hin qabnees daandii irratti yoo argame tarkaanfiin kun kan irratti fudhatamu tahuu hime.

Akkasumas namoota manneen jireenyaaatis dhaqanii itti cabsuun hidhaa jiruu jedhe.

Odeeyfannoo walfakkaatuun lammileen Itoophiyaa achuma Sa’uudii keessatti, bifa walfakkaatuun qaamoolee Nageenya mootummaa biyyattiittin adamsamanii qabaman, manneen hidhaa keessatti dararfamaa jiraatuu BBC’f himaniiru.

11 Comments

  1. Himannaa Dhaddacha Sooraqalbii Himannaan Tiyya:_Haati manaa Tiyya erga walitti dhufnee WG=20 geenteeti jirra alhamdu lillaaha ilmaan 6 wajjiin Arkanneeti jirra.Amma Rakkoon Tiyya Haati manaa Tiyya 1. kabajaa naaf hin gootu 2 ,yeroo hunda qoonqoo Tiyya yeroodhaan naaf hinkennitu 3,Guddisa joolleerratti ana hingargaartu 4,Qulqullina joollee hin eeyidu 5,qulqullina mana kiyyaa hin eeyidu ,kabajaan ani isiifgodhuufedhu Narraa xiqqeeyisiti qaalii kiyya hingootu jireenya kiyya booreyisutti jirti.Asirratti mee maal naanjettan?

  2. mootummaa duniyaa isa/ishee hamaa/hamtuu dandeettii isaatiin rabbiin hundee isaanii nurraa haa gogsu lammii keenya rabbiin nagaanuuf haa godju.

  3. iinshaa allaah rakkoo tana rabbiin nurraa haafuru akka biyyatee nyarraa namnitokko hinbaqannetti rakkoon biyya birastuu akka nubiratti furamtutti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button