header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Tana Quba Qabduu? Amaloota Bineensotaa Ajaa’ibsiisoo

Bofni daqiiqaa takkaafis hin limsatu. Gaafa dhalaterraa kaasee hanga gaafa du’uutti osoo ija isaa walitti hin cufin jiraata. Ijji isaa nyaaraafi qola ijaatis hin qabdu. Garuu, gaaddidduufi sochii ykn motion malee, halluuwwan adda baafatee hin argu.

 

Qurxummiilee keeysaa qurxummiin jelly fish je’amu uumama addaati. Qaamni isaa dhibbentaan 98 bishaani. Halluun isaatis halluu bishaanii ykn transparent akka daawwitiiti. Qurxummiin kun bishaaniin ala jiraachuu hin danda’u. Osoo qurxummii kana qabdanii daqiiqaa muraasa qofaaf aduu oowwa jabaa qabdu keeysatti dhiistanii, daqiiqaa muraasa booda ni dhabdu. Qaamni isaa dhibbentaan 98 bishaan waan taheef, akkuma bishaanii hurkee dhuma jechuudha.

 

Allaattiifi shimbirroota keeysaa kan  gama boodaa barrisuu dandeeysu takka qofa. Isiinis Humming bird je’amti. Shimbirri tun koola ykn goflaa isii saffisa jabaadhaan sochoosti. Secondii 1 keeysatti hogguu 80 sochoosti. Gama birootiin Shimbirri tun akka hilikooftaraatti qilleensa gubbaa dhaabbachuu dandeeysi. Allaattiiwwan hedduu qilleensa gubbaa dhaabbachuu hin dandahan. Shimbirri tun garuu, qilleensa gubbaa dhaabbattee ilillii keeysaa dhangala’aa xuuxatti.

 

Sattawwaan Arraba isaatiin gurra qulqulleeyfata. Arrabni isaa waan haalaan dheeraa taheef, rakkoo takkaan maletti arraba isaatiin gurra isaa lameen qulqulleeyfachuu dandaha.

 

Sanyiin Lootuu Iguwaanaa Jedhamu, hallayyaa meetira 12 irraa utaaluu dandaha. Hallayyaa ykn muka dheeraa meetira 12 dheeraturraa utaalee, osoo qaamni isaa hin miidhamin nagayaan socho’uu dandaha.

 

Hantuunni bishaan osoo hin dhugin yeroo dheeraaf turuu dandaha. Beeyladoota keeysaa kan bishaan malee yeroo dheeraa turuu dandahu gaala. Gaalatti aanee ammoo re’eedha. Hantuunni ammoo, re’eefi gaala caalaa bishaan malee turuu ni dandaha.

 

Akkuma ilmi namaa dunuunfatu malee haxxifachuu hin dandeenye, Raachis dunuunfatu malee liqimsuu hin dandahu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button