header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkurTana Quba Qabduu

Waa’ee qaama keenyaa hagam takka beeyna?

 

  • Avreejiidhaan onneen teenya daqiiqaa tokko keessatti yeroo 80 dhahatti. Saa’aa tokko keessatti yeroo 4,800 jechuudha. Kana jechuunis guyyatti yeroo 115,200,  Waggaa tokko keessatti ammoo yeroo 42,048,000 dhahatti. Namni waggaa 80f addunyaa tanarra yoo jiraate onneen isaa yeroo 3,363,840,000 dhahatti.
  • Afaan keenya guyyaa tokko keessatti gororora litira tokko tahu maddisiisa. Hubadhaa, gororaa guyyaa tokko qofatti afaan keenya keessatti maddutu litira tokko guutuu dandaya.
  • Ilmi namaa avreejiidhaan daqiiqaa takkaaf osoo hin harganin turuu ni dandaya. Haa tahu malee namichi Tom Sietas jedhamu daqiiqaa 22 fi sakandii 22f harganuu dhabuudhaan galmee warra beekkamoorratti galmaayee jira. Namichi kun bishaan keessaa osoo ol hin bahin daqiiqaa 22 oliif turuu dandayee jira.
  • Ilmi namaa yeroo heddu ofiin akka haasawu quba qabduu? Keeysattuu yeroo namni nama bira hin jirre namni ofiin haasawan. Garuu hedduun namaa waan kana ofirraa hin beeku. Akka qorannoon mullisutti namni tokko  Avreejiidhaan guyyaa tokkotti jechoota haga 5000 dubbata. Haa tahu malee wanti walakkaa ol tahu waanuma ofiin haasawu.  
  • Bishaan Qaama keenya keessaa jiru irraa parsantiin tokko yoo hir’ate ni dheebonna. Akka qorattoonni jedhanitti qaama keenya keessaa parsantii 70 kan tahu bishaani. Kana jechuun namni ulfaatinni isaa kilograama 68 tahe, bishaan leetira 41 tahutu qaama isaa keessa jira. Bishaan leetira 41 tahu kana keessaa parsantiin tokko yoo hir’ate ni dheebota. Bishaan parsantii tokko jechuun ammoo waan leetra walakkaa hin guunneedha.Ilmi namaa soorata malee ji’a tokkoof turuu dandaya. Bishaan malee torbaan tokkoo ol turuun garuun hin dandayamu.
  • Qeensi keenya kan qubbeen harkaa, qeensa keenya kan qubbeen miilaa caala saffisaan guddata. ashaaraan quba nama hundaatuu adda adda tahuun ni beekama. Namuu ashaaraa qubaa kan mataa isaa qaba. Ashaaraa qubaa qofa osoo hin taane, ashaaraan arrabaa fi kan hidhiitis kan nama hundaatuu garaagarummaa qaba.
Back to top button