Kaanaadaa

Addunyaa tanarra biyyoota 195 oltu jira. Biyyoonni hundi wantoota adda ittin tahaniifi, waan gulantaan dhuunfatanii ittiin beekaman qabu. Biyyoonni hundi aadaa jiruufi jireenyaa kan hawaasa addunyaa irraa adda isaan godhu qabu. Barruu tana keessatti biyyoota addunyaa keessaa Biyya Kaanaadaa filannee, wantoota biyyi tun ittiin beekamtu keessaa muraasa ilaalla.

Jechi Kaanaadaa jedhu afaan ummata jalqabarraa kaasee dachii san irra jiraataa ture irraa kan moggaafameedha. Hundeen jechaa “Kaanaataa” kan jedhu yoo ta’u, hiikkaan isaatis ganda ykn qubsuma jechuudha. Maqaa biyyattii “Kanaadaa” irraa gama “Kaanaataa” jijjiiruuf carraaqqiin garagaraa godhamus hin milkooyne.  

Kaanaadaan biyyoota dachii tanarra jiran keessaa guddina lafaatiin sadarkaa lammaffaa irratti argamti. Haa ta’u malee ummata miiliyana 37 qofa qabaachuudhaan baay’ina ummataatiin sadarkaa 38ffaa irratti argamti. Wanti nama ajaa’ibu magaalaan guddoon Jaappaan, Tookiyoon ummata Miiliyana 38 qabdi. Kana jechuun ummanni magaalaa Tookiyoo qofa keessa jiraatu ummata Kaanaadaa guutuu keessa jiru ni caala jechuudha. Bal’inni lafa kaanaadaa iskuweer kiiloomeetira miiliyoona 10tti kan dhihaatu yoo tahu, Tokiyoon iskuweer kiiloomeetira kuma 2 qofa bal’atti. Kaanaadaan bal’ina lafaatiin itiyoophiyaa dacha 10niin caalti. Biyya akka Ethiopia 10 ni taati jechuudha. Yeroo ammaa lakkofsi ummata Ethiopia gara miiliyoona 100tti kan dhihaatu yoo tahu, Kanadaan tan ballina lafaatiin Ethiopia dachaa 10niin caaltu nama miiliyoona 37 qofa qabdi.

Kaanaadaan namoota baruumsa sadarkaa garagaraa baratan heddu qabaachuun sadarkaa duraa irratti argamti. Ummata isii keessaa dhibbeentaa 56 kan ta’u sadarkaa garagaraatiin manneen barnoota ol aanoorraa eebbifamee waraqaa ragaa qaba. Kanaadaan lafa bishaanii heddu qabaachuunis sadarkaa duraa irratti argamti. Akkasumas haroowwan heddu qabaachuun biyya duraati. Akka gabaasa Atlaas of Kaanaadaatti biyyi sun haroowwan gurguddaa 31,752 ta’u qabdi. Kanneen keessaa parsantii 9 kan ta’u bishaan mi’aawaa dhugaatiidhaaf toluudha.

Biyyoota addunyaarra jiran keessaa Maakaaroonii fi Chiizii heddu sooratuudhaan ummanni kaanaadaa sadarkaa duraa irratti argama. Kaanaadaa keessaa kutaan Charchil jedhamu bineensa Poolaar Biir jedhamu heddu qabaachuudhaan beekama. Bineensi kun bineensa foon qofa sooratu yoo tahu, yeroo garii yoo akkaan beelawe ilma namaatis adamsee soorata. Sababaa kanaaf jiraattonni kutaa Charchil waan aadaa godhatan tokko qabu. Yeroo hunda makiinaa isaanii hin qollofan, eega makiinaan imalanii bakka barbaadan gahanii booda, hulaa makiinaa banaa dhiisanii gara haajaa isaanii deeman. Sababaan kana godhaniif ammoo waa lama. 1ffaa, yoo akka tasaa bineensi Poolaar Biir jedhamu kun itti dhufe fiiganii makiinaa keessa jalaa seenuuf hulaa banaa dhiisan. Yoo hulaa cufanii biraa deeman, hanga isaan hulaa bananitti bineensi kun bira gahee isaan qabachuu dandaya. Sababaan lammaffaa ammoo namoota biroo gargaaruuf akkas godhan. Namni kophaa isaa karaarra deemu yoo tasa bineensi kun itti dhufe, makiinaa naannoo isaatti argamu akka banatee keessa seenuuf hulaa banaa dhiisaniif, namoonni heddu mana isaaniitis banaa dhiisanii biraa deeman. Haala kanaan bineensa kana jalaa wal baraaruuf wal gargaaran.

Makiinaan dachii tanarra jiru hundi lakkoofsa gabatee (taargaa) qaba. Lakkoofsi Taargaa kun ammoo Sibiila jabaa rog afree irratti barreeffama. Kunis makiinaa tokko kan biraatiin adda baasuudhaaf tajaajila. Akkuma biyyoota hundaa Kaanaadaanis taargaa kana ni qabdi. Haa ta’u malee kutaaleen biyyattii kaaba-dhihatti argaman, taargaa rog afree osoo hin taane, taargaa boca bineensa Poolaar Biir jedhamuun tolfamerratti barreeffama.

Ameerikaan, kaanaadaa yeroo lama weerartee turte. Bara 1775 fi 1812. Haa ta’u malee yeroo lachuu moohamtee deebite. Boodarratti seera barreeffatte keessatti Kaanaadaan yoo Ameerikatti makamuu barbaadde, haal duree tokko malee simatamti jette. Kaanaadaan biyyoota dachii tanarra jiran keessaa zayita boba’aa hedddu qabaachuun sadarkaa 3ffaa irratti argamti. Sa’uud Arabiyaa fi Venezuweelaan sadarkaa 1ffaa fi lammaffaa qabataniiru.

Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...