header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Flaamingoo

Flaamingoon gosa allaattii keessatti ramadama. Baay’inaanis ardiiwwaan Afriikaa fi Ameerikaa Kibbaa keessatti argama.  Naannoo oowwaa Ardii Ameerikaa, Awrooppaa fi Eeshiyaa keessas  dabree dabree ni jiraata. Allaattiin Kun halluu garagaraa koola isaa irraa qabuun beekama.

Flaamiingoon gareedhaan jiraata. Gareen tokko miseensota haga 200 of keessaa qaba. Baay’inaanis qurxummii laggeen suuta yaa’an keessa jiraatan soorata. Dabalataan immoo baala, margaa fi Saaphaphuu bishaan keessatti biqilan soorata. Ajaa’ibni guddaan uumama kanaa halluu baallii isaati. Flaamingoon gariin halluu gama burtukaanaa dhihaatu qaba, gariin ammoo gurraachas, adiis, cuquliisas ta’uu danda’a. Kanaafuu Flaamingoon bifa garagaraa qaba jechuudha. Bifni kun sanyiin kan darbu hin sehinaa. Halluun baallii isaanii kun soorata sooratan irratti hundaa’a. Keessattuu gosaa fi halluu saaphaphuu sooratuu irratti bu’uraawa.

Ajaa’iba uumama kanaa kan biraatis heddu. Yeroo heddu Flaamiingoon  miila tokko qofaan yoo dhaabbatu mul’ata. Maaliif miila tokkoon dhaabbata osoo miila 2 qabu jettanii gaafatuun hin oolu.
Dubbiin dubbii ajaa’ibaati. Filaamiingoo miila tokkoon dhaabbatu yoo argitan, hirribarra jiraachuu isaa beekaa. Kun ajaa’ibuma hin jettaniiree? Ilmi namaa miila isaa lama irra madaala (balance ) ofii eegee rafuu mitii yeroo hedduu dhaabatuunuu itti ulfaata. Flaamiingoon garuu miila takkarra, sanuu qaama isaa guddaa san madaala isaa eegee dhaabbatee rafa. Kana qofa hin sehinaa, ammas ajaa’iba biraattu jira. Yeroo Flaamingoon miila takkaan dhaabbatee rafu kana, miilli isaa kan lammataa rarra’aa akka jiru beekamaa dha. Yeroo kanatti qaama Flaamiingoo walakkaa qofatu rafa. Walakkaan ykn gamni miila rarrafamee garuu rafaa hin jiru. Hanga dadhabutti akkasumatti dhaabbata. Akkuma ilmi namaa dadhabee cinaacha jijjiirratu, Flaamingoonis wayta miilli tokko jalatti dadhabe, gama miila lammataatti jijjiiree gama saniin rafa. Yeroo kanatti gamni duraan dammaqaa ture rafeeti, gamni rafaa ture sun ammoo dammaqa. Ajaa’ibni uumaa keenyaa gariin amanuufuu ni ulfaata. Wanti gariin haala sammuun keenna yaaduun addatti uumaman. Gariin immoo faallaa nuti yaannutti uumaman. Sammuun keenna haga isaaf kenname qofa yaaduu danda’a. Wanti kun ajaa’iba isiniitti tahee amanuus dadhabdan, qorannoo saayinsii qabatamaan mirkanaaweedha. Gaaruu nuti muslimoonni ALHAMDULILLAAH, hanguma fedhellee nu ajaa’ibee amanuufis nu dhibu, waan nu amansiisu guddaa tokko qabna. Mootiin Aalamaa abbaan waahundaa Rabbiin keenna, waan fedhe akka fedhetti uumuu danda’a. Uumaa isaa kan amanuuf nama dhibdus yoo arginu, SUBHAAN ALLAH jennee dandeeytii Rabbii keennaa daran hubanna.

