header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Bulchiinsi Katalooniyaa Wixinee Mootummaa Ispeen kan hin fudhanne tahuu ibse.

Hoogganaan Bulchiinsa Kataloon Karloos Piyugmoont, wixineen Mootummaan Ispeen kutaa Kataloon kallattiin mootummaa jiddu galeessaa jalatti bulchuuf dhiheesse, kan fudhatama hin qabne tahuu ibse.
Piyugmoont ibsa kenneen; “Wixineen Maadriid aangoo hoggantoota kutaa Katalooniyaa irraa fudhuun, Mootummaa jidduu galeessaa jalattitti bulchuuf dhiheessite fudhatama hin qabu; akkasumas Murtiin  kun murtii jalqabaa kan mootummaan Abbaa irree Jeneraal Firankoon bara 1939-1975 birmadummaa Kataloon sarbuun Ispeen jalatti bulchaa ture caala hamaadha” jedhe.

Karoorri Muummichi ministeera Ispeen Mariyaanoo Rahooy  guyyaa kaleessaa dhiheesse,  Qondaaltota Katalooniyaa aangoo irra jiran mara aangoo isaanii irraa kaasuu fi Paarlaamaa kutaa Kataloon gutumaan guututti jigsuun, filannoon haarawni akka geggeeffamu kan jedhu ture.

Pirazadantiin Kataloon Karloos Piyugmoont gama isaatiin, “Adeemsi mootummaa Ispeen kun, murtee dimokraatawaa ummanni Kataloon murteeffate kan gufachiisuuf karoorfame”jedhe. Dabalataanis Manni maree Katalooniyaa karoora muummichi Ministera Ispeen dhiheesse kana irratti falmiin akka geggeeffamu walgahii kan waamu tahuu ibse. Haata’u malee mana maree keessatti miseensonni paartii muummicha ministeera Ispeen barcuma heddu  kan qaban yoo tahu, kun immoo birmadummaa Kataloon irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’a jedhameera.

Karoora Mootumma jiddugaleessa Ispeen kana mormuun guyyaa kaleessa ummanni 450,000 ol dhaadannoo adda addaa dhageessisaa, hiriira kan bahe tahuu ibsi Poolisiin Magaalaa Barseloona ni mul’isa.

Torbee sadi dura Rifarandamii Bulchiinsi Kaataloon geggeessen, ummatni Kataloon harki caalaan  Ispeen irraa fottoquun mootummaa ofii hundeessuu filate. Haata’uu malee mootummaan Ispeen sagalee ummataa kuffisuun, bu’aa sagalee ummataa irratti hundaayuun wixinee Bilisummaa Bulchiinsi kataloon qopheesse akka kuffisu yeroo kennee ture. Yeroon keenname guyyaa 3 dura kan dhume yoo tahu, haaluma kanaan mootummaan Ispeen kallattiidhaan gaaffii walabummaa Kataloon kan kuffisu tahuu ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button