header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Gaala

Kanaan dura Allaattii dheeraa (Guchii) fi bineensa dheeraa (Sattawwaa) isiniif dhiheeysuun keenya ni yaadatama. Barreeffama kana keessattis bineensa guddaa dheeraa biroo ilaalla. Haalli uumama isaa kan ajaa’ibaati. Bineensota dachii tanarra jiran keessaayis ilma namaatiif faayidaa heddu kenna.

Rabbiin Suuratul Ghaashiyah Aayaata 17ffaa irratti akkana jedha


 Ø£ÙŽÙÙŽÙ„َا يَنظُرُ”ŒÙˆÙ†ÙŽ إِلَى الْإِبِلِ كَيْفَ خُلِقَتْ    

Sila gama Gaalaa hin ilaalanii? Akkamitti akka isiin uumamte.



Rabbiin Aayaata tana keessatti warra Rabbitti amanuu didee kafareef karaa bane. akka uumama isaa qoratanii dandeeytii isaa arganiif. Namni hunduu gaala numa arga. Garuu argaan Qur’aanni baanu argaa qorannoo keessaa argamtu. Haala uumama gaalaa kana akka qoratan Rabbiin Aayaata tanaan karaa bane.

Rasuulli (SAW) akka jedhanitti, namni guyyaa Jum’aa sa’aa duraa irratti gara masjiidaa deeme, akka nama gaala sadaqateeti jedhan. Kunis sadarkaa gaalli bineensota dachii kanarra jiran caalaa qabu kan akeekuu dha. Haaluma kaanaan mee waa’ee bineensa kanaa waliin haa ilaallu.

Bineensota kottee qaban keessaa kan gammoojjii hoo’aa keessatti baay’inaan argamu keessa inni guddaan gaala. Baay’inaanis biyyoota baha jiddu galeessaa, bahaa fi kaaba Afriikaa argama. Naannoo gammoojjii hoo’aa kanattis Gaalli waggoota hedduuf ilma namaa naannoo kana jiraataniif faayidaa heddu kennaa jira. Bineensota dachii tanarra jiran keessaayis kan tajaajila garagraa kennan keessatti ramadama. Ilmi namaa yoo barbaade yaabbiif, ykn immoo qalatee nyaachuuf fayyadama.  Aananii fi gogaan Gaalaatis wantoota akkaan qaaliifi barbaadamaa tahan keessatti ramadamu.

Rabbiin keenya Gaala haala addaatiin uume. Qaamni isaa haala qilleensa naannawaa wajji akka walsimu godhamee uumame. Naannoo goggogaa waan jiidhaa argachuun nama dhibu keessatti qillensaan walsimataa akka jiraatu isa dandeessise. Gogaa isaa irraa rifeensaa heddu walitti tuucha’aa ta’e qaba. Rifeensi kun yeroo hoo’aatti aduu isarraa kan dhoorku yoo ta’u, yeroo qabbanaatti ammoo qaamni isaanii akka hoo’u taasisa. Kotteen isaa dheeraan ammoo hoo’i lafarraa ol ka’u akka qaama ol aanu hin gubne godha. Qubni lamaan kottee isaarratti argamu ammoo adda diriiruudhaan,  rakkoo tokko malee cirracha yoo irra ejjatan nama liqimsu irra akka deemu isa gargaara. Gaalli ija fi funyaan gurguddaa qaba. Gammoojjiin yeroo heddu bubbee heddummaata. bubbeen gammoojjii immoo cirracha lafarraa kaasee dhukkeen naannoo dukkaneessa. Rabbiin keennas Gaalli lafa kanarra jiraatu sababa bubbee fi daaraatiin akka hin miidhamne waan isaaf malu kenneef. Nyaarri gaalaa kan ija gubbaaf jalaan argamu akka nyaara namaa baaltokkee miti. Gubbaafi jalaanis nyaara dacha dachaa qaba. dhukkeefi cirracha bubbeen fuudhee deemuun gaalli takkallee irraa hin cinqamu. Nyaarri haala addaatiin irratti uumame kun cirrachaafii dhukkeerraa haala gaariin ija tiysaaf. Funyaan isaatis wayta bubbeen hamaan dhufu akka cirrachi  gara keessaa hin seenne of cufuu danda’a. akka funyaan namaa yeroo hunda banaadhaa miti jechu. Gama birootiin Gaalli yeroo dheeraaf nyaataa fi dhugaatii  malee turuu danda’a.  Qaama hagana guddatu kanaan nyaataa dhuydoo malee turuun akkamitti danda’ama gaafiin jedhu sammuu keessa isin yaa’uutu mala. Akkuma yoo fageenyarraa laallu arginu, gaalli dalluu haalaan guddaa tahe qaba. Dalluun gaalaa kun guutuun isaa Faatii irraa ijaarame.  Yeroo nyaataafi obaan dhabame kuusaan faatii kun hojii eegala. Waan silaa nyaataa dhugaatii irraa argatu hunda dalluu san keessaa fayyadama. Gaafa rakkoon hammaate achii keessaa gad baasuun itti fayyadama.

