header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Clown Fish

Uumamni clown fish jedhamu kun maqaa anemonefish jedhamuunis ni beekama. Qurxummiin kun maqaa Clown Fish kana kan argate bifa isaatirraayi. Clown Fish bifa Burtukaanaa kan qabu yoo ta’u, jiddu jidduu irraa ammoo sarara adii qaba. Qurxummiin xiqqaan kun Addunyaa kanarratti sanyiiwwaan haga 28 ta’antu argama. Baay’inaanis garba guddaa Hindii fi Paasfiik keessatti argama. Dabalataan galaana diimaa keessaa fi baha Awustraaliyaattis ni  argama.

Akkuma uumani biro qubsuma jireenyaa barbaadu, qurxummiileen kunis qubsuma jireenyaa adda tahetti haajamu. Iddoon isaan qubatan kun haalaan hamaadha. Jireenya isaaniitiif uumamni biroo kan addaa barbaachisaadha. Rabbiin keenya kan uumama hunda wal madaalchisee uume, qurxummiilee kanaaf qubsuma ajaa’ibaa uume. Yeroo hundaa clown fish naannama animon argamu qubatu.

Anemone (aniimon) jechuun bineensa marga fakkaatu kan bishaan keeysa jiraatuudha. Bakka takkaa osoo hin socho’in waan itti dhufu hunda achuma taa’eeti soorata. Qaamni animon summii hamaa qaba. Qurxummiileen heddu marga bishaan keessaa seehanii animon kana keessa wayta qaxxaamuran, animon immoo summii hamaa uumamaan kennameefiin ajjeesee soorata. Wanti ajaa’ibaa immoo summiin animon irra jiru kun qurxummii clown jedhamu kana hin miidhu. Inumaa qurxummiiwwan  clown jedhaman kunnin anemone kanatti irkatanii jiraatu. Yoo diinni isaan adamsu itti dhufe animon kana jalatti jalaa baqatu. Gama birootiin immoo, bineensota animon summii isaatiin ajjeefatee nyaatu irraa foon ciccitee harca’uufii waan isa bira dabree lafa bu’us ni sooratu. Gooftaan hundaa wal qixxeessee uume, akkanatti uumama wal madaalchise.

Clown Fishi

Clown fish garee guddaa uumuudhaan naannawa animon  kana jiraatu. Ajaa’ibni biroo immoo qurxummiiwwan kunniin gaafa dhalatan hundi isaaniituu dhiira ta’uu isaaniiti. Adaduma guddataa dhufaniin akkaataa barbaachisuun gariin isaanii wal hormaataaf jecha gara dhalaatti jijjiiramu. Garee keessa  dhalaan hormaataaf qophooyte takka yoo duute, dhiirri biraa gama dhalaatti of jijjiiree sanyii ofii bakka buusaa itti fufu. gareen biraa gara garee kanaa makamuu hin danda’u. Dhiirri biraa garee biraatii dhufee dhalaa hin ta’u. Akkasumas walqunnamtii raawwachuu hin danda’u. Warri animon tokko keessa jiraatan garee biraa irraa osoo ofitti hin makin jiruu ofii geggeeffatu.

Dhalaan qurxummii tanaa wayta hanqaaqxu dirree diriiraa animon isaanitti dhihaatu irratti hanqaaqxi. Akkaataa sanyii isaanii irratti hundaa’ee dhalaan takka hanqaaquu dhibbaa hanga kumaa ta’u al takkatti buusti. Sanyiin qurxummii kanaa hundi isaaniituu hanqaaquu kan buusan yeroo wal fakkaataatti. Yeroon isaas yeroo addeessi goobanutti. Erga buusteen booda dhiistee biraa deemti. Dirqamni itti aanu kan dhiiraati. Hanga hanqaaquun sun yeroon isaa gahee ilmooleen keessaa bahanitti eeguun dirqama isaati. Yeroon isaatis dheeraa miti. Hanqaaquu kana keessaa ilmooleen haarofni torbaan takka booda bahu.

Qurxummiin kun gosa omnivorous keessatti ramadama. Kana jechuun qurxummiileen kunniin baalaa fi foonis ni nyaatan jechuudha. Soorata bifa hedduu sooratuu danda’an. Garuu sanyii irraa sanyitti garaagarummaa qaba. Soorata gosti tokko nyaatu gosti biraa nyaatuu dhabuu danda’a. Akkuma ilmi namaa nyaata gosa gara garaa nyaatu qurxummii kana jidduttis garaagarummaatu jira. Fakkeenyaaf ilmi namaa gariin foon booyyee, saree fi kan biraa ni soorata, gariin ammoo wantoota kanniin hin sooratu. Akkasuma gosa qurxummii kanaa jidduttis garaagarummaa akkanaatu jira.

Qurxummiin kun guddinni isaa xiqqaa waan ta’eef qurxummiilee fi wantoota bishaan keessa jiraatan hedduun nyaatama. Garuu sababa xiqqeenna isaatiif jecha haala salphaan hin qabamu. Yeroo heddu gara anemone isaaniitti deebi’aa waan galaniif qabuun ulfaataa dha. Qurxummiilleen gurguddoon akka Shaarkii diina isaanii hamaadha. Garuu wanti akka ilma namaa qurxummii kana bishaan keessaa haxaayaa jiru hin jiru. Bareedina isaaniitiif jecha mana keessatti taankii daawwitii irraa hojjatame (Aquarium)  qopheessuudhaan keessa kaayu.

Haa ta’u malee, bishaan keessaa fi alaa diina hedduu qabaatanis lakkoofsi isaanii rakkoo irra hin jiru. Akkuma dubbanne yeroo tokkoon qurxummii hanga kuma tokkoo waan hanqaaqaniif lakkoofsi isaanii daran dabalutti jira. Hanqaaquuwwan hanqaaqaman keessaa hedduun isaanii osoo hin badin waan gara ilmootti jijjiiramaniifis lakkoofsi isaanii ol ka’aa deemutti jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button