Aduunis yeroo murtaaye qabdi

وَٱلشَّمۡسُ تَجۡرِي لِمُسۡتَقَرّٖ لَّهَاۚ ذَٰلِكَ تَقۡدِيرُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ ٣٨

“Aduunis hanga daangaa Murtaaheetti deemti. Sun murtee Rabbii hinjifataa waa hunda beekuuti.”

Aduun fedhii Rabbiitiin zamana ykn jaarraalee hedduuf hoo’aa fi ifa nuuf kennaa jirti. Kunis walnyaatiinsa keemikaalaa qaama aduu irratti uumamu irraa ka’eeti. Haa ta’u malee yeroo Rabbiin isii murteesseen gaafa tokko walnyaatiinsi keemikaalaa kun dhaabbachuun isaa hin hafu. Aduunis anniisaa qabdu fixattee ifaa kennuu dhaabdi. Aayaan qur’aanaa duratti tuqnes aduun annisaa qabdu fixattee dadhabdee gara bakka qubattuu akka deemtu akeeka. (Wallaahu A’alam)

Jechi Arabiffaa “limustaqarrin” jedhu bakka ykn ammoo yeroo murtaayaa akeeka. Jechi “Tajrii” jedhu ammoo deemsa, tirata, suuta deemu kan jedhu bakka bu’a. Akka hiika jechoota lamaan kanarraa hubannutti aduun haga yeroo fi bakka murtaayaa geettutti deemsa ofii itti fuufti. Bakka san yoo geette ammoo ni dhaabbatti.

Gama biraatin aayaan qur’aanaa:

إِذَا ٱلشَّمۡسُ كُوِّرَتۡ ١

“Yeroo aduun maramte (Dukkanoofte)” kan jedhu dhufiinsa guyyaa qiyaamaa akeeka. Kunis guyyaa tokko aduun humna ofii dhabdee dukkanaan akka uwwifamtu mul’isa.

Jechi “Taqdiiru” jedhu ammoo qadara ykn  murtee mul’isa. Kunis xumurri wanta tokkoo murteeffamee akka jiru akeeka. Haala kanaan dubbiin suratul Yaasin aayaa 38 irratti argamu, umriin aduudhaa murtaayaa akka ta’e akeeka. Gaafa umriin isii gahu murtee ofii fudhattee teessi.

يُولِجُ ٱلَّيۡلَ فِي ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِي ٱلَّيۡلِ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمّٗىۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ لَهُ ٱلۡمُلۡكُۚ وَٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ مَا يَمۡلِكُونَ مِن قِطۡمِيرٍ

“Inni Halkan guyyaa keessa seensisa. Guyyaas Halkan keessa seensisa. Aduufii Ji’as ni laaffise. Hunduu hanga beellama beekkamaa ta’eetti, (Oorbiitii isaanii irra) Yaa’u. inni kana hojjate kun Rabbii keessan ALLAAH dha. Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan waan hanga qola haphii ija timiraallee hin qaban.”
Suuratul Faaxir Aayaata 13

Akka aayaa kanaatiifi dabalataanis akka suratul Ra’ad fi Zumar keessatti ibsametti, jechi “Musamman” jedhu, umriin aduudhaa murtaa’aa akka ta’e akeeka. Xiinxalli saayinsiidhaa dhimma kanarratti godhames aduun xumura akka qabdu akeeka. Akka warri saayinsii jedhutti aduun sekoondii takkaan Maatarii toonii miiliyoon 4 akka gubdee fayyadamaa jirtu himan. Kanaafuu haala kanaan Maatariiwwan jiran hunda isaanii nyaattee erga fixxeen booda ni duuti jedhan. Ho’aa fi ifni aduu irraa gad dhiifamu kun yeroo Maatariin bifa haydroojiinii walnyaachifamee gara hiiliyamiitti jijjiiramuudha jedhan. Kana waan ta’eef annisaan aduu fi umriin isiitis gaafa walnyaatiinsi kun dhumatu akka du’u dubbatan.

