Og-BarruuTafakkur

Piikook (Peacock)

Tarii allaattiiin kun biyya keenya keessatti argamuu baatus maqaan isaa garuu haarawaa miti. Simbirri kun Piikook jedhama. Allaattiin Piikook jedhamu gosa allaatti jiddu galeessaa keessatti ramadama. Baay’inaanis biyyoota gama baqqaana Kibbaatti argaman keessa jiraata. Irra jireessaanis biyya Indiyaa keessatti argama.

Addunyaa kana irra gosti Piikook Sadihitu argama. Isaanis: Afriikaan Koongoo Piikook, Indian Piikook fi Green Piikook jedhaman. Gosti sadanuu jalqaba kan jiraataa turan biyyoota Eeshiyaa keessa qofa ture. Amma garuu biyyoota Afriikaa fi Awustraaliyaa keessattis argamu.

Congo Peackok

Piikook waan addaa  kan ittiin beekamu qaba. Innis baallii isaa kan eegee irratti argamuu dha. Baalliin isaa kunis kan argamu allaattii dhiiraa irratti yoo tahu, haala ajaa’ibaatiin haga meetira lamaa dheerachuu danda’a. Ilaalchattis akkaan bareedaadha. Bifa isaatis haala garagaraatiin jijjiiruu danda’a. Baalliin kunis akkuma simbirroota hedduu dhalaa ofitti harkisuudhaaf kan tajaajiluudha. Warri dhiiraa baallii kana yoo fedhan akka sahanaa diriirsanii qilleensa irra hafarsuu danda’an. Yoo fedhanis akka nama elektrikiin qabeetti hargufuu danda’an. Baallii kana irra bocni ija fakkaatu hedduminaan jira. Piikook ija heddu baalli irraa qabu dhalaa ofitti harkisuu danda’a. Gama biraatiinis wayta diinni isa miidhu itti dhufu sodaachisuudhaaf itti tajaajilama. Diina isatti dhufe sodaachisuuf baalli isaa kana ol kaasuudhaan guddaa of fakkeessa. Diinni itti dhufes allaattii kana bineensa guddaa kan biraa sehee jalaa dheessa.

Indian Peackok

Piikook bineensota Omniivaras jedhaman keessatti ramadama. Kanaafuu yeroo barbaadetti baala, firii fi mukkeen garagaraa akkasumas raammolee garagaraa soorata. Dabalataanis hoosiftootaa fi reepitaayiloota xixxiqqoo ta’an soorata. Haala kanaan nyaata madaalawaa ofii gosa garagaraa irraa mimmiijeeffata. Akkuma Rabbiin Piikookiif waan sooratu uume, gama biraatiin ammoo Piikook bineensota biraatiin ni nyaatama. Diinni hamaan Piikook Adurree, Jeedalaa fi Qeerransa fa’a.

Avreejiidhaan Piikookiin tokko hanga waggaa 20 jiraachuu danda’a. keessattu kanneen bosona keessaa baafamanii paarkii keessatti kunuunfaman waggaa dheeraaf jiraachuu danda’an.

Green Peackok

Maqaa Allaattii kanaa Afaan Oromoon argachuun hedduu rakkisa. Kanaaf haga ammaa Piikook jedhaati fayyadamne. Kanaaf maqaa isaa kana yoo ilaallu jecha ‘cock’ jedhu argina. Cock jechuun handaaqquu kormaa jechuudha. Kanaafuu Piikook jechuun maqaa allaattii dhiiraa qofa kennameedha. Ergasuu maqaan warra dhalaa hoo maali? jechuun keessan hin oolamu. Afaan Ingiliffaatiin Allaattiin tun Piiheen jedhamti. Hen jechuun lukkuu dhalaa jechuu dha. Allaattiileeen lamaan kun walitti maqaan isaanii Piifoowl jedhamu. Garuu yeroo heddu maqaa Piikook jedhamuun beekaman.

Wayta wal hormaataa alaattiin kun baallii isaa ajaa’ibaa san waaqa keessa ol dheerreessuudhaan warra dhalaa ofitti akka waamu armaan olitti ibsinee jirra. Kana booda Piikookn tokko hanga Piiheena 6 wajji wal qunnamtii salaa raawwata. Piiheenonni kunninis hanga hanqaaquu saddeetii kan bifti isaanii magaala ta’e hanqaaqan. Turtii ji’a tokkootiin boodas cuuciileen hanqaaquu kana keessaa bahu. Kana booda warri dhalaa gargaarsa warra dhiiraatiin malee cuucii  ofii guddisanii bakkaan gahan.

Allaattiin kun hedduminaan kan argamu eddoowwaan akka gammoojjii fi bosona saavaanaatti.

Indian Peackok
African Congo Peackok
Green Peackok

Comment

Related Articles

Back to top button