Magaalaa tana keessatti du’uun dhoorkaadha.

Jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti magaalonni faaydaa guddaa qabu. Kanaaf namni iddo garagaraa irraa walitti dhufee magaalaa tolchee waliin jiraata. Magaalonni hedduun isaanii tajaajila wal fakkaatuu fi walitti dhihaatu namaa kennu. Gariin magaalota mijjaahoo kan jireenya ilma namaatiif tolan ta’uu malu. Warri hammeenyaan beekamanis ni jiru. Barruu tana keessatti magaalota amalaa fi seenaa addaa qaban muraasa isinii dhiheessina.

Svalbard, Norway: Magaalaa keessatti du’uun dhoorkame

Namni magaalaa tana keessa jiraatu achi keessatti du’uun seeraan dhoorkama. Namni dhukkubsate magaalaa gad dhiisee bahuu qaba. Svalbard magaalaa haalaan qabbanooftuudha. Nama kuma 3 hin caalletu keessa jiraata. Magaalonni hedduun bakka awwaalchaa qabu. Slavbard garuu hin qabdu. Sababni isaa namni magalaa tanatti du’e cabbii keessatti awwalama. Kun ammoo osoo qaamni hin tortorin tursiisa. Haga fedhes yoo ture qaamni gogee hafa malee nyaattamee hin badu. Kanaafuu namni tokko magaalaa tanatti duunaan, awwaalchaaf gara magaalaa biraa geeffamee awwalama.

 

Busingen, Germany: Magaalaa biyya lamaa (BOOSINGAN)

Magaalaan tun gama teessuma lafaatiin biyya Iswiizarlaand keessatti argamti. Daangaan isii marsee jiru, ollaan isii cufti warra iswiizarlaandiiti. Garuu gama bulchiinsaatiin tan Jarmaniiti. Walitti dhufeenyi magaalattii irra hedduun isaa Iswiizarlaand waliin walitti hidhamaadha. Garuu mootummaa jarmaniitu bulcha. Jiraattonni magaalatti bilbila gosa lamaa qabu. Kan iswiizarlaandi fi kan Jarman. Mallaqni ittiin gargaaraman kan Iswiizarlaandiiti. Paaspoortiin isaanii ammoo kan Jarmaniiti.

 

Hell, USA: Azaaba

Ajaa’ibni magaalaa tanaa maqaa isiiti. Namni Afaan Ingiliffaa beeku wayta seensa magaalaa tanaa gahu rifatuun isaa waan hin oolamne. Hula magaalattii irra Barreeffama “Well Come to Hell” jedhutu katabamee jira. ‘Baga nagayaan gara Azaabaa dhuftan!’ jechuudha. San daran wanti nama rifachiisu ammoo, barreeffama kanaan cinatti footoo ibiddaatiifi waan sheeyxaana fakkeessanii kaasantu jira. kun ammo daran nama rifachiisa. Maqaan magaalaa tanaa maal irraa akka moggaafame afoolli gara garaa jiraatus, wanti qabatamaan moggaasa maqaa magaaalaa tana ibsu hin jiru. Magaalaan tun Ameerikaa kutaa Michigaan keessatti kan argamtu yoo taatu, Ameerikaan ala magaalonni birootis kan maqaa kanaa beekkaman ni jiru. Biyya Norwey keessas magaalaan xiqqoon Hell jedhamtu ni jirti. Netherlands ykn Holland keessas magaalaan Hell jedhamtu ni jirti. Ollaa kuubaatti kan argamtu eddoolli Cayman Island jedhamtus magaalaa Hell KY Jedhamtu if keessaa qabdi.

