header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bineensa Lafeefi ilkaanis Caccabsee Sooratu

Tafakkur: Wolverine

Wolverine (WOLVIRIIN) Bifaa fi boca qaamaa, bineensota akka saree, Skunk fi Bear fakkaatu qaba. Guddinni isaa bineensa Bear jedhamu isa fakkessus, inni sanyii Weasel keessatti ramadama. Sanyiilee Weasel keessaallee isa guddicha. Wolverine naannawa Arktiik keessa kan jiraatu yoo ta’u, hedduminaan biyyoota akka ameerikaa Kaabaa, Raashiyaa, Awurooppaa gama kaabaa fi Saaybeeriyaa keessatti argama. Jireenya isaatiif naannawa bosona qabbanaawaa fi cabbii qabutu mijaaya. Bara durii rifeensa isaa bishaan dandamatuu fi, gogaa isaa haalaan furdaa ta’eef jecha ajjeefamaa ture. Amma garuu eegumsi cimaan biyyoota garagaraa keessatti godhamaafii waan jiruuf, lakkoofsaan heddummaataa jira. Wolverine qulqullina naannootiif heddu barbaachisaadha. Bineensi kun waan dhiiga qabu hunda ni soorata. Raqa bineensota du’anii hunda isatu karaa irraa qulqulleessa.

 

Maqaa: Wolverine

Umrii jiraatu: Waggaa 7 haga 12

Saffisa  : saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 48

Ulfaatina: Kilograama 11 hanga 18

Dheerinna: Seentimeetira 66 hanga 86

Dheerina eegee: seentimeetira 25

 

Qaama Wolverine

Qaamni Wolverine saree guddaa fakkaata. Haa ta’u malee jabinaan saree haalaan caala. Dheerinni uumama kanaa seentimeetira 66 hanga 86 ta’a. ulfaatinni isaa ammoo kilograama 11 hanga 18 ta’a. Eegeen isaatis haga seentimeetira 25 dheerata. Wolverine rifeensa bifa magaala gara gurraachaa dabu qaba. Dagalee lamaanii ammoo rifeensa magaala gara adii dhihaatu qaba. Rifeensi isaa haalaan tuucha’aa yoo ta’u, akka qaamni isaa qabbana naannawa jiraatuutiin hin miidhamneef faaydaa guddaa qaba. Kotteen Wolverine furdaa fi haalaan jabaadha. Mataan isaatis guddaa yoo ta’u, gurra geengoo fakkaatuu fi eegee gabaabaa qaba. Kottee isaa jalaa qaama ‘pad’ jedhamu kan akka cabbii keessa gad hin seenne isa taasisu qaba. Akkasumas cifaa jabaa akka meeshaa waraanaatti isa tajaajilu badhaafamee jira.

 

Amala Wolverine

Wolverine uumama hedduminaan lafarra jiraatu yoo ta’u, yeroo haajaan jabduun dhufte muka koruufi bishaan daakuus ni danda’a. Uumamni kun uumama halkan halkan socho’uudha. Halkan tokkoonis soorata barbaacha kilomeetira 24 caala deema. Wolverine uumama gosa lachuu sooratu keessatti ramadama. Hedduminaan foon kan sooratu yoo ta’u; karibuu, Moose, re’ee gaaraa, tuqaa, allaattiiwwan fi biqiltoota keessaa ammoo firiilee muka garagaraa ni soorata. Naannawa cabbii keessatti soorata karaa salphaan argachuun rakkisaadha. Kanaafuu wolverine raqa du’es yoo arge hin dhiisu.

 

Soorata Wolverine

Bineensi kun akkuma Saree manaa, funyaan haalaan waa fuunfatu qaba. Ijji isaa dadhabaa waan taateef, dandeettiin kun haalaan isa fayyada. Naannawa cabbii bineensonni jiraatan hedduminaan hibernate godhu. Wolverine garuu gogaan isaa furdaa waan ta’eef, akkasuma rifeensi isaatis dandeettii qabbana ofirraa deebisuudhaa waan qabuuf hibernate hin godhu. Bineensonni biroo wayta hibernate godhan, boolla meetira shan caalu keessatti dhokatu. Boolli kun ammoo yeroo heddu cabbiidhaan cufama. Wolverine yeroo kana dalagaa isaa jalqaba. Qabbana keessa bineensonni hibernate akka godhan waan beekuuf, cabbii gubbaa deemaa, bineensota boolla meetira 5 caalu fagaatu keessatti dhokatanii hibernate godhan fuunfataa barbaada. Hubadhaa! nuti waan tokko hafuura isaa beekuudhaaf ofitti siiqsuun dirqama. Wolverine garuu waan meetira 5 caala fagoo, akkasumas waan boolla keessatti itti cufame fuunfatee adda baafatuu danda’a. cabbiin bineensota hedduuf ulfaataa sun, wolverine hin rakkisu. kotteen isaatis rakkoon maletti cabbii san irra deema. Wolverine waan sooratu san argannaan, cifaa isaa jabaa sanitti fayyadamuun qotee baasa. Kana booda bineensi qabbana jalaa dhokachuuf hibernate godhe, osoo hirriba jabaa san keessaa hin dammaqin du’ee addunyaa tanarraa gala. Wolverine soorata argate waan takkallee hin dhiisu. Lafee fi ilkaan bineensaatis bulleessee soorata.

 

Wol hormaata Wolverine

Wolverine uumama kopha kophaa jiraatuudha. Inni tokko kophaa isaatti lafa haalaan bal’aa ta’e qabata. Lafa toohate sanis hafuura addaa qaama isaa keessaa baasuun mallattoo itti godhata. Wolverine biraa hafuura san bira dabree qubsuma isaa keessa hin seenu. Haa ta’u malee, dhalaawwan qubsuma san keessa seenuu ni danda’u. Sunis yeroo wal qunnamtii wal hormaataatti yoo ta’u, kormaan tokko dhalaa heddu waliin wa qunnamtii raawwata. Dhalaan wolverine ilmoo dhaluu isiitiin dura boolla ilmoolee keessatti dhooksitu qopheessiti. Boolla meetira shan gad fagaatu qottee ilmoolee isiitiin eegdi. Yeroo takkaanis ilmoo lama ykn ammoo sadih dhalti. Ilmooleen Wolverine gaafa dhalatan rifeensi isaanii adiidha. Adaduma guddataa deemaniin gara magaalaatti jijjiirama. Ilmooleen dhiira yeroo harma gu’anitti haadharraa fagaatanii gara biraa kan deeman ta’us, dhalaaleen garuu haga gaafa rimaya qabatanii ilmoo dhalanitti haadhuma waliin turu. Dhalaan takka ilmoo argatuudhaaf waggaa lama guutuu qabdi. Fedha Rabbiitiin wolverine haga waggaa 12 jiraata.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button