header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Ulfaatina Duumessaa

Qophii: Abu Ibtisam

Duumeessi  qilleensa nu gubbaa keessatti argamu kun ulfaatina qaba. Qabxii kana ilaalchisee qajeela gara argama saayinsiitti osoo hin dabrin dura mee aayatoota qur’aanaa waa’ee duumessaa irraa dubbatan haa ilaallu.

“Inni isa bubbee gammachiisaa taasisee rahmata isaa dura erguudha. Yeroo isiin DUUMESSA ULFAATAA baadhatte, gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun Kudraalee hunda biqilchine,”¦”

Al A’araaf 57

“Inni isa kan sodaattaniifi kan kajeeltan taatanii hangaasuu isin agarsiisuu dha. DUUMEESSA ULFAATAAS ni uuma.”

Ar-Ra’ad 12

Akka aayatoota qur’aanaa lamaan kannniin irraa hubatuu dandeenyutti, duumessi nu gubbatti argamu salphaa akka hin taanee fi ulfaataa akka ta’e ifaan ibsamee jira. Amma ammoo mee gara saayintistootaa deebi’uudhaan waa’ee kanaa maal akka jedhan waliin ilaalla. Akka qur’aanaa kanatti ulfaataadha jedhanii jiran moo faallaa isaatiin salphaadha jedhanii jiran laataa?

Akka qorannoo dhiheenya kana geggeeffametti waa’ee duumessaatiin walqabatee lakkoofsi himamaa jiru kan nama ajaa’ibsiisuudha. Fakkeenyaaf duumessi cumulus jedhamu ykn duumessa hangaasuu jedhamuudhaan beekamu, ulfaatina toonii kuma 300tti dhihaatu qaba. Tooniin tokko kiilograama 900 waan ta’eef, ulfaatina duumessa nu gubbaa jiruu kana kiiloograamaan beekuu yoo barbaaddan 900n baay’isuudha. Duumessi hagana ulfaatu kun sanuu utubaa takkaan malee samii irra akkanatti dhaabbachuun isaa, inumaayyu yeroo bubbeedhaan bakka tokko irraa bakka biraatitti dhiibamu arguun akkaan nama ajaa’iba. Duumessi ulfaataa ta’uun isaa qur’aana keessatti ibsamuun isaa ammoo Qur’aanni jecha Rabbii ta’uu isaa daran akka amannu nu taasisa.

Ulfaatinni duumessa naannoo bal’ina hektaara 5000 irratti rooba  buusu ammoo toonii kuma 500 ulfaata. Saayintistoonni dabalataan akka ibsanitti duumessi cumulus jedhamu kun inni xiqqaan isaa haga Arba lamaa ulfaata. Walumaagalatti dumessi kun avreejiidhaan bishaan haga Arba 100 ulfaatu of keessaa qaba jedhanii goolaban.

Ammas gaafii biraa of haa gaafannuu. Bara qur’aanni buufamu sanitti, jaarraa 14n dura yeroo ummanni waa’ee kanarraa beekumsi qaban akkaan gad bu’aa ta’etti ulfaatinni duumeessaa akkamitti qur’aana keessatti ibsamuu danda’e? ilmi namaa cufti isaatuu sosochii duumessa nuhi gubbaa  jiru ilaalee ‘duumessi salphaadha’ yaada jedhu of keessaa qaba. Haa ta’u malee duumessi hundi isaatuu toonii kumoota dhibbaan lakkaawamu akka ulfaatu beekuu dandeenyee jirra. Dhugaan kun ammoo qur’aana keessatti haala ifa ta’een ibsamee jira. Namni aqlii fayyaa qabu, odeeyfannoo akkanaa erga dhagaheen booda akkamitti qur’aanni jecha Rabbiitii miti jedheetiin kijibsiisaa? Odeeyannooleen Qur’aana keessatti ibsamanii jiran akkamitti dhugaa saayinsiin reef tana bira gayaa jirtuun wal simuu danda’e laata?

Gaafilee kanniin cufaaf deebiin nuti argachuu dandeenyu tokko qofa. Qur’aana kana Rabbii dachii fi samii uumee, duumessa toonii hagana ulfaatus keessa kaayetu buuse deebii jedhu arganna. Rabbii guddaatitu duumessa kanniin qilleensaan gara biyya garagaraa ofuudhaan, isaan keessatti bishaan heddu kuusee lafa du’ee tures ittiin jiise, lubbuu itti deebise. Eeyyan Rabbii duumeessa kana uumetu qur’aana kanallee nuuf buuse.

Back to top button