Bara Durii Gaala bosona keessa barbaadanii argachuun salphaa ture. Amma garuu bineensa akkaan barbaadamu waan ta’eef bosona keessaa argachuun hin danda’amu. Gatiin gaalaatis akkaan qaalii waan ta’eef ilmi namaa moonaa ofiitti galchee horsiisutti jira.

Gaalli lafa hoo’aa fi goggogaa kanatti gareedhaan jiraata. Avareejiidhaan gareen tokko miseensota hanga 40 of keessatti qabata. Gareen kunis dhiira humna jabaa qabuun durfama. Wayta diinni halaalaa itti dhufus ciniinuudhaan, hancufa itti tufuudhaan, akkasumas qaama isaanii guddaa saniin irratti lafa dhahuudhaan garee isaaniirraa ittisa.

Gaalli wayta deemu akkuma sattawwaa harkaa fi miila gama tokkoon jiru wal faana sochoosa

Gaalli dhalaa gaafa umriin isii sadi ykn afur ta’e akkasumas warri dhiiraa ammoo gaafa waggaa shan guutan wal hormaataaf qophaahaa ta’u. Rimeeyni gaalaa ji’a 13f tura. Ilmoon dhalatus yeroo dhalatu sanitti haga kg 40 ulfaata. Ilmoo haarawa hagana ulfaatu kanaaf battaluma dhalatetti ol ka’ee dhaabbachuun heddu ulfaataadha. Ilmoon kun qajeelee dhaabbatuudhaaf hanga sa’aatii saddeetii tura.  ilmoon gaalaa ji’a 3f Muchuma haadhaa hodha. achi booda baala nyaachuu eegala. ji’a 4 booda immoo harmarraa gu’a.

Gaalli bineensota heerbivaras ykn ammoo baala sooratan keessatti ramadaman. Garuu yeroo tokko tokko lafee goggogaa yeroo nyaatan ni argama. Gammoojjii wantoota jiidhaa ta’an argachuun akkaan ulfaataa ta’e keessatti, gaalli mukkeenii fi wantoota goggogaa ta’an heddu sooratuudhaaf hidhii mijaawu badhaafamee jira. Dabalataanis biqiltoota sooqidda jabaa qaban sooratan. Kana jechuun wantoota isaan nyaatan hedduu isaa bineensonni kuuwwaan hin nyaatan. kanaafuu yeroo heddu bineensi nyaata gaalatti saamu hin jiraatu. Waan bineensonni biroo jibbannii biraa deeman gaalli numa nyaata. Muka akka goraa ka qoreen isaa ofitti nama hin dhiheeysine, gaalli akka fedhetti nyaata. hidhiin gaalaa qoree fedhe akka barbaadetti ciruu danda’a.

Erga yeroo dheeraaf bishaan malee tureen booda bishaan yoo argate yeroo tokkoon hanga litira 180 ( Barmeela tokko) dhuga.

Gaalli ji’a 10f bishaan malee turuu danda’a. guyyaa tokkottis km 30 ol ba’aa kg 200 caaluu baadhateeti gammoojjii hoo’aa san keessa deemuu danda’a.

Rabbiin waan hunda akka isaaf malutti uume galanni isa haa gahu.



 

Comment

Back to top button