header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Bineesan Uumama Sadi Fakkaatu (Okaappii)

okapi

Rabbi Qur’aana keessatti namni qalbi qabu uumama dachii irra jiru kana xiinxallee akka hubatu nu affeere. Kun ammoo akka nuti Rabbummaa isaa beeknuufi wantoonni dachii tanarra jiran cufti isaanii waan tasa argaman akka hin taane akka hubannu nu gargaara. Namni musliima ta’eef wanti dachii fi samii keessa jiru cufti isaatu uumama Rabbii akka ta’e ni beeka. Garuu adaduma uumama kanniin xiinxallaa ilaaluun iimaanni isaa daran dabalaa deema. Dhugumatti uumamni Rabbii cufti isaatuu kan ajaa’ibaati.

Bineensi suuraa irratti mul’atu kun “Okaapii”jedhama. Bineensa kana yoo jalqaba ijaan argitan waan harree diidoo argitan isinitti fakkaata. Garuu xiyyeeffannaan yoo laaltan ammoo farda ta’uu mala jettanii shakkitan. Garuu ammas xiyyeeffatanii yoo ilaaltan, Harree diidaas, Fardas akka hin taane hubattan. Kana booda bineensi kun maal inni laata jettanii of gaafatutti seentu.

Dhuguma bineensa kana harree diidoo jettanii tilmaamuun keessan sirriidha. Sababni isaa okaapiin harka isaa fi miila isaa kan duubaa irraa hanga sarbaa isaatti halluun jiru qajeelatti isa harree diidootiin wal fakkaataa dha. Ajaa’ibni halluu barruu kanaa akkuma isa harree diidootti garaagarummaa qabaatuu isaati. Okaapiin hundi isaatuu halluu barruu kana kan mataa ofii qaba. yaa uumaa Rabbii keennaa.

Qaamni isaa kan harkaa fi miilaatiin ala jiru ammoo bifa farda magaalaatiin wal fakkaataa dha. Bocni qaama isaa ammoo saattawwaadhaan wal fakkaataadha. Garaagarummaan saattawwaa fi Okaapii jidduu jiru dheerinna isaanii qofa.  Bineensi kun kan argamu Ardii Afriikaa biyya dimookraatik rippabliik koongoo keessatti. Dheerinni isaa fuula irraa hanga eegee isaa jiru meetira 2.5 kan ta’u yoo tahu, lafarraa hanga ceekuu isaa kan jiru ammoo meetira 2 ta’a. ulfaatinni okaapiidhaa kiloograama 200 hanga 350 ta’a. Ajaa’ibni bineensa kanaa kan biraa uumama biraa irraa adda ta’een,  warri dhalaadhaa guddina qaamaatiin warra dhiiraa caaluu isaaniiti.

Okapi dhiiraa

Okaapiin dhiiraa gaafa gabaabaa kan gogaan haguugme kan ‘oosekoon’ jedhamu kallacharraa qaba. wal fakkeenyi bineensi kun saattawwaa waliin qabu keessaa inni tokko lameen isaaniituu yoo deeman harkaa fi miila gama tokkoon jiru wal faana fuudhuu isaaniiti. Bineensonni miila afur qaban hedduun isaani yeroo harka isaanii kan fuuldura kan mirgaa sochoosan, miila isaanii kan bitaa sochoosan. Okaapii fi saattawwaan garuu harkaa fi miila mirgaa wal faana sochoosu.

Okaapiiin arraba dheeraa qaba. Arraba dheeraa kanaan balfa ijaa fi gurra keessa jiru ittiin qulqulleeffachuu danda’a. Baala garagaras gara afaanii galchuuf arrabuma isaanii kana fayyadaman. Sanyiiwwan baalaa 100 ol ta’an kan sooratan yoo ta’u, guyyatti nyaata hangga kilograama 27 ulfaatuu nyaata.

Okaappiin garee uumee waliin hin deemu. Okaappiin cufti kopha kophaa kan deeman yoo ta’u, carraan okaappiin lama waliin deemuudhaa haadhaa fi ilmoo jiddutti qofa argama. Okaapiin takka waggaa lama keessatti ulfooftee ilmoo dhaluu dandeetti. Yeroon dheerina ulfaatis hanga ji’a 15ti. Ilmoon dhalatus daqiiqaa soddoma keessatti qajeelee dhaabatuu danda’a.

 

Comment

Back to top button