header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Midhaan nuti soorannu haala kamiin garaa keessatti daakkama?

Qaamni ilma namaa guutuun walitti hidhata qaba. Inni tokko isa kaanitti irkatee jiraata. Kanaaf ammoo qindoominni Rabbiin keenya isaan jidduu kaaye, dalagaa isaanirraa barbaadamu haala salphaan akka hojjatan taasisa. Harki keenya meeshaa tokko lafaa fuudhuudhaaf ajaja sammuu fi gargaarsa irreetitti haajama. Qaamonni kunniin sadan Sirna Qaamaa garagaraa keessatti argamanis, wal tahanii waan dalagamuu qabu dalagan. Nama xiinxallee ilaaleef dalagaa kana keessa mallattoo guddaatu jira. barruu tana keessattis waa’ee Sirna daakinsaa soorata irraa haasofna. Sooratni harka keenyaan fuunee afaan kaayannee alanfannee liqimsinu haala kamiin daakama laata?

Sirna daakinsa soorataa keessa qaamota garagaraa heddutu jira. Qaamonni kunniin gariin isaanii soorata gara qaamaa dabarsu. Gariin soorata qaama keessa facaasu. Gariin ammoo soorata qaama keessaa baasu. Qaamonni sirna daakinsa soorataa kunniin bakka lamatti qoodamu. Qaamota akkaan barbaachisoo fi qaamota gargaaroo jedhaman. Qaamota akkaan barbaachisan keessa muraasni; Afaan, Ujummoo kokkee, garaacha, Mar’imaan qa’aa, Mar’imaan furdaa fi Ujummoo balfaati. Qaamota gargaaroo keessa ammoo; Tiruu fi Rajiijiitu argama.

Sirni daakinsa Soorataa afaan keessatti eegalama.  Xannachi gororaa, gorora eega maddisiiseen booda soorata afaan keessa seene san jiisee laaffisa. Ilkaanis wantoota jajjaboo tahan caccabsuudhaan bulleessa. Kana booda sooranni sun gargaarsa arrabaatiin gara kokkee dhiibama. Kokkeenis soorata san karaa ujummoo soorataatiin gara garaachaa dhiiba. Yeroo ujummoo keessa gahu kana sooranni sun boca geengootti jijjiirama. Irreen ujummoo nyaataatis dhifamee diriirfamaa soorata san dhiibee garaacha biraan gaha.

Garaachi ammoo akkuma sooranni sun isa keessa seeneen, dhangala’aa Haydrookloorik Asiid fi pepsin jedhamu maddisiisee soorata sanitti maka. Dhangal’aan kunniinis Prootiinii bulleessuu fi wantoota qaama keenya miidhuu danda’an ajjeesuudhaaf tajaajilu. Dalagaan kunis saa’aa haga lamaatiif geggeeffama. Kana booda wanti akka dhangala’aa jiru garu kan akkaan jabaa fi wal harkisaa ta’e gara qaama garaachaa kan chyme jedhamuu seena. Yeroo sooranni bakka kana gahu, Rajiijiin dhangala’aa biraa maddisiisuudhaan soorata sanitti maka. Kana booda dalagaan kan Mar’imaan qal’aati.

Mar’imaan qal’aan sirnoota daakinsa soorataa qaama keenya keessatti argaman keessaa isa dheeraadha. Mar’imaan qal’aan Qaama keenya keessaa baasnee osoo diriirsnee, dheerinni isaa haga meetira 6 ni ta’a. Wantootni qaama keenyaa fi jireenya keenyaaf barbaachisanis bakka kanatti adda fooyamu. Mar’imaan qal’aan nyaata san keessaa albuudota barbaachisoo tahan xuuxee gara hidda dhiigaa fi tiruu dabarsa. Hiddi dhiigaa soorata san qaama keessa facaasa. Tiruun ammoo, Soorata san keessaa glycogen eega baasteen booda, akkasumas prootiinii bifa soorataatiin jiru gara dhangala’aa eega jijjiirteen booda, deebistee hidda dhiigaatti kenniti. Dabalataan wantoota qaama keenya miidhuu danda’an qulqulleessitee waan hin barbaachisne gara mar’imaanii ofirraa deebisti.

Wantootni mar’imaan qal’aa keessatti hafan kunniin hundi walitti qabamanii gara mar’imaan furdaa dabarfaman. Mar’imaan Furdaan kunis meetira 1.5 dheerata. Dalagaan isaatis soorata jajjabaa ta’anii fi daakamuu hin dandeenye kuusuudha. Kana booda soorata kana keessaa bishaan xuuxee gara qaama keenyaa deebisa. Wantoota qaama keenya keenyaaf hin barbaachisnes, adda fooyee bifa lamaan kuusa. Innis dhangala’aa fi jabaataadha. Wantootni hin barbaachisne kunniin wayta yeroon isaanii gahu, Dhangala’aan bifa fincaaniitiin, jabaataan ammoo bifa udaaniitiin qaama keenya keessaa baha. Haala kanaan sirni daakinsa soorataa raawwatama.

Rabbiin (SW) sirna ajaa’ibaa kana qaama keenya keessatti uume. Sirni kunis jiruu fi jireenya keenya keessatti gahee guddaa akka qabaatu godhe. Nama aqlii qabuuf adeemsa daakinsa soorata kana ilaaluun qoftuu gahaadha. Mobaayila of harkaa qabnu kana namatu tolche jedhaa, qaama ajaa’ibaa adeemsa kana hunda yeroo gabaabaa keessatti raawwatuun ammoo akka tasaa argame jechuun wallaalummaa guddaadha. Inni uumaadha! Jiraachisaadha! Nuti hundi isaan uumamne. Gaafa duunes garuma isaa deebina.

 

Back to top button