Yaa’iin idilee 4ffaan majlisa godina Arsii guyyaa lamaaf Fulbaana 15-16/2014 geggeeffamaa ture milkiin goolabamuu gabaafame.
Sagantaa kana irratti perezdaantii Majlisa Oromiyaa Shek Hajjii Ibraahiimii fi Hoggansa Boordii irraa Barsiisaa Badiruu Mahammad kan irratti argaman yoo ta’u, miseensoonni mana marii ulamaa’ii fi hogganttootni boordii aanaa Godina Arsii hundi irratti argamuun qooda fudhachuu Odeeyfannoon ni addeessa.
Yaa’ii kana irratti gabaasa bara 2013 fi karoora bara 2014 maree bal’aa irratti erga geggeessanii booda mirkaneeffatanii jiru.
Dhuma irratti aanaalee raawwi hojii bara 2013 fakkeenyummaa gaariin raawwataniif badhaasni waraqaan galataa kan keenname yoo ta’u, Namoota dhuunfaan dalagaa gaarii raawwaraniif badhaasni kennamee jira.
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…
Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda…
Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa…
Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba.…
Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka…