header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qeerransa

Biyya keenya keessatti, bineensota kabajaa guddaa qaban keessaa tokko qeerransa. Qeerransi gootummaadhaan beekama. Namni gootummaa ilma ofiitiif damboobatu maqaa qeerransoo jedhu ilma ofiitti baafata. Hawaasni Oromoo yeroo heddu, qeerransa ajjeesee gogaa isaa uffatee gootummaa ofii ittiin garsiifata. Garuu hammam keenyatu qeerransa ijaan argee beeka? 

Qeerransi gosa adurree jalatti ramadama. Bineensota gosa adurree keessatti ramadaman kanniin adda baasuuf, bineensota hunda isaanii wal bira dhaabneeti ilaaluu qabna. Bineensonni sanyii adurree jalatti ramadaman, Tiger, Jaguar, Cheetah, Leopard fi kkf yoo tahan, bineensota kana adda baafatuudhaaf bifa gogaa isaanii sirritti hubachuun dirqama. Bifa gogaatiin alatti bocni isaanii akkaan walitti dhihaataa dha. Tiger gogaan isaa gama booraa dhihaatee sarara gurraacha irraan gadee sararame kan qabu yoo tahu, Jaguar immoo halluma boora kana irratti, akka qeerransaa sarara irraan gadee osoo hin taane, tuqaalee fii geengoo akka ilillii qaba. Cheetah bifti gogaa isaa boora keessatti tuqaalee xixiqqoo kan qabu yoo tahu, Leopard immoo gogaa bifa boraa irratti mallattoolee akka ilillii kan kan jaguar irraa adda tahe qaba. Akkuma bifa gogaatiin gargaagarummaa qaban, bakki jiraatanii fii haalli itti jiraatanis adda adda. Eega bineensota sanyii adurree (Cat family) jalatti argaman hangana walii bayaansinee, amma gama Qeerransa Tiger jedhamuu dabarree ilaalla.

 

Qeerransi Tiger jedhamu kun bal’inaan kan argamu biyyoota Eeshiyaa keessatti. Walumaa galatti sanyiin Qeerransaa kun hanga 6tu argama. Isaanis Qeerransa Beengaal, Indochinese, Malayan, Sumatran, Siberian fi South china jedhamuun beekkaman.

Qeerransi tokko ulfaatinni isaa haga 300kg ta’a. Qajeelatti yoo dhaabbatu dagalee dheerinni isaa meetira 2.5 yoo ta’u, dandeettii Rabbiin isaan kennetti fayyadamee Qeerransi qaama isaa kana yeroo barbaadetti haga meetira 4 diriirsuu danda’a. Qeerransi bineensota akkaan sodaatamaa ta’an keessaa isa tokko. Ummanni naannoo sanitti argamus yeroo hunda sodaataati jiraatu. Adurreen guddaan kun nyaata isaa adamsuudhaan argata. Bineensotni inni adamsus kanneen akka Karkarroo, Gafarsa,  Naacha, kuruphee, gadamsa, qamalee fii  bineensota humnaan isaa gad jiran tokkollee hin dhiisu. Saffisaa fi humna qabutti fayyadamee akkasumas akkuma qaama isaa dheeressuu danda’utti walitti sunturreessuun dhokatee lafarra looyee wantoota adamsamaniin osoo hin beekamin itti dhihaatuudhaan haala salphaan qabata.

Qeerransi Avreejiidhaan Sa’aatii takka keessatti hanga 90km fiiguu danda’a. Kunis bineensota saffisaa guddaa qaban keessatti akka ramadamu isa godha. Yeroo heddus bineensota gurguddaa kan akka Arbaa wajji kan wal lolu yoo ta’u, irra jireessattis kan moohatu qeerransa.

Qeerransi baay’inaan bifa booratti kalaahu kan qabu yoo ta’u, boora kanarrattis sarara gurraacha qaba jennee jirra. Sanyiiwwan jahan keessaa garuu Sanyiin Beengaal bifa gama adiitti kalaahu kan qabu yoo tahu, adii kana irra sararri gurraachi kun argama. As biratti waa’ee sarara gurraachaa kana sirritti hubatuun barbaachisaa dha. Sababni isaa gosoota adurree kanniin adda baafatuudhaaf waa’ee sarara gurraachaa kana beekuun dirqama waan ta’eef.

Qeerransi bosona keessatti argamu keessatti mootiis ta’u, baay’inni isaa garuu gama baduutti waan dhihaate fakkaata. Lakkoofsi isaa gad xiqqaataa jira. Qeerransi saffisa qofa osoo hin taane, dandeettii bishaan daakuu, utaaluu fi muka irra bahuudhaa waan qabuuf, ammas mootii bosonaa akka ta’u isa gargaaree jira.

Qeerransi bineensota solitary (kopha kophaa jiraatan) keessatti ramadama. Kanaaf qeerransi tokko dirree ykn ammoo lafa bal’aa barbaada. Sababni isaas bineensonni adamsaman akka gara dirree isaa seenan waan barbaaduufi.  Haa ta’u malee akkuma inni dirree bal’aa barbaadu ilmi namaatis dirree bal’aa waan barbaaduuf walitti bu’uniisi garagaraa ni muudata. Kunis lakkoofsi isaa akka xiqqaatu godhutti jira.

Qeerransi yeroo heddu ji’oota onkololeessaa irraa hanga eblaa jiran keessatti wal hormaata geggeessa. Rimeeyni qeerransaatis ji’a 3f kan turu yoo ta’u, dhalaan qeerransaas baay’inaan ilmoolee hanga sadihii dhalti. Wanti nama ajaa’ibu immoo, ilmooleen dhalatan kun duraan wayta dhalatan ijaan hin argan. Kanaafis bineensota biraa hedduun nyaatamuu danda’u. Gaafa ji’a 18 guutan ykn ammoo erga waggaa tokkoofi ji’a 6 guutaniin booda waan humna isaanii adamsaa sooratu. Haa ta’u malee kanneen balaa kana jalaa miliquu danda’an saffisa ajaa’ibaatin guddatan. Guyyattis hanga 100g dabalaa deemu. Hanga gaafa Umriin isaanii 3 guututtis haadhuma wajji jiraatu. Kana booda dirree bal’aa barbaacha haadharraa fagaatanii deemu.

 

Comment

Back to top button