Mu’jizaa Samii keessa jiru

 Qophii Abu Ibtisam

Namoonni heddu,  Anbiyoonni amma dura dabran hundi, Mu’ujizaa addaa qaban, Mu’ujizaan Nabi Muhammad ﷺ hoo maali? Jedhanii gaafatu. Mu’ujizaan Rasuula keennaa yoo laakkawutti seenne haalaan heddu. Garuu mu’ujizaalee Rasuula keenyaaf kennaman keessaa kan addaa, Qur’aana Kabajamaadha. Qur’aanni Mu’jizaa bara baraati. Akkuma bara Rasuulaa ﷺ Mu’jizaa guddaa tahe san, hardhas Addunyaa guutuuf mu’ujizaa ajaa’ibaati. Mee  aayaata Qur’aanaa takka waliin haa ilaalluu. Rabbiin suuraa Anbiyaa’ Aayaata 32 irratti akkana jedha.

وَجَعَلۡنَا ٱلسَّمَآءَ سَقۡفٗا مَّحۡفُوظٗاۖ وَهُمۡ عَنۡ ءَايَٰتِهَا مُعۡرِضُونَ ٣٢

“Samii tanas jaaramaya eegamtuu isii taasifne. Garuu isaan Mu’ijizaa isii tanarraa garagaloodha” (Al Anbiya :32)

Akka aayaa qur’aanaa kanaatti Samiin nu gubbatti argamu kun jaaramaya eegamaadha. Jaarmaya eegamaa jechuun maal jechuu dha? Mee waan saayintistoonni jedhan waliin ha ilaallu. Atmoosfeeriin (baqqaanni qilleensaa) nu gubbatti argamu gaaziiwwan garagaraatiin guutamee jira. Gaaziiwwan ija keenyaan arkuu hin dandeenye, kan 10,000 km ol furdatanii fi dhagaa caala jabaatantu argama. Mee amma wantoota baqqaana qilleensaa kana keessatti argaman dalagaa isaanii haa ilaallu.

Baqqaanni qilleensaa kun dachii irra jiraannu kana irraa meteors and meteorites (Qaama urjiilee irraa caccabee  gara dachii kanaa dhufu) irraa ittisa. Guyyaa cufa samii irraa qaamni urjiilee irraa caccabu  kunniin kan miiliyoonaan lakkaawamantu gara dachii teenyaa tana kufa. Gariin isaanii gurguddaa yoo ta’an gariin isaanii ammoo xixiqqoo dha. Bifti isaanii transparent (bifa ijaan hin mul’anne) waan ta’eef ijji ilma namaa waan kana arguu hin dandeettu. Garuu namni halkan  gara samii ilaale, qaanqee garagaraa yeroo bakka tokko irraa gara bakka biraa socho’an arguu ni danda’a. Wantoota ijji ilma namaa arguu hin dandeenye kanatu guyyuu baqqaana qilleensaa nu gubbaa jiruun nurraa ol deebifamaa jira.

Osoo baqqaanni qilleensaa kun jiraachuu baatee, silaa wanti lubbu qabeeyyii jedhamu dachii kanarra hin jiraatu. Dachiin tunis wantoota samii irraa darbamaniin jireenyaaf mijaawaa ta’uun isii hafee boolla qofaan guutamti ture. Astroonootoonni Addeessarratti qorannoo godhanii  mudannoo kana arguu danda’anii jiru. Qaamni urjiilee irraa caccabe gurguddaan samii keessaa gara ji’aa bu’u kun, boolla hedduu addeessa gubbatti uumuu danda’ee jira. Kanaaf yeroo ammaa kana suuraa saatalaayitti irraa kaafame kan ji’aa yoo arginu, boolla xixiqqoo hedduu argina.

Qaamni urjiilee irraa caccabaa gara dachii dhufan  kunniin yeroo baqqaana qilleensaa nu gubbaa jiru bira gahan, qilleensa keessatti makamuudhaan gara daaraatti jijjiiramanii badan.

Tajaajilli lammaaffaan baqqaana qilleensaa kanarraa argannu caarallaa biiftuu miidhaa nurraan gahuu danda’u nurraa deebisuu isaati. Ifni aduu irraa dhufu qajeela osoo gara lafaa bu’ee, lubbu qabeeyyii dachii irra jiran cufa isaanii barbadeessa. Haa ta’u malee baqqaanni nu gubbatti argamu kun caarallaa aduu irraa dhufu dhimbiibuudhaan, madaalee waan dachiif gahaa tahe erga dabarseen booda kan hafe ammoo gara samiititti ol deebisa. Baqqaanni qilleensaa kan Oozoon jedhamu kun, waan gara dachii tanaa dhufee silaa miidhaa geessuu danda’u nurraa deebisuudhaan akka gaachanaatitti nu tajaajilaa jira. Ifni altraa vaayooleet jedhamu kun miidhaan ilma namaa irraan gahu jabaadha. Garuu galanni Rabbii baqqaana qilleensaa kana nuu uumee, samii  jaarmayaa eeggamaa nuuf godheef haa ta’uu, ammas haala gaariin socho’utti jirra. Saayintistoonnis dhimma kana irratti, baqqaanni qilleensaa oozoonii jedhamu sababa garagaraatiin haphachaa akka jiru himaa jiran. Gaafa inni haphatee ifaa samii irraa dhufu nurraa deebisuu dadhabe,  rakkoo jabaa keessa akka seennu tilmaamama.

