Sattawwaa

Sattawwaan bineensota kotte duudaa ta’an keessa isa tokko yoo tahu, bineensota dachii tanarra jiran hunda caalaa morma dheeraa qaba. Sattawwaan Kanaaf bineensa dheeraa addunyaa kanaa jedhamee beekkama. Kan argamu ammoo naannoo sub-saharaa Afriikaatti. Naannoo bosona gurguddaa fii mukkeen dhedheeraa malee hin jiraatu. Walumaa galatti sanyiin sattawwaa sagal dachii kanarra akka jiru qorannoon bira gahamee jira.

Saattawwaan dheerinna morma isaatiin wal bira yoo qabamu miilaa fi qaama xiqqaa qaba. Qaamni isaa gogaa bifa adii kan qabu yoo ta’u, babarruun gogaa isaa irra jiru magaalaa fi kan gara diimaatti dhihaatuu dha. Akkuma ashaaraan quba namaatii fii babarrini gogaa okaappii hundaa garaagarummaa qabu, sattawwaan hundi isaatuu babarrina gogaa hunduu kan  mataa isaa qaba.

Sattawwaan ija gurguddaa qaba. Ijji kun qaroo ajaa’ibaa qaba. Diina fageenya irraa dhufaa jiru ilaalee adda baafatuu danda’a. Kallacharraayis gaafa xiqqoo isii kan gogaan haguugame qaba.

Ija Sattawwaa

Saattawwaan yeroo heddu ganamaa fii  gara galgalaatti bosona keessa deemee baala soorataa dabarsa. Akka malee dheeraa waan ta’eef yeroo lafti gara guyyaa dhihaatu hoo’a aduu dandamachuu waan hin dandeenneef, gaaddisa barbaadee hanga aduun qabbanooftuuf alala dhaha .

Dhalaan saattawwaa gareen tahuun waliin jiraatu. Kunis ilmoolee isaanii gamtaadhaan  diina ofirraa ittisuudhaaf isaan gargaara. Dhiirri garuu kophaa isaa deema. Kormaan Sattawwaa immoo bakka takka hin taa’u. dhalaa barbaacha bakka tokko ka’ee gara biraa imala. Hanga dhalaa haarawa argatutti adabatee hin taa’u. Kanaafuu yeroo heddu sattawwaan kormaan  garagaraa dhalaa takkarratti wal loluun isaanii waan barameedha. Lolli isaaniitiis morma dheeraa san walitti diruun wal’aansoo qabatu. Kan moohate dhalaa san fudhatee hanga isiin dorrobdutti  waliin jiraata. Kana booda gara jireenya baqaa isaatti deebi’a.

Sattawwaa dhaltuu

Rimeenni sattawwaa  ji’a 15f tura. Sattawwaan takkas baay’inaan kan dhaltu ilmoo takka qofa. Lakkuun yeroo heddu waan eeggamuu miti. Ilmoon sattawwadhaa gaafa dhalattu avereejiidhaan haga meetira lamaa dheeratti. Haati sattawwaa dhaa ammoo hanga meetira 6 dheeratti. Ilmoon dhalate tunis guyyaa 15f garee sattawwaatti hin makamu. Guyyaa 15 booda erga humna jabeeffateen booda gareetti makama. Hanga waggaa tokkotti mucha haadha isaa hodhaa. Waggaa takkaan booda garuu harma gu’ee baala soorachutti deebia. Dhalaan garee uumanii ilmoolee isaanii diina irraa akka eegan dubbannee jirra. Garuu akkuma guddataa deemaniin warri dhiiraa garee kana gad lakkisuun gama biraa deemanii dhalaa barbaadattuun Jireenya kophummaa jalqabu.

Sattawwaan morma dheeraa qabu san fayyadamuudhaan baala fedhe muka bineensonni hundi dhaqqabu hin dandeenne irra ciruun soorata. Bosonni haa jiraatu malee nyaata argachuun Sattawwaaf salphaadha. Walumaa galatti sanyii mukaa hanga 60 ta’u ni soorata. Sattawwaan morma dheeraa qofa osoo hin taane arraba dheera iinchii 18 ykn hanga taakkuu 2 dheeratu qaba. Arraba kanaan baala barbaade maree afaan keessa galchuun hidhii jajjabaa fi ilkaan qara qabanitti fayyadamuun ciraa soorata. Baay’inaan kan sooratu baala waan ta’eef bishaan 70% ta’u baaluma kana keessaa argata. Kanaaf jecha bishaan barbaacha yeroo heddu bakka irraa bakkatti hin socha’u. Bishaan qulqulluu yeroo argatantetti garuu dhuguudhaaf mala addaa fayyadama. Morma dheeraa san bishaan bira geessuudhaaf dirqama harkaan bargaaffachuun dirqama itti ta’a. Harka lameen addaan banee gad jedhu malee mormi bishaan hin dhaqqabu.

Arraba Sattawwaa

Diinni saattawwaa hamaan bineensota gurguddaa dha. Isaan keessa kan huggee saattawwaatti dhihaatu Leenca, Qeerransaa fi Waraabessa. Diina isaa kana arginaan, yoo danda’e fageenya irraa ija qaroo qabu saniin arge dheessee jalaa baqata. Yoo walitti dhufan garuu carraan qabu humna miila isaa jabaa sanitti fayyadamee diina ofirraa dhiituudha. kanaan ala garuu carraan sattawwaan  qabu nyaatamuu qofa. Ilmoolee sattawwaa dhalatan keessaa cinaan  isaanii diinaan nyaatamanii du’an.

Sattawwaa fi Leenca

Naannoo Afriikaa jiddu galeessaatti sanyiin sattawaa dhabamaa jira. Gama Afriikaa kibbaatti garuu paarkiileen heddu waan argamaniif sanyiin saataawwaa kun baay’ataa akka jiru dubbatama. Ilmi namaa bineensa kana ilaaluuf heddu waan barbaaduuf biyyoonni gama Afriikaa kibbaa jiran kunuunsa jabaa taasisaa jiru.

Uumaa Rabbii keenyaa laakkofnee keessaa hin baanu. adaduma waan inni uume xiinxallinee laalluun jabina isaa ajaa’ibsiifanna. Ajaa’iibsiifachuu qofaa miti inni danda’aa waa hundaa tahuu hubanna. Akka hordoftoonni amantaa biroo yaadan, Rabbi ilma namaa fayyisuuf samiirraa gara dachii dhufee namarraa dhalatee ilma namaatiif jecha tumamee ajjeefamee fannifame jennee yaaduu osoo hin taane, haala inni qur’aana keessatti of ibseen nutis amanna.
 بَدِيعُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْ‌ضِ ۖ وَإِذَا قَضَىٰ أَمْرً‌ا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُن فَيَكُونُ ﴿١١٧﴾

“inni Samiifi Dachii Gargaarsa homaatuu malee kan uume. yeroo waa uumuu fedhe “Ta’i” jedhaan. wanti sunis hoggasuma ta’a”
Suuratul Baqrah aayaata 117


Rabbiin keenya waan taasisuu fedhe ta’i jedhaan. wanti inni ta’i jedheen limsuu ijaatii gaditti ta’a. Rabbiin keenya waan fedhe yeroo secondii hin guunne keessatti dhabamsiisa. Waan fedhes yeroma akkasii keeysatti argamsiisuu dandaya. wanti hundi isaaf laaftuudha. Rabbii uumaa addunyaa, khaaliqussamaawaati wal ard, jireenya kee nu beeksiftee Qananii islaamummaatiin nu badhaastee galanni si haa gahu. Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin.

 

Comments
Loading...