header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Sibiila garaa keessatti irraanfatame

Ilmi namaa ni dogongora. Kun amala ilma namaati. Namni hin dogongorre namaa miti. Dogongorri bakka hunda jira. Gariin haasawarratti dogongoree nama mufachiisa. Gariin ammoo hojiirratti dogongoree dalagaa balleessa. Dogongoroota ilmi namaa hojjatu keessaa irra hamaan dogongora wal’aansaati. Ogeessi fayyaa wayta dhukkubsataa wal’aanu if eeggannoo guddaa godhuu qaba. Dogongoruma xiqqoon lubbuun namaa baduu dandeessi. Barruu tana keessatti dogongoroota wal’aansaan wal qabatan muraasa isinii dhiheessina.

Bara 2018, ji’a sadaasaa keessa dubartiin lammii indiyaa takka dhukkubsattee gara Hospitaala Haydraabaad deemte. Doktoroonnis rakkina isii mudateef wal’aansi baqaysanii hodhuu akka isiif kennamuu qabu murteessan. Yaalli baqaysanii hodhuutis haala gaariin raawwatamee, dubartittiinis fayyitee gara manaa deebite. Garuu torbaan muraasa keessatti dhukkubbiin humnaa olii itti dhagahamee Olii fi gad jechuu dadhabde. Maatiin isii fuudhanii mana haakimaa geessanis, dawaa garagaraa itti kennanii gara manaa deebisan. Boodarra abbaan warraa dhimmi kun isa yaachisnaan jaartii isaa hospitaala biraa geesse. Yeroo kanatti meeshaa ultrasound jedhamuun yoo garaan isii laallamu, maqasiin guddaan garaa keessa akka jiru beekkame. Saffisaan ammas qaamni baqayfamee maqasni keessaa baafame. Dubartiin tun san booda nagaya argattus, abbaan warraa isii garuu danta dhabummaa doktorootaarraan kan ka’e haati warraa tiyya ji’oota sadihiif dhukkuba guddaaf saaxilamtee turte jechuun himate.

Sylvie Dube

Kaanaadaa keessattis bara 2017tti dubartiin takka sibiila seentimeetira 33 dheeratu garaa keessatti qabattee gara manaa deebitee jirti. Dubartiin Silvii Diyuub jedhamtu dhukkuba kaansariitiin qabamtee gara hospitaalaa Montriyaal tokko imalte. Doktorooni ji’a bitooteessa keessa garaa baqaysanii qaama isii dararutti jiru keessaa baasan. Yeroo kanatti garuu meeshaa wal’aansa kanaaf itti fayyadamaa turan tokko garaa keessatti irraanfatanii hodhan. Isiinis fayye jettee gara manaa deebite. Haa ta’u malee akkuma deebiteen dhukkubbiin itti dhagahamuu jalqabe. Dhukkubbiin kun ammoo garaa osoo hin taane ceekuu isii dhukkubsaa ture. Doktora gaafannaanis rakkinni kun eega surgeriitiin booda waan mudatu jedhanii dawaa kennaniif. Haa ta’u malee dhukkubbiin haalaan itti hammaachaa deemee qaama kaawwanis waliin gahuu jalqabe. Achi booda Saffisaan wayta qoratan sibiilli seentimeetira 33 dheeratu qaama isii keessa akka jiru beekan. Hoggasuma yeroo 2ffaatiif garaa isii baqaysanii sibiila keessaa baasan. Dubartiin tun sibiila seentimeetira 33 dheeratu kana baatii 2f garatti baadhattee deemaa turte.

Bara 1998titti Namni lammii Veetanaam ta’e kan Ma Van Naat jedhamu balaa makiinaatiin miidhamee gara hospitaalaa geeffame. Balaa kanaan garaan isaa waan miidhameef wal’aansi baqaysanii hodhuu godhameefii ture. Yeroo kanatti doktoroonni maqasii garaa keessatti irraanfatanii hodhan. Namichis gara manaa deebi’e. haa ta’u malee ammas dhukkubbiin irraa hin dhaabbanne. Namoonnis sababa balaa saniitiin waan foon si miidhameef si dhukkubutti jiraa obsi jedhaniin. Akka Ma Van Naat himatutti, dhukkubbiin sun xiqqaadha garuu yeroo dheeraaf walitti aansee na dhukkubaa ture jedhe. Innis kilinika ollaa isaa jiru dhaquun dawaa dhukkubbii namarraa laaffisu fudhataa jiraatuu itti fufe. Adaduma dhukkubbiin itti dhagayamuun dawaa san fudhataa, of sobaa ture. Guyyaan lakkaawamaa, torbaanitti jijjiirame. Torbaannis  ji’atti, jiinis waggatti jijjiiramaa deeme. Waggaa 18 booda garuu dhukkubbii dandamatuu dadhabe. Sochiinis itti ulfaate. Yeroo kana gara hospitaala guddaa deemee wayta ultrasoundiin ilaalamu doktoroonni ni rifatan. Garaa isaa keessa maqasiitu jira. Wanti doktoroota rifachiise jiraachuu maqasii qofa hin turre. Maqasiin garaa isaa keessa jiru kun qabatni isaa tokko cabaa ture. Dhukkubbii hamaas kan itti ta’e isa kana. Doktoroonni Hospitaala Taay Guyeen keessatti argaman kunniin waggaa 18 booda irra deebi’anii garaa isaa baqaysuun maqasa san keessaa baasan.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button