Fosaa

Maqaan bineensa kanaa Fosaa (fossa) jedhama. Uumamni kun bineensota lama fakkaata. Guddina qaama isaatiin adurreen walitti dhiheenya qaba. Qoffeen isaa garuu kan saree fakkaata. Sababa kanaaf yeroo dheeraadhaaf ilmi namaa Fosaan uumama sanyii adurreeti jedhee yaadaa ture. Haa ta’u malee walitti dhiheenya qaamaa yoo taate malee akka gaangee fi zonkii uumama gosa lamaa irraa kan argame akka hin taane beekamee jira. Fosaan dur hoosiftoota dachii Maadagaaskaar jiran keessaa lakkoofsaan guddaa ture. Harra garuu bineensota sanyiin isaanii dhabamaa jiru keessatti galmaayuuf dirqamee jira.

Fosaan haga meetra lamaa dheerachuu danda’a. Kunis qoffee isaa irraa ka’ee hanga fiixee eegee isaatitti. Eegeen isaa dheerinna walakkaa qaama isaa fudhata. Yeroo waa adamsuuf fiiguu fi muka tokkorraa isa gara biraatti utaalu madaala ofii ittiin eeggatuudhaaf  isa gargaara. Fosaan qaama irraa rifeensa gaggabaabaa garuu akkaan tuuchaa ta’e kan bifti isaa magaalaa qaba. Mataan isaa akkuma adurree xiqqaa yoo ta’u, qoffeen isaa kan saree fakkaata. Ija gurguddaa kan gara fuulduraa jiranii fi gurra geengoo qaba. Qeensi isaa akkuma adurree caafamaa dha.

Fosaan eddoola Maadagaaskaar malee bakka biraatti hin argamu. Akkasumas jireenya isaaniitiif bosona tuucha’aa barbaadu. Dabalataanis naannoo bal’aa keessa qubatu. Ammaan tana sababa manac’aiinsa bosonaatiifi baay’achuu ilma namaa irraa kan ka’ee bakka jireenya dhabaa jiru. Ilmi namaatis beeyladoota isaa eeguuf jecha Fosaa yoo arge ni ajjeesa. Sababa kanaafis lakkoofsi isaa akkan xiqqaataa akka jiru qorannoon godhame ni agarsiisa.

Fosaan bineensa kophaa jiraatu. Akkasumas waan adamsu barbaade baay’inaan halkan adamsa. Kolonii (daangaa) mataa isaa dhuunfatti qaba. Isa kana ammoo Fosaa biroo ofirraa daangessuudhaaf, balfa garaa isaa keessaa bahutti fayyadama. Fosaan biraa balfa san yoo arge naannoon sun akka qabame beekee gara biraa deema. Fosaan tokko lafa haga iskuweer KM 4 bal’atu dhuunfatti qabata.

Jireenyi isaanii kopha kophaas ta’u yeroo wal hormaataa garuu walitti dhufuun isaanii dirqama. Kunis baay’inaan ji’a Fulbaanaa fi Onkololeessaa keessatti. Rimayni Fosaatis ji’oota Sadihiif tura. Dhalaan fosaa takka baay’inaan lakkuu dhalti. Ilmooleen dhalatan kunniin akkaan xixiqqoodha. Haga gaafa torbaan sadi guutanitti ija isaanii adda banatuu hin danda’an. Haga torbaan 12 guutanittis mucha haadhaa malee waan biraa hin sooratan. Gaafa torbaan 12 darban waan biraa sooratuu jalqaban. Fosaa hayyama Rabbiitiin haga waggaa 17 akka jiraatu qorannoon ni addeessa.

y

 

Fosaan foon sooratuun jiraata. Qaamni isaa bifa magaalaa qabu sunis halkan dhokatee akka socha’u isa gargaara. Baay’inaanis lootuu, raacha, simbirroota, reepitaayiloota soorata. Bineensota manaatis argannaan bira hin darbu. Nyaatni isaa jaalatamaan lemur jedhama. Lemur jechuun sanyii jaldeessa xixiqqooti. Faallaa kanaatiin garuu diinni inni qabu lama qofa. Isaanis ilma namaatiifi naacha. Ilmi namaa beeyladoota isaa eeguuf jecha akkasumas eddo jireenyaa babal’ifachuuf jecha bosona Fosaan keessa jiraatu mancaasee, Fosaawwanis waan ajjeesuuf lakkoofsi isaanii akkaan gad bu’utti jira. Eddoolli Maadagaaskaar dur bosonaan qofa uwwifamee ture. Harraan tana garuu %10 qofatu hafe kunis jireenya Fosaa irratti rakkoo guddaa uumee jira.

Fosaan bineensa madaqfamee guddifamuu danda’uu miti. Kopha waan jiraataniif akkasumas inni tokko lafa bal’aa dhuunfaa isaatitti waan barbaaduuf Paarkii keessatti kunuunsanii guddisuun hin danda’amne. Kanaaf jecha yeroo muraasa booda dachii kanarraa dhabamuuf akka jiru tilmaamni gara qorattootaatiin godhame ni addeesa. Harraan tana biyya Maadagaaskaar keessa Fosaan jiru 2500 gad akka ta’e himama.

 

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x