header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Abadan bishaan Qurxummiin kun keessa jiru daakuuf itti hin seeninaa

Dachiin irra jiraannu tun harka dhibba keessaa harki 75 bishaaniin uwwifamee jira. haaluma kanaan baay’ini lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraniitis, lubbu qabeeyyii lafarra jiraatan dachaa hedduun caala.  Uumamni har’aaf isiniif filadhe sanyii qurxummii yoo ta’u, maqaan isaatis Baaraakudaa jedhama. Qurxummiin kun akka qurxummiiwwan biroo bakka xiqqoo qofatti murtaa’ee kan jiraatuu miti. Bishaan gosa gara garaa keessa jiraatuu ni danda’a. laggeen yaa’an irraa kaasee, hanga qarqara garba gurguddaa keessas ni jiraata. Sanyiin qurxummii kanaa 20 ol akka jiru himama. Sanyiilee isaa keessaa irra hedduun isaanii bishaan oowwaa keessa jiraatu.

Sanyiin qurxummii kanaa 20 ol akka tahan dubbannee jirra. Sanyiileen kunniin guddina qaamaatiin wal caalu malee bocni isaanii wal fakkaataadha. Sanyiin xiqqaan Seentimeetira 50 kan dheeratu yoo ta’u, Inni guddaan ammoo haga meetira lamaa dheerata. Bifti gogaa kan duyda gubbaa garaagarummaa qabaachuu danda’a. sanyiin gariin daalacha, gariin magaalaa fi magariisa ta’uu danda’a. halluun garaa jalaa ammoo wal fakkaataadha. Hunduu bifa adii garaa jalaa qabu. Adii kana keessa ammoo sanyiin gariin barrina gurraacha qaba.

Qurxummiin kun qaama qal’aa dheeraa qaba. Gama mataa fi qoffee isaatiin ammoo ni qal’ata. Qaama isaa dheeraa sanirraa wantoota akka koolaatti isa tajaajilu lama qaba. Gama eegeetiin ammoo akkuma qurxummiilee hedduu ni bal’ata. Ilkaan isaa akkaan jabaafi qaraadha. ilkaan qaraan kun diina ofirraa ittisuufii soorata adamsuuf tajaajila. Qurxummiin kun sanyiilee qurxummii biroo kan guddina qaamaatiin isaa gad ta’an heddu ni soorata. Akkasumas bineensota lafee duydaa hin qabne kan bishaan keessaa jiraatan soorata. yeroo heddu Bineensotni inni adamsee sooratu kanneen bifa calaqqisaa qabaniidha. Kanaafuu Qurxummiilee bifa warqii (Golden) fi meetii (Silver) qaban adamsee soorata. Baaraakuudaan qurxummii ofeeggannoo jabaa godhu waan ta’eef, ilma namaatis ta’ee diina isatti dhufe hunda ilkaan isaa qaraa saniin ciniinee ofirraa deebisa. sababaa kanaaf namni bishaan qurxummii kana qabu keessa seene, yeroo baay’ee qurxummii kanaan ciniinamuun baramaadha. Abadan bishaan Qurxummiin kun keessa jiru daakuuf itti hin seeninaa. Ciniinnaan isaa haalaan hamaadha. Hedduu nama laalessa. Dhiiga guddaa namarraa jigsa.

Baaraakuudaan soorata isaa adamsuudhaaf mala tokko fayyadama. jalqaba qurxummiilee sooratuu barbaadu malaan rifachiisee naannoo isaan jiraatanirraa ari’a. Eega bakka jireenya isaaniirraa fageessee bakka itti dhokatan isaan dhabsiisee booda, saffisa qabutti fayyadamee ari’ee qabata. Qurxummiin kun saa’aa tokko keessatti Kiilomeetira 40 bishaan keessa daakuu danda’a. Saffisni isaa kun ammoo soorata isaaf ta’u adamsuudhaaf, akkasumas diina itti dhufaa jiru jalaa baqachuudhaaf isa gargaara. qurxummiin kun sababaa saffisa jabaa fi ilkaan akkaan qaraa qabuuf, naannoo qubsuma isaatti akka mootiitti kabajama. Qurxummiilee fi lubbu qabeeyyiin guddina qaamaatiin isaa gad jiran qurxummii kana waan sodaataniif, fageenyarraa yoo argan naannoo sanirraa saffisaan dheessanii baqatu.

Baaraakuudaan qurxummiilee guddina qaamaatiin isaa gad jiran irratti humna isaa agarsiisuus, innis waan sodaatu qaba. Sanyiileen qurxummii akka killer whale fi shark, garaa isaanii guuttachuudhaaf qurxummiilee qaama gurguddaa qaban filatu.  Kanaafuu wanti isaan quubsuu danda’u qurxummiilee gurguddoo akka Baaraakuudaa kana waan ta’eef, adamsanii sooratu. Dabalataanis baaraakuudaan sanyiiwwan qurxummii ilma namaa biratti akkaan barbaadaman keessaa isa tokko. Ilmi namaa naannawa qarqara bishaanii jiraatu baaraakuudaa adamsee soorata. Kanaafuu ilmi namaatis diina Baaraakuudaati jechuudha.

Baaraakuudaan yeroo heddu kopha kophaa jiraata. Haa ta’u malee bakka tokko tokkotti tokkummaan waan isaan barbaachisuuf walitti dhufu. keessumattuu yeroo qurxummiilee adamsuuf ari’anitti tokkummaan akkaan isaan barbaachisa. Baaraakuudaan tokko qophaa isaa qurxummiilee biroo qubsuma isaanii irraa ari’uun itti ulfaata. gama birootiin yoo diinni itti dhufes walitti baqatu. yoo qurxummiin akka Shaarkii itti dhufe, heddummaatanii bishaan keessa burraaqaa bishaan booressu. yeroo kana diinni isaan adamsuuf dhufe kun dhama’ee biraa deebi’uu danda’a. tokkummaan ilma namaa qofaaf osoo hin taane bineensotaafis akkaan barbaachistuu akka taate kanarraa hubachuu ni dandeenya.

 

Haalli wal hormaata isaanii kan qurxummii hedduutiin wal fakkaataadha. Dhaltuun takka hanqaaquu haga 1000 ta’u bakka tokkotti hanqaaqxi. Achi booda kormaan dhufee hanqaaquu sanirratti sanyii isaa dhangalaasa. Itti aansuun dhaltuufi kormaanis gara bakka sanii hin deebi’an. Hanqaaquuwwan sunniin hayyama Rabbiitiin gara qurxummiitti jijjiiramu. Haa ta’e malee hedduun isaanii akkuma hanqaaquu keessaa bahaniin osoo heddus hin turin du’u. hayyama Rabbii guddaatiin qurxummiin kun haga waggaa 14 jiraachuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button