Gooftaan waa uumee hin hifanne, waan jiru hundaa akka isaaf malutti uume. Warri aqliin isaanii hoongoo garuu dhimma kana amanuu hin fedhan. Wanti kun hundi isaatuu akka tasaa argame jedhan. Nuti garu tana isaan wajjiin hin jennu. Wanti cufti isaatuu Rabbii keenyaan uumame. Rabbiin keenyas waan jiru cufa isaatuu gaafuma dura uumu akkuma amma jiru kanatti haala isaaf maluun wajji uume. “Fatabaarakallaahu Ahsanul Kaaliqiin”

Addunyaa kanarra Sanyiin Flaamiingoo jahatu argama. Inni tokko Flaamiingoo guddaa jedhama. baay’inaanis Ardii Afriikaa, Awrooppaa fi Eshiyaa Kibbaatti argama. Flaamiingoo xiqqaa kan jedhamu ammoo lakkoofsaan sanyii jiran hunda caala ni baay’ata. Afriikaa fi Kaabni biyya Hindi lafa jireenya isaati. Flaamiingoo Chiilii jedhamuun kan beekkamu akka filaamiingoo Afrikaa san guddaas ta’uu baatus, sadarkaa lammaffaa irratti argama. Akkuma maqaa isaa irraa hubannutti bal’inaan biyya Chiilii keessatti argama. Flaamiingoon Jeems fi Andiyaan jedhaman ammoo Ameerikaa Kibbaa biyyoota akka Peeruu, Chiilii, Booliviyaa fi Arjantiinaa keessatti argamu. Inni Jahaffaan ammoo Ameerikaan Flaamiingoo jedhama. Akkuma maqaa irraa hubannu naannoo Ameerikaa biyyoota Kaariibiyaan keessatti bal’inaan argama.

Flaamiingoon Morma dheeraafi Qoffee afaanii guddaa qaba. Qoffeen isaa kun akka simbirroota hedduu qajeelaa osoo hin taane golboo dha. Qoffee dheeraa kanatti fayyadamuun lafa bishaanii keessaa nyaataafi dhoqqee (balfa) garagaraa adda fooya. Qoffeen Flaamiingoo kun rifeensa xixiqqoo kan laameelaay jedhamu ofirraa qaba. Rifeensi kunis akkanumaan akka tasaa kan margee miti. Bishaan qulqulleessee dhimbiibuuf tajaajila. Arrabni isaatis kan ajaa’ibaati. Arraba jabaataa kan qabu yoo ta’u, soorata gara Afaanii seene keessaa bishaan cuunfee baasuudhaaf tajaajila.



Ammas ajaa’iba allaattii kanaa irraa ka biroo isiniif himna. Allaattiin kun qulqullummaaf iddoo guddaa kenna. Guyyaa tokko keessatti haga sa’aa 7 baallii isaa qulqulleessuu irratti dabarsa. Qoffee isaatiin hargufee balfa baallii isaa keessa seene hunda qulqulleessa oola.

Flaamiingoon dhaltuun waggatti yeroo tokko qofa killee buusti. Flaamiingoon dhaltuun eega waggaa 3 caaltee booda hormaataaf qophii taati. Killeen isiin buustus takka qofa. Hanqaaquu kana goojjoo dhoqqee, dhakaa fi baallii irraa ijaarame keessatti buusti. Ammas waan ajaa’ibaa allaattii kanaa kan biroo, Filaamiingoon dhaltuun eega hanqaaquu buuftee booda kophaa isii wajji hin rakkattu. Akka lukkuu ykn handaaqqoodhaa, nyaataa dhugaatii agabdee killee isii irra ciisaa hin ooltu. Abbaan warraa isii filamingoon kormaan hojii kana irratti isii gargaara. Isa wajjiin wal gargaaraa taraadhaan hammatu. Wayta inni soorata barbaadatuu bahu isitu hammata. Wayta isiin baatu immoo isatu hammata. Haala kanaan Hanqaaquu takkattii tana jaarsaa fi jaartiin wal tahuudhaan hammatu. Lamaaniin walgargaaraa ji’a tokkoof erga hammatanii booda cabsanii ilmoo keessaa baasu. Ilmoo haarawa tanas waliin kunuunsaa guddisu. Uumaan Rabbii keennaa ajaa’ibuma.

Flaamiingoon baay’inaan jireenya tasgabbaawaa jiraatu. Nagahaan jiraachuudhaaf eddoon isaan jiraatan murteessaa dha. Isaan diina heddu hin qaban. Eddo namni, jeedalaa fi naachi jiru irraa fagaatanii yoo jiraatan balaa irraa bilisa ta’anii turuu danda’u. Isaan kunniin sadan garuu diina hamaa Flaamiingooti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button