header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Ajaa’iba Qur’aanaa

Qur’aanni nuti guyyuu qaraanu kun, kitaaba amantii kan Masjiida qofa keessatti qara’anii achitti dhiisanii biraa bahan qofa osoo hin taane, qajeelfama addunyaa cufaati. Sochiin teenya hundi tan Qur’aana bu’uurfatte tahuu qabdi. Qur’aanni Kitaaba Muslimootaaf qofa buufamee miti. Qur’aanni ilma namaa dachii irra jiru hundaaf buufame. Kanaaf Qur’aanni bakka heddutti, Yaa Ayyu Hannaas (Yaa Ilmaan Namaa), Yaa Ayyu Hallaziina Aamanuu (Yaa warra Rabbitti Amantan, Yaa Ayyu Hallaziina Kafaruu (Yaa warra Rabbitti Kafartan) jechaa dubbata. Rabbiin guddaan Qur’aana keessatti, Muslima qofa osoo hin taane, ilma namaa cufatti  dubbachutti jira jechuudha. Nuti Muslimoonni, Rabbiin karaa qajeellumaa nuuf laaffisee, Ajaja Rabbii guddaa hunda fudhannee, haga humna teenyaa jala deemutti jirra.  Warroonni Rabbitti kafaran ammoo, Qur’aana kana dhugomsuu didanii jallina filatanis, warri haqa arginaan dhugoomses hedduudha. Barruu tana keessatti, namoota Rabbitti hin amanin kan Qur’aana kana dhugoomsan keessaa, waan namni tokko dubbate gabaabsinee isinii dhiheessina.

Namni kun Gaarii Miiler jedhama. Waahee Mu’jizaa Qur’aanaa ilaalchisee barreeffama tokko qopheesse.  Barreeffamaa isaa yoo jalqabu, ‘Qur’aana kana Kitaaba ajaa’ibaa jedhanii kan waaman muslimoota qofaa miti. Warri Muslima hin ta’inis, warri kitaaba kana qoratanii argan, kitaaba Ajaa’ibaa jedhanii waaman. Hardhas warroonni Islaamumaa irraa jibbaa guddaa qaban, Qur’aana Kanaan dinqisiifamuun isaanii hin oolle’ jedhe. Gaarii barruu isaa hin xumurre, Itti aansuunis, namoonni Muslima hin ta’inii fi kanneen waa’ee Qur’aanaa hubannoo takkallee hin qabne, yaadni isaanii maal akka ta’e akkanatti ibse.

‘Namoonni Muslima hin ta’in, Qur’aana dubbisanii waan isa keessa jiru osoo hin argin, Kitaaba kana irraa waan faaydaa qabu takkallee hin argannu jedhanii amanan. Kitaabni kun jaarraa 14 dura kan barreeffame waan ta’eef, seenaa jaarraa 14 dura dabre qofa waan seeneessu sehan. Akkasumas kitaabichi kan argame gammoojjii goggogaa Arabiyaa keessaa ta’uu isaatiifis, seena kana dubbisuun faaydaa nuuf hin qabu jedhanii amanan. Walumaa galatti wanti sammuu isaanii keessa jiru, kitaabni kun kitaaba seenaa durii haasawu yaada jedhuudha.  

Namni tokko jiraataa biyya Kaanaadaa Magaalaa Torontooti. Dalagaan isaatis tajaajila Geejjiba Doonii kennuudha. Guyyaa tokko namni Muslimaa Qur’aana Afaan ingiliffaatiin hiikame itti kennee dubbisi jedheen. Namichi waa’ee Islaamummaa waan heddus hin beeku. Haa ta’u malee fedhii Qur’aana dubbisuudhaa ni qaba ture. Qur’aana dubbisee eega xumuree booda, namicha Qur’aana kenneefitti dhaqee, Muhammad nama dooniin olii gad deddeemuu? Jedhee gaafate. Namichi Muslimaa sunis lakki”¦ Muhammad (SAW) nama gammoojjii goggogaa keessa jiraataa ture jedhee deebiseef. Namichi hin amanin kun deebiin argate heddu ajaa’iba itti ta’e. Sababni isaatis, Akkaataan Qur’aanni Waa’ee Danbalii galaana irraa waggaa 1400 itti ibse ajaa’iba itti tahe. Namni waa’ee Dambalii galaana irraa haala Kanaan ibsuu danda’u, nama addaa akka ta’uu qabu amane. Osoo heddus hin turin Shahaada qabatee islaamummatti seene’ jedhe.

Gaarii Miilar ajaa’iba Qur’aana irraa dubbatu Kanaan qofa hin gabaabsine. Waa’ee Atamii, Waa’ee fayyaa, fi kanneen birootis ibsee jira. Dhumarratti qabxii takka ajaa’iba namichi kun tafakkure ilaalla.

‘Qur’aanni Warroota Muslima hin ta’in, guyyaa jalqabaa irraa kaasee isaan qormaataa ture. Namoonni Muslima hin ta’in qur’aana keessa dogoggora barbaadanii akka baasan isaan affeeree jira. Yoo dogoggora argattanis qabadhaa natti koottaa jedhee jira. Kun abbichi qur’aana kana buuse hagam takka wanti inni buuse sun waan sirrii akka ta’e akeeka. Namni kitaaba barreessu hedduun isaa, dogoggora uumame yoo argitan karaa Kanaan na beekisaa jedhaa gaafata. Qur’aanni garuu Kitaabni kun shakkiin takkallee keessa hin jiru jedhee jalqaba. Kun Waan ajaa’ibaati. Qur’aanni seenaa tokko eega seenesseen booda, ykn ammoo qabxii takkarraa eega haasayeen booda, Waan kanarraa yoo shakkii qabaattan, namoota beekumsa ni qaban jettanii amantan gaafadhaa, jedhee ajaja. Qur’aanni Waa’ee Geography, Botany, biology fi wantoota biraa eega shakkii takkaan maletti haasayeen booda, odeeyfannoo dabalataa yoo barbaaddan, yookaan ammoo wanta isinitti himaa jirru kana yoo shakkitan dhaqaatii warra beekumsa qaban gaafadhaa jedhee ofitti amanamummaan dubbata. Akkanatti soda takka malee  dubbatuun waan nama dhuunfaa tokkorraa dhufuu miti. Humna addaa fi jabaa ta’uu qaba. Qaama waan dachii kanarra jiruutii fi sammuu keenyaa ol ta’erraa ta’uu qaba. Kanaafuu nama xiinxallee laaleef, Qur’aanni kun kitaaba ajaa’ibaati’ jedhe.

Qophii Abu Ibtisam 

Back to top button