Warri Harka Bitaatiin Waa Dalagu Rakkate
Duudhaa biyyoota garagaraa keessatti harka bitaatiin waa dalaguun akka dogongoraatti laallama. Kanaaf maatiin ijoolleen isaanii wayta harka bitaatiin waa dalagan dhoorkuudhaaf tattaaffatu. dabalataan wantootni harka bitaatiin dalaguun dhoorkame ni jira. Islaamummaa keessatti harka bitaatiin nyaatuun dhoorkamaadha. Biyyoota eeshiyaa heddu keessattis harka bitaatiin waa dalaguun abaaramuudha jedhamee amanama. Barruu tana keessatti wantotoa harka bitaatiin wal qabatan muraasa isinii dhiheessina.
Ummata dachii tanarra jiru keessaa parsantii 10 kan tahu warra harka bitaati
Ummata biiliyana 8 jedhamee tilmaamamu keessaa warri harka bitaatiin waa dalagu miiliyana 800 taha jechuudha. Haa tahu malee meeshaan warra harka bitaatiif jedhamee oomishame hedduun hin jiru. Sababa kanaaf yeroo heddu warri harka bitaatiin waa dalagu miidhamutti jira. Namni meeshaa warra harka mirgaatiif hojjatametti fayyadama jedhee osoo yaalu du’es hedduudha. Qorannoon godhame akka mulisutti wagga waggaan namoonni 2,500 tahan meeshaa warra harka mirgaatiif oomishame osoo fayyadamuuf yaalan lubbuu ofii dhabutti jiru.
Qorattoonni yeroo heddu warra harka bitaatiin waa dalagan qorannoo keessaa ni baasu
Qajeelatti qorattoonni qorannoo san yoo warra bitaa irratti dalagaa hin jiraannee, warra bitaan waa dalagu qorannoo ilma namaatiif godhamu keessaa ni ari’u. Akka walii galaatti sammuun karaa bitaatiin jiru qaama karaa bitaatiin jiru toohata, kan mirgaan jiru ammoo isa gara mirgaatiin jiru toohata. Haa tahu malee sammuun warra harka bitaatiin waa dalaguu wal xaxaa fi walitti hidhataadha. Sammuun gara bitaa jiru qaama gama mirgaa jiru toohachuu danda’a. Kanaafuu qorannoon ummata parsantii 10 irratti godhamu ummata parsantii 90 tahuuf waan hin hojjanneef, qorannoollee gurguddoo addunyaarratti geggeeffamu irratti warri harka bitaa hin hirmaatu.
Bineensonnis dhimma harka bitaafi mirgaa kanarratti garaagarummaa qabu.
Uumamaaleen akka jaldeessaa kanneen harka isaanii hedduminaan fayyadaman harka bitaa fi mirgaattis dhimma bahu. Isaan keessaa kan mirga qofa fayyadamuu fi kan bitaa qofa fayyadamus ni jira. Garuu Kaangaaroon waan hunda harka bitaatiin dalaga. Soorata lafaa argate afaan kaayatuuf harka bitaatti fayyadama. Akkasumas qaama ofii qulqulleessuu fi ilbiisota xixiqqoo ofirraa guuruufis harka bitaatti dhimma baha. Allaattii Paaroot keessaa ammoo harka 90 kan tahan miila bitaa fayyadamu. Waan lafaa fuudhuu barbaade hunda miila isaa kan bitaatiin fuudha. Qorannoon godhame akka mul’isutti, kormaan adurree hedduminaa harka isaa kan mirgaatiin kan dalagu yoo tahu, dhaltuun ammoo harka bitaa filatti.
Qophii: Abuu Ibtisaam