Faaydaan sadaffaan baqqaana qilleensaa irra argannu ammoo akkuma ifaa aduu nu miidhuu danda’u nurraa dhoorkutti, qabbana hamaas nurraa ittisa. Hawaan nu gubbatti argamu kun akkaan qabbanaawaa dha. Namni gaarreen dhedheeraa irra bahe dhugaa tana arguu danda’a. Fiixeen gaarreen dhedheeraa cufti isaniituu cabbiidha. Haaluma kanaan adada samii keessa ol fagaataa deemnuun qabbanti dabalaatuma deema. Avreejiidhaan qilleensi hawaa baqqaana qilleensaatiin olitti argamuu digrii seentgreedii -270 taha. Hubadhaa, bishaan digrii sentigreedii 0 irratti cabbii tahee goggoga. Qabbanni amma isiniif hime kan hawaa baqqaana qilleensaatiin olii ammoo, °C -270. Alhamdulillaah dachiin teenya tun qilleensa qabbanaawaa akkanaa irraa eeggamtee jirti. Galanni ammas Rabbii baqqaana qilleensaa nuuf uumeef haa ta’u, ifni aduu samii irraa dhufe erga dhimbiibamee gara dachii dabarfameen booda, akka deebi’ee gara samii hin deemne baqqaana kanaan dhoorkama. Akkasumas ifaa aduu irraa argamu gara naannoo hundatti facaasuudhaan, naannoon cufti hoo’aa fi ifa akka argatan taasisa. Akkaatuma sochii qilleensa naannoo sanii irratti hundaa’uudhaan, baqqaanni qilleensaa nu gubbatti argamu kun hoo’i haala mijaawaa ta’een naannoo cufa akka wal gahu taasifama. Osoo silaa baqqaanni qilleensaa kun jiraachuu baatee, aduun yeroo hunda naannoo sararaa mudhii lafaa irratti waan argamtuuf, hoo’i naannoo mudhii lafaa jiru kun akkaan guddaa ta’aayyu. Yookaan ammoo qabbanti bantiiwwan kaabaa fi kibbaatitti argamu jireenyaaf rakkisaa ta’a ture. Haa ta’u malee sababa baqqaana qilleensaa kanaan hoo’i aduu irraa argamu bifa madaalawaa ta’een haala naannoo saniif mijaawuun akka wal gahu bittinneeffama.

Baqqaana qilleensaa kanniiniin cinatti baqqaana Van Allen Belt Jedhamutu jira. Baqqaanni kun bara 1958titti sayintistii biyya Ameerikaa kan Van Allen jedhamuun argame. Maqaan isaatiis saayintistii kanarraa itti moggaafame. Baqqaanni  Van Allen kun dachii tanarra marsee kan argamu yoo ta’u, caarallaa aduu irraa dhufu dabalatee, elekroonoonni miidhaa hamaa ilma namaa irraan gahuu danda’an akka gara lafaa hin dabarre dhoorka. Baqqaanni Maagneetik Fiild irraa ijaarame kun humna jabaa kan qabu yoo ta’u, oowwa  aduu dabalatee wantoonni miidhaa geessan kan samii irraa dhufan akka hin dabarreef akka gaachana lafaatitti tajaajila. Anniisaan baqqaana kana keessa jiru, Anniisaa Boombii Atomikii Ameerikaan Hirooshimaa irratti darbite, dachaa biiliyoona 100n caala. Gaachanni kun caarallaa aduu dabalatee, prootoonaa fi elektoona gara dachii tanaa dhufan, fageenya dachii tanaa irraa maayila kuma 40 irratti akka dhaabbatan godha. Ammas osoo silaa Baqqaanni kun jiraachuu baatee,  wanti lubbuu qabu takkalleen dachii tanarra hin jiraatu.

Baqqaanonni kunniin cufti isaaniituu akka nu fayyadaniif jecha Rabbii keenyaan nuuf uumaman. Humni hundi isaatuu ka Rabbiiti. Rakkoolee amma asii olitti ibsine cufa irraayyuu kan nu eege Rabbii keenya. Baqqaanonni amma dubbanne cufti isaaniituu sababaa tahan malee, kan rakkoo cufa irraa nu eege Rabbii keenya. Rabbii samii kana gaachana nuuf godhetu dhimma kana waggaa 1400 dura Qur’aana keessatti nuuf ibse. Bara maqaan saayinsii hin beekkamne sanitti, Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ samiin kun gaachana nuuf ta’uu isaa karaa wahyii itti buufameen qofa beekuu danda’an. Kanaaf shakkii takkaan malee qur’aanni jecha Rabbiiti jenna.

Comments are closed.

Have questions? Search our knowledgebase.