 

Hallstatt, China: Garagalcha ykn Kooppii magaalaa biroo (HOOL STAAT)

Chaayinaan waa kooppii godhuun beekamti. Meeshaan teknoolojii tokko yoo hojjatame, chaayinaan hoggasuma meeshaa san kooppii gootee hojjatti. Wayta kooppii gootu maqaas wal fakkeessitee jijjiirti. Fakkeenyaaf SONY wayta kooppii gootu, SANYO jettee itti moggaasti. PANASONIC wayta kooppii gootu, PANOASNIC jettee itti moggaasti. Waa koppii godhuun kun aadaa itti tahe fakkaata. Meeshaa qofa kooppii godhuun gahaa miti jettee magaalaa guutuu kooppii gootee hojjatte. Austria keessa Magaalaa Hallstatt jedhamtuutu jira. chaayinaan magaalaa taka akkuma jirtutti kooppii goote. Maqaa magaalattiitis akkasumatti fudhatte. Daandiiwwan magaalattii, gamoowwan magaalaa san keessa jiraniifi akkaataan itti jaaraman hundi magaalaa Hallstatt tan Austria keessa jirturraa kooppii godhamee hojjatame. Lammiin Austria kan magaalaa Hallstatt keessa jiraatu yoo gama chaayinaa dhufee magaalaa kooppii godhamte tana dhufe, waan biyya ifiitti gale seehee gara mana isaa deemuu hin oolu jedhamee himama.

 

Slab, USA: Magaalaa mallaqa malee keessa jiraatan (ISLAAB)

Magaalaan kutaa bulchiinsa kaalifoorniyaa keessatti argamtu tun magaalaa namni mana hin qabne, kan soorama bahee fi namni bakka dhaqu dhabe keessa jiraatudha. lammiileen magaalaa tana keessa jiraatan, makiinaawwan caccabanii socho’uu hin dandeenyee fi dukkaanaa garagaraa keessa jiraatu. Magaalaan tun bishaan qulqulluu, tajaajila ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa hin qabdu. Namni magaalaa tana keessa jiraatu, gibiraafi kiraa manaatis hin kafalu. Daandiirra ta’ee waan namni itti sadaqatu soorataa jiraata. Ummanni Slab ummata osoo humaa hin kafalin ummata Ameerikaa keessa jiraatuudha.

 

Matmaataa, Tuniiziyaa: Magaalaa Godaa

Matmaataan magaalaa godaa ykn holqarraa ijaaramteedha. Jiraattoonni isii goda ykn holqa keessa jiraatu. Haga ammaattis magaalaa holqaa ykn godaa jedhamuun beekamti. Namoonni muraasni lafaa irratti mana ijaaratanii jiraatuu jalqabanis, ummanni Barbar jedhamu kan dur irraa kaasee dachii sanirra jiru garuu goda keessa jiraatuu filatee jira.

 

Whittier, USA: Magaalaa bantii tokko jala jirtu (Wiitiyer)

Magaalaan Whittier gamoo tokko qofa kan sadarkaa 14 qabu qabdi. Jiraattonni magaalattii hundi fooqima kana keessa jiraatan. Fooqiin kun yeroo waraana addunyaa lammaffaatti ijaarame. Ammaan tana namoota 200 oltu keessa jiraata. Fooqiin kun; manneen jireenyaa, mana baruumsaa, kilinika, buufata poolisii, waajjira bulchiinsaa fi waan silaa magaalaaf barbaachisu hunda qaba. Gabaabinaan fooqima kanatu maqaa magaalaatiin yaamama jechu.

 

 

 

Chefchaouen, Morocco: Magaalaa cuquliisa

Afriikaa kaabaa Morokoo keessatti magaalaan argamtu tan chefchuun jedhamtu wanti isii hundi cuquliisa. jidaarri, karaan, hulaan bifa cuquliisa dibameera. Akka galmeen seenaa himutti magaalaa tana yahuudotatu hundeesse. Bifti cuquliisni ammoo ummata yahuudaa biratti qulqulluu jedhamee amanama. Sababa kanaaf magaalaa tana gara cuquliisaatti jijjiiran.

 

Colma, USA: Magaalaa reefki janaazni warra lubbuun jiru lakkoofsaan caalu (Kalmaa)

Magaalaan kutaa Kaalifoorniyaa keessatti argamtu tun eddoowwan awwaalchaa 17 qabdi. Namni du’ee Saan Fraansiiskotti awwaalame yeroo muraasa booda boollaa baafamee gara magaalaa tanaa geeffama. Kanaaf lakkoofsi nama du’ee nama lubbuun jiru caalee argame. Warri magaalaa tana keessa jiraatus, warra awwaala qotuu fi sirna awwaalachaa geggeessuudha. Magaalaan tun jiraattoota 1,500 ta’an qofa qabdi.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comments
Loading...