header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Yoo Hammaama hin qabaanne, intala fuudhuu hin dandeessu!

Gaa’elli sirna wajji jireenya ilma namaati. Ilmi namaa umriin fuudha fi heeruma gahe hundi  hawwiin isaa guddaan gaa’ela. Namuutuu nama isaaf tahu filatee wajji jiraachuudha hawwa. Gaa’ela hundeessuun bu’aa bahii heddu qaba. Qormaataa fi injifannoo heddu booda waan argamuudha. Fakkeenyaaf biyya keenya keessatti yeroo ammaa kana gaa’elli gara daldalaatti waan jijjiiramaa jiru fakkaata. Namni mallaqa qabu intala fedhe kadhatee fuudhuu ni dandaya. namni Mallaqa gahaa hin qabne garuu, bultii jaarrachuudhaaf bu’aa bahii heddu keessa dabruu qaba. Maatiin intalaa nama intala isaanii fuudhurraa waa heddu barbaada. ‘mana qabdaa?, makiinaa qabdaa?, Warqii bittaa, gabbara haganaa kennitaa, cidha Hoteela kanatti naa gootaa? jechaa gaafachuunis eegalamtee jirti. Ka dandayu waan gaafatame hunda godhee Aruustittii manaan gayata. Ka dadhabe ammoo mala biroo barbaadachuun isarratti dirqama.

Hammaama.jpg

Gaa’ela raawwachuun biyya keenya keessatti qofa osoo hin taane, biyyoota addunyaa biroo keessattis bu’aa bahii heddu qaba. Biyya hindii keessatti bultii jaarrachuuf ulaagaa barbaachisu kan ajaa’ibaa tokko isiniif qoodna. Indiyaan biyya ummata heddu qabduudha. Chaayinatti aantee lammiilee heddu qabaachuun sadarkaa lammaffaa irratti argamti. Arraan tana indiyaa keessa ummata biiliyana 1.3 ta’utu jira. Ummata biyya kanaa keessaa dhibbeentaa 75 ol kan ta’u tajaajila bilbila mobaayilaa fayyadama. Haa ta’u malee ummanni isii walakkaa ol ta’u carraa mana fincaanii fayyadamuudhaa hin qabu.

Akkaataan manni fincaanii itti qophaahu biyyoota heddu keessatti garaagarummaa qaba. Akkuma hundi keenya beeynu biyya keenya keessatti manni fincaanii boolla fageessanii qotuudhaan qophaaha. Biyyoota Kolonii ingiliiz turan heddu keessatti wanti akkanaa hin jiru. Mana fincaanii qopheessuuf boolla qotuun hin jiru. Akkuma bishaan ujummoodhaan manatti namaaf galchan, balfi mana fincaaniitis ujommoo lafa jalatti awwaalame keessa yaa’ee deema. Namni mana jaarrate hundi ujummoo balfaa lafa jala galchee, ujummoo guddaa magaalaa hundaaf tajaajiluun wal qunnamsiisa. Kanaafuu hammaama fayyadamuuf dirqama bishaan jiraachuu qaba jechuudha.

Lammiilee indiyaa biliyoonatti lakkaawaman kana keessaa, ummata dhibbeentaa 11 ta’u qofatu mana fincaanii haala kanaan qophaahe qaba. Lammiileen indiyaa kan walakkaa ol tahan hammaama hin qaban jechuudha. Duuba akkamitti jiraatan jechuun keessan hin oolamu. Hawaasni biyyattii irra hedduun isaa dirreetti bahee qulqullaaha. Namuu magaalaa keessaa achi bahee haajaa fixatee deebi’a. dubbiin kun warra dhiiraatiif dilasis rakkoo miti. Garuu dubartootaaf qormaata guddaadha. Dubartiin akka dhiiraa muka jala dhaabattee qulqullaayuu hin dandeeysu. Kanaaf mala dhawachuun isaanirratti dirqama. Malli isaan qabanis haga lafti dhiitutti eeguu qofa.

Sababaa kanaaf dubartoonni indiyaa hedduun isaanii guyyaa guutuu nyaataafii dhugaatii irraa if agabsanii qooqa oolan.  Wayta lafti galgalatti dhihaattu nyaatanii dhuganii gara sagaraa deemuuf of qopheeysu. Haala kanaan dubartoonni biyyattii hedduun karatti gudeedamu, ni tumamu, akkasumas bineensota garagaraatiinis miidhamuu dandayu. Sababaa kanaaf indiyaan biyya xurooytuu balfaan beekamtu keeysatti galmooftee jirti. Karaan heddu sagaraafi fincaan namaatiin guuttamee jira. Mootummaan indiyaatis rakkoo kana toohachuuf namni hundi hammaama akka qopheeffatu dirqama godhe. Garuu namni heddu humna hammaama ittiin qopheeffatu hin qabu. Sababaa kanaaf labsiin mootummaa indiyaa kun bu’aa guddaas buusuu dadhabe. Gandi Haryaanaa je’amu garuu mala biraa fayyadamuudhaan ajaja san dalagaa irra oolche. Dhaadannoo ‘No toilet, No Bride’ ‘Yoo hammaama hin qabaanne, aruztittii nurraa hin argattu’ kan je’u baafatanii hojiirra oolchan. Kanaafuu namni fuudhuu barbaade hundi dursee Hammaama qopheeffatuu qaba.

Biyyuma Indiyaa bakka Lucknow je’amutti, namni tokko dubartii takka fuudhuuf yoo kaadhimate. Ulaagaalee isaaf kennaman keessaa tokko hammaama qopheeffatuudha. Maatiin intalaa Aruztittii qopheessanii haga guyyaa haruuzaatti eegan. Yoo hanga gaafa saniitti hammaama qopheessuu dandahe intala kennaniifii gala. Yoo qopheeffachuu dadhabe ammoo, gaa’elli sun hafee intalti haadhaafi abbaa isii biratti deebiti. Dubartiin takka haala kanaan gaa’illi isii haqamee manatti deebite. Dhaabbanni tokko hoggasuma nama hammaama qopheessuu dandayu argee warra intalaatiif hime. Warri intalaatis intala isaanii nama hammaama qabu kanaaf kennan.

 

 

2 Comments

Comment

Back to top button