header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Guchii-allaattii barrisuu hin dandeenye

Guchiin Allaattii guddinaan beekaman keessaa isa tokko. Haalli uumama isaa Rumichaan walitti dhihaata. garuu guddinaan dachaa heddu Rumicha caala. Mormi Guchii  hedduu dheeraadha. Guchiin Kormaan dheerinni  isaa meetira 2 ol ta’a. Kana jechuun guchiin dheerinnaan ilma namaa ni caala jechuudha. Guchiin guddina qofa osoo hin taane, allaattiiwwan  dachii tanarra jiran hunda caala saffisa ajaa’ibaa qaba.  Sa’aa 1 keessatti hanga KM 70 fiiguu danda’a. Kunis sa’aa 1 keessatti Magaalaa finfinnee irraa hanga moojoo caalaa fiiguu danda’a jechuudha. miilli isaa haalaan dheddheeraa waan taheef, wayta fiigu  yeroo tokkoon meetira 3 hanga 5 tarkaanfachuu danda’a. Hanga silaa atleetiin cimaan saffisa ol aanaa irra osoo jiru  yeroo 3 tarkaanfatu guchiin yeroo 1 qofa tarkaanfata.   Subhaan ALLAAH.

Guchii Wayta fiigu

Guchiin sanyii Allaattii  keessatti ramadamus, sababa guddina isaa irraa kan ka’e samii irra barrisuu hin danda’u. avreejiidhaan kg 100 ol ulfaata. Qaama hagana ulfaatuun samiirra barrisuun waan hin yaadamneedha. Kanaafuu balaa diinarraa isa mudatu yeroo heddu  saffisa qabu kana fayyadamuun  fiigee jalaa miliqa. Gama biraatiinis qaama hangas dheeratu kana lafarra diriirsuudhaan of dhoksa. Dabalataan ammoo humna ajaa’ibaa qaba. Guchiin diina isaa miila isaa qaqal’aa saniin yoo dhiite, miidhaa hamaa geessuu danda’a. Yeroo takka qofa dhiitee ilma namaatii fii bineensota akka leencaa ajjeessuu danda’a. Yaa Uumaa Rabbii keennaa. Guchiin akka allaattiitti koola qabaattus koola saniin barrisuu hin dandau. Kanaaf Rabbiin keenna badhaasa biraa kan ittiin diina ofirraa ittisu kenneef. Mootiin Aalamaa uumaan addunyaa Waan fedhe akka fedhetti uuma.

Guchii malee allaattiiwwan hundi miila tokkorraa quba 3 ykn 4 qabu.  Allaattii hunda keessaa bineensi miila tokkorraa quba 2 qofa qabu guchii qofa. Qeensi qubbiin isaa irratti argamus haalaan qara qaba.
Guchiin baay’inaan kan argamu Afriikaa keessatti. Guchiin sanyii bineensota Oomnivaras jedhamu keessatti ramadama. Kana jechuun waan hunda sooratuu danda’a jechuudha. Yoo barbaade foon, yoo barbaade ammoo biqiltootas sooratu danda’a. Kanaafuu Guchiin baala biqiltootaa, ilillii, sanyii biqiltootaa fii marga, akkasumas raammoolee fi ilbiisotas ni soorata. Yeroo heddu  raammoolee garagaraa lafa keessaa qotee baasuudhaan soorata. Morma qal’aa dheeraa qabu san lafa jala gad dabarsee qotee waan barbaadu baasee nyaata.

Miila Guchii

Haalli jireenya guchii gama tokkoon jiruu ilma namaatiin wal fakkaata. Jiruu ilma namaa keessatti kan ilmaan hortee guddiftu haadha. Gama birootiin akka haati ilmaan kana hortee nagayaan guddiftu kan gargaaruu fi kan waan isii barbaachisu hunda guutuuf abbaadha.  Guchiinis haaluma kana fakkaatu qaba. Guchiin yeroo heddu gareedhaan jiraata. Gareen kunis dhiira tokko, haadha warratii fi ilmoolee of keessatti hammata. Yeroo dhalaan hanqaaquu buusuu geette guchiin kormaan (abbaan worraa) goojjoo meetira 3 bal’atu ijaara. Dhalaan guchiitis goojjoo kana keessatti hanqaaquu hanga 20 hanqaaqxi. hanqaaquu 20n kana keessaa kan ilmoon keessaa baatu 2 ykn 3 hin caalu. wanti sanirraa hafe balaa adda addaatiin dhuma.  Qamalee , jeedala, Culullee, Rumichaafii bineensonni biroo heddu diina hanqaaquu guchiiti. Ajaa’iba uumaa keenyaa. Akkuma qaamni guchii guddaa ta’etti hanqaaquun guchiitis akkaan guddaa dha. hanqaaquun Guchii inni guddichi hanga kG 2.2 ni ulfaata.  Hanqaaquu allaattiiwwanii  keessaayis isa guddicha. Hanqaaquun Guchii 1 killee lukkuu 20 caalaa ulfaata. dherinni hanqaaquu Guchii hanga ganaa namaa ni dheerata jechuudha. Subhaan ALLAAH.

 

Hanqaaquu Guchii

Addunyaa kanarra sanyiin guchiidhaa 5 akka argamu qorannoon ni addeessa. Hundi isaaniitis kan argaman afriikaa keessatti. Garaagarummaan sanyiilee kana jidduu jiru bifa malee guddinaa fi dheerinni isaanii walumatti dhihaata.

Guchiin qaamaan guddaa waan taa’eef diina jabaa isa adamsu hin qabu. Guchii uggee kan itti dhihaatu bineensa humna jabaa fi saffisa qabu qofa. Sababnis, akka tasaa al takka guchiidhaan dhiitamnaan balaa guddaaf saaxilamuutu mala. Diinni guchii jabaan ilma namaati. Ilmi namaa baallii guchii faayaaf waan barbaduuf guchii barbaadee adamsa. Akkasumas naannoo tokko tokkotti nyaataaf adamsama. gama birootiin bineensonni akka leencaa, warbaa ( Abboo Shammaanee), waraabessaa fi Naachaatis  diina Guchiiti.

Guchiin akkuma guddina qabu koola ykn goflaa haalaan gugurddaas qaba. Eega ittiin hin bararree koolli gurguddaan kun maaliif irratti uumame jettanii gaafachuun keessanis ni mala. Rabbiin sababaa malee waa hin uumu. Qaama faaydaa hin qabnes uumama isaa irratti hin uumu. Guchiin guddina isaa wajji wayta fiigu saffisa guddaadhaan fiiga. Wanti fiigicharratti saffisa guddaa qabu immoo dhaabachuuf hedduu rakkata. Koolli guchiitis fiigicharratti hedduu isa gargaara. Osoo fiigu yoo dhaabachuu barbaade koola isaa lamaan addaan bana. Wayta san rakkoo tokko malee dhaabachuu danda’a. Osoo saffisa guddaan fiigu yoo kallattii isaa jijjiiiree gara mirgaa goruu fedhe, koola isaa ka bitaa ol bana. Akkasuma yoo gara bitaa goruu fedhes koola isaa kan mirgaa ol qaba. Wanti ilaalcha keenyaaf waan faaydaa hin qabne fakkaatu hundi isaatuu waan irratti uumameef faaydaa qaba. subhaan ALLAAH.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button