Afriikaa Kibbaa
Biyyoonni addunyaarra jiran aadaa fi duudhaa mataa isaanii qabu. Wantoota biyyoota biraa irraa adda isaan taasisus ni qabu. Aadaan biyya tokkotti jaalatamu, tarii bakka biraatti jibbamuu dandaya. wanti isa tokkoof salphaa kan biraatiif ammoo ulfaataa tahuu mala. Haaluma kanaan barruu tana keessatti asuma ardii teenya keessaa biyya ajaa’ibaa kan taate waa’ee Rippabliika Afriikaa Kibbaa irraa qabxiilee muraasa isinii dhiheessina.
Biyyoota magaalaa guddoo tokkoo ol qaban keessaa takka Afriikaa Kibbaati. Afriikaan Kibbaa magaalota 3 akka magaalaa gurguddoo biyyattiitti fayyadamti. Kanaanis biyya addaa tahuu dandeesseerti. Priitooriyaan magaalaa bulchiinsaa yoo taatu, qaamni seera baasu ammoo magaalaa Keep Taawun qubatee argama. Qaamni seera hiiku ykn Judiciary (Judisharii)n ammoo magaalaa Blomfonteen maandheeffata.
Afriikaan Kibbaa afaan hojii 11 qabdi. Kanaanis rakkina garaagarummaa ummata biraa uumamuu dandayu furuu dandeesseerti. Afriikaan Kibbaa gama Afaanii kanaan wal qabatee, seenaa addaa tokkos ni qabdi. Faaruun biyyooleessaa Afaan Shaniin faarfama. Himni lamaan jalqabarra jiru Afaan hoosaa jedhamuun farfama, lamaan itti aanu ammoo afaan Zuuluu, lamaan sanitti aanu Afaan Seesootoo, kan itti aanu Afran Afaan Afriikaanaa, Afran xumuraa ammoo Afaan Ingliffaatiin faarfama.
Onnee nama tokkorraa baasanii, qaama nama biraa keessa kaayuun yookaan heart Transplant inni jalqabaa fi milkaayaan kan godhame Afriikaa Kibbaa Magaalaa Keep Taawun keessatti. Yeroon isaatis bara 1967 yoo tahu, Dr Christian Barnard nama jedhamutu sarjarii milkaayaa kana raawwate. Onneen kun kan arjoomame dubartii bifa Adii qabduun nama gurraachaaf yoo tahu, mudannoon kun yeroo sanitti mormii kaasee ture. Intalti waggaa 26 Denis Darvaal onnee isii osoo lubbuun jirtu yoon du’e namaaf kennaa jettee arjoomte. Deenisis balaa makiinaa isii mudateen duute. Onneen isii ammoo nama waggaa 54 Luwis Washkaansii jedhamuuf kenname. Haa tahu malee innis guyyoota 18tiif eega jiraateen booda du’e.
Afriikaan Kibbaa bineensota gosa garagaraa heddu qabaachuunis ni beekamti. Allaattiin Guddichi ““ Guchii, Hoosiftuun Guddichi ““ Arbi, Hoosiftuun xiqqaan ““ Dwarf Shrew, Reepitaayiliin guddichi- Leatherback Sear Turtle, Raammoon guddichi ““ African Giant earthworm, Bineensi saffisa guddaa qabu ““Cheetah, Bineensi dheeran ““Saattawwaan, Qurxummiin guddichi- Whale Shark, biyya kana keessatti argamu.
Afriikaan Kibbaa Biyyoota walabaa lama marsitee argamti. Biyyonni hedduun ollaa isaanii cinaa tokkoon ykn lamaan daangeessanii kan argaman yoo tahu, Afriikaan Kibbaa garuu Leesootoo guutumaan guututti marsitee argamti. Biyyi leeseetoo jedhamtu guutumatti Afrikaa kibbaa keessa jirti jechuudha. Afrikaan kibbaa biyya Eswaatiinii jedhamtu ammoo kallattii sadihiin marsiti.
Afriikaan Kibbaa Albuudota heddu qabaachuunis ni beekmati. Fakkeenyaaf Plaateniyamii addunyaan teenya fayyadamtu keessaa parsantii 90 kan tahu Afriikaa Kibbaa keessaa argama. Mangaaniiziin parsantii 80, kiroomiin (Chrome) parsantii 73, vaanadiyeem parsantii 45, fi warqii parsantii 41 kan tahu Addunyaaf gumaachuudhaan Afriikaan Kibbaa sadarkaa duraa irratti argamti.
Afriikaan Kibbaa biyya Meeshaa Waraanaa Niwkilaraa oomishuu dandayan muraasa keessaa isii takka. Haa tahu malee dhiibbaa biyyoota lixaa irraa keessattuu Ameerikaarraa irra irratti gageeffamaa tureen meeshaa waraanaa kan Niwkilaraa barbadeessiteerti. Biyyoota addunyaa tanarra jiran keessaa tan niiwkulara barbadeessites Afriikaa Kibbaa qofa.
Qophii Abu Ibtisam