header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Magaalota umrii dheeraa qaban

Qophii Abu Ibtisam

Akka galmeen seenaa ibsutti, magaalaan Finfinnee bara 1886 hundeeffamte. Kana jechuun magaalaan tun umrii waggaa 136 qabdi jechu. Tarii namni gaafa magaalaan Finfinnee hundeeffamtu dhalate harras lubbuun jiraachuu dandaya. Ityoophiyaa keessa magaalonni magaalaa Finfinnee caalaa umrii dheeraa qaban heddutu jiru. Itoophiyaa keessaa baanee gama Eeshiyaa yoo imalle ammoo, ajaa’iba biroo argina. Barruu tana  keessatti magaalota umrii dheeraa qaban ilaalla.


5ffaa. Suusaa (Iiraan)

Magaalota umrii dheeraa qabanii fi kan yeroo ammaatis ilmi namaa keessa qubatee argamu keessaa takka kan taate magaalaa Suusaati. Magaalaan tun yeroo ammaa Shush jedhamuun waamamti. Akka galmeen seenaa himutti, magaalaan tun dhaloota Nabi Iisaa dura amata 4200f qubsuma lammiilee isii taatee tajaajilaa akka turte qorannoon godhame ni mul’isa. Yeroo sanitti magaalaan tun wiirtuu impaayera Elaamaayit godhamtee hundeeffamte. Boodarratti Mootummaan Assiiriyaa, impaayera Elaamaayit kuffisee magaalattii qabate. Kisraanis mootummaa Assiiriyaa moohatee magaalaa tana qabatee bulcheera. Walumaa galatti magaalaan Suusaan waraana garagaraa dandamachaa hanga arraatti turuu dandeessee jirti. Magaalaan Suusaan ykn Shuush, Yeroo ammaa kana jiraattota 65,000 tahan qabdi.


4ffaa. Dimashq (Suuriyaa)

Akka qorattoonni seenaa himanitti magaalaan Dimashq magaalaa jalqabaati jedhamee amanama. Haa tahu malee qorannoon arkiyoolojii waan kana mirkaneessuu waan hin dandayaniif,  umrii dheeraa qabaachuun sadarkaa 4ffaa irratti argamti. Magaalaan tun dhaloota Nabi Iisaa dura bara 4300 irratti akka hundeeffamte qorannoon godhame ni mul’isa. Ummanni Aramaay jedhamuun beekkamu, hundeessitootaa magaalaa tanaa akka tahanis ni himama. Dimashq yeroo garagaraatti bulchiinsa hedduu jalatti kan kufte yoo tahu, Alexander the Great dabalatee, impaayerri Ruum, Muslimoonni fi impaayerri Usmaaniyyaa magaalaa tana bulchaniiru. Bara Muslimoonni qabatan irraa kaasee Dimashq wiirtuu beekkumsaa tahuudhaan haalaan iftee mul’atte. Yeroo ammaa kana waraana Suuriyaa keessatti ka’een rakkoo hamaaf kan saaxilamte Dimashq, jiraattota miiliyana 2.8 tahan qabdi.


3ffaa. Halab (Suuriyaa)

Ammas achuma dachii Shaam keessa jirra. Halab yookaan Aleeppoon magaalaa umrii dheeraa qabaachuudhaan sadarkaa 3ffaa irratti argamtuudha. Akkuma Dimashq magaalaan tun dhaloota Nabi Iisaa dura bara 4300 keessa akka hundeeffamte qorannoon godhame ni mul’isa. Halab jalqabarratti bulchiinsa Haytiit jala kan turte yoo tahu, Assiiriyan,”¦ Griik, akkasumas bulchiinsi Faarsis magaalaa tana bulchaniiru. Boodarrattis impaayerri Ruum, Bizaantaayin, Bulchiinsi Muslimootaa, Waraanni Masqalaa, Mongoloonni fi xumura irratti Epaayerri Usmaaniyyaatis magaalaa tana bulchaniiru. Magaalota yeroo ammaa haalaan miidhaman keessaa tokko kan taate Halab, waraanni jalqabamuun duratti jiraattota miiliyana 4.4 qabaachuu turte.


2ffaa. Jabiil ykn Bibloos (Lubnaan)

Ammallee achuma dachii Shaam irra jirra. Magaalaan amma ilaallu ammoo tan faranjoonni Bibloos jechuun waaman, tan Ummanni biyyattii ammoo Jabiil jechuun yaaman. Magaalaa biyya Lubnaaniiti. Magaalaan tun dhaloota Nabi Iisaa dura bara 5000 duratti akka hundeeffamte qorannoon ni mul’isa. Warri hundeesse Foneeshiyan jedhamu. Boodarratti Ummanni Griik magaalaa kana weeraranii eega qabