header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii saffisaan dabalaa jira

Masri namni Dhibee Vayirasii Koroonaa (COVID-19)’n qabame biyya isii keessatti argamuu, February 13/2020 gabaasuun biyya Afrikaa tan jalqabaa turte. Yeroo ji’a lama hin geenne keessatti hanga Arba’aa har’aatti Vayirasichi biyyoota Afrikaa 54 jidduu 49 keessatti kan tamsa’e yoo tahu, yoo xiqqaate namoonni 6000 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Prezdaantii Koongoo Braazaaviil duraanii fi muummicha ministeera Somaaliyaa kan duraanii dabalatee, hanga ammaatti lammiileen Afrikaa 200 ol sababa Vayirasii koroonaatiin du’anii jiru.

Ogeeyyonni Fayyaa akka jedhanitti, sirna fayyaa dadhabaa, hanqinaa ogeeyyoota fayyaa fi meeshaalee waldhaansaa biyyoota Afrikaa keessa jiruun wal qabatee, weerarri Vayirasichaa Ardiilee biroo caalaa Afrikaa hubuu mala jechuun akeekkachiisan. Dhaabbanni fayyaa Addunyaatis, biyyoonni Ardii Afrikaa tamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf tarkaanfii hatattamaa yoo kan hin fudhanne tahe, torbaan muraasa booda Vayirasichi to’annaan ala bahuu mala jedhe.

Keessumattuu namoota Vayirasichaan qabaman adda baasuuf qorannoon godhamu saffisaa fi hedduminaan yoo kan hin raawwatamne tahe, Vayirasichi yeroo gabaabaa keessatti lammiilee Afrikaa heddu balaa irra kan buusu tahuu ibsame.

 

7 Comments

  1. as.wr.wb.mash’ala Baye garidha garu malif oduu Haran hatataman naf hinsene. fkn kan guya sadiin 3in duratu naf gala
    kan ara naf hin sene

  2. yaa warra miidiyaa nuuralhuda As wr wb.erga hojii jalqabdani eegalee TV keessan hordofuun barumsa guddaa irraa argachaa jirra. haaluma kanaan itti fufaa isinin jedha.galanni keessan guddaadha.Rabbiin isin bira haa dhaabbatu. galatoomaa.

  3. As wr wb application Nural huda kun heddu irra fayyadamutti wan jirruf hala gaarin barnoota heddu wan nuf dabarsa jiruuf warronni sagantale adda addaa asirratti kara barrefamatin tahu karaTV hundan wan jirenya arraatifi borulle nama hunda faayyasu barsiisa wan jirtaniif hundii qophesitota qindesitota narsistonni hundi jaza girgudda addunyaafi akhira rabbin isiniif haa kennu jaza kumullahu keyran

  4. yaa rabbii nuu birmaadhuu ati yaa allah ☝😭
    keessattuu biyyi teena mottummaa ummatafi yaaduu hin qabiduu, osoo ta’eele yoo rabbiin nuu birmaatee malee motumaani malii nuu godhaami. rabbiin nuraa haa kaasuu motummotaa zaalimaa, siyaasa isaani malee ummataafu bu’a hin qaabinee🙈🙈

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button