Gabaasni BBC “The death of the sun” (Du’a aduu) jedhu akkana jedha:

Aduun suutuma suutaan duuti. Adaduma wiirtuun isiidhaa caccabaa deemuun, hoo’i isiitis daran dabalaa deema. Yeroo hoo’i dabalutti ammoo atamootni biroo kan akka Hiiliyamii akka gubatan godha.  Hiiliyamiin ammoo erga wal nyaateen booda kaarbanii uuma. Wayta Hiiliyamiin humna qabu fixate waan biraa uumuu dadhabutti, wiirtuun aduudhaa dalagaa dhaaba. Kana booda aduun humna qabaattee anniisaa maddisiisuu dadhabdi. Wiirtuu irraa kaasee hanga fiixee isiitti dukkanaayaa deemti. Wiirtuun du’aa jiru kun waan adii boca diyaamandii qabu kan guddinaan lafa caalu kan Kaarbanii fi Oksijiinii irraa uumame hawaa keessatti gad lakkisa. Yeroo kanarraa kaasee aduun dukkanaayaa deemti. Hanga ifni isiirraa maddu guutumaan guututti dukkanaayutti dimimmisaa deemti.

Fiilmiin dokumantarii kan mataduree “The Death of the Sun” jedhu kan TV National Geographikiin hojjatames haala kana akkanatti ibse:

Aduun hoo’a kennaa, jiruu fi jireenya pilaaneetii kanaa qajeelchaa turte. Haa ta’u malee akkuma namaa Aduunis yeroo murtaayaa qabdi. Adaduma bubbulaa deemtuun humni isii dabalaa, hoo’i isiis cimaa, qaamman bishaanii lafarra jiranii fi lubbuu qabeeyyi cufa isaanii hurkisiisaa goggossitee ajjeesti. Kana booda ofuma isiitii ho’itee gubatti. Teempireecharri dabalaa deemee aduun bifa jijjiirrataa diimataa deemti. Pilaanetoota isitti dhihoo jiran hunda gubdee nyaatti. Kana booda guulli harkisa isii waan laafuuf dachiin osoo hin nyaatamin hafti. Kana booda qaama adaadii xixiqqoo taatee caccabdi, humni isiitiis ni laafa.

Gabaasni lamaan BBC fi National Geographikiin dhihaate aduun tun xumura akka qabdu agarsiisa. Kallattiin isaan deemaniin akkasumaas akkaataan isaan itti ibsan garaagarummaa xiqqoo qabaatus, aduun tun xumura akka qabdu irratti walii galanii jiran. Wanti isaan dhiheessan kun waan saayinsiin dhiheenna kana Teeknolojii meeqaan deeggaramee bira gahe. Haa ta’u malee yeroo Teeknolojiin humaa hin jirretti, yeroo baruumsi saayinsii hin yaadamnetti waggaa 1400 dura, Rabbiin keenna aduu fi waan jiraa cufa uume, Ana qofatu hin dune, wanti makluuqa ta’e cufti isaatuu ni du’a nuun jedhe. Yeroma sanitti aduun tunis yeroo murtaaha akka qabdu karaa nabii Keenyaatiin nuuf bayaanse. Kanaafuu Qur’aanni oduu ajaa’ibaa akkanaa qabu, kan saayinsii fi teeknolojiin ammaan tana bira gahaa jiru kun Rabbi biraa yoo hin taane eessaayyuu dhufuu hin danda’u. Bara sanitti waggaa 1400 dura jechuudha, waa’ee aduu dubbachuunuu rakkisaa dha.

Nama qalbiin xiinxallee tafakkureef aayaa kanaa fi qur’aana Rabbii guutuu keessa,  baruumsa jabaatu jira. Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha:

وَسِعَ رَبِّي كُلَّ شَيۡءٍ عِلۡمًاۚ أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ ٨٠

“….beekumsi Rabbii kiyyaa waan hunda waliin gahee jira, Sa kanarraa hin gorfamtanii?”

 

 

 

Comments are closed.

Have questions? Search our knowledgebase.