header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Shaarkii Mataa Madooshaa (Hammerhead Shark)

Qaamni bishaanii lafa kanarratti argamu bineensota gara garaatiif dahoo qubannaa tahee jira. Uumamaaleen bishaan keessa jiranis lakkoofsaan hedduudha. Harraaf isaan keessaa bineensa qaamaan guddaa tahe tokko haa ilaallu. Bineensi kun Hammerhead Shark (Shaarkii Mataa Madooshaa) jedhama. Maqaa kanas boca bal’aa diriiraa mataa isaa irratti argamu irraa argate. Shaarkiin kun akkuma qurxummiiwwan hedduu wantoota bishaan keessa galan adamsuudhaan soorata.

Shaarkiin mataa madooshaa kun heddumminaan kan argamus qaamman bishaanii hoo’aa ta’e keessatti. Bishaan kunis bineensota barbaade haala salphaa ta’een akka adamsu isa gargaara. Walumaa galatti addunyaa kanarratti sanyiin shaarkii kanaa sagal ta’antu jira. Akkaataa sanyii isaaniitiinis shaarkiileen kunniin meetira tokkoo hanga meetira ja’aatti dhedheeratu. Shaarkiin kun yeroo heddu ilma namaa hin tuqu. Garuu ilmi namaa isa tuqa taanaan deebiin isaa hamaadha.

Mataan diriiraan (baxxeen) fuuldura isaarratti argamu wantoota barbaade bifa salphaa ta’een akka adamsu isa tajaajila. Miirri waa hunda ittiin too’atus matama diriiraa rog afree fakkaatu kanarratti argama. Qaamman miiraa shan uumamani hundi ittiin gargaaramu dabalataan shaarkiin kun miira (sonar waves detection) jedhamu fayyadamu. Haala kanaan shaarkii kanaan miira 6 qaba jechuu dandeenna.

Ijaa fi Funyaan Shaarkii kanaa kan argamu mataa madooshaa fakkaatu kanarratti. Kunis ijji isaa haala gaariin akka ilaaltu kan isa qarqaaru yoo ta’u, funyaan isaatis wantoota naannoo isaatti argaman haala gaariin akka fuunfatu isa tajaajila. Wantoota adamsaman kan naannoo isaatti argamnis fageenya dheeraa irraa miira sonar wave detection jedhamus san barbaadee argata.

Akkuma bineensota bishaan keessa galanii Shaarkiin kun wayta waa adamsu qopha qophaa adamsa. Yeroo kanarraa hafe garuu gareedhaan gurmaa’anii shaarkii hanga dhibbaa ta’uudhaan waliin daakan. Yeroo haalli qilleensaa jijjiramee bishaan akka malee itti hoo’u, garee guddaa isaa uumuudhaan bishaan qaama isaaniitiif mijaawu barbaacha baqatan.

Shaarkiin mataa madooshaa guddaan kun yeroo dallanetti miidhaa guddaa ilma namaa irraan gahuu danda’a. Kan kanarraan hafe garuu ilma namaa irratti balaa guddaa yoo geessu hin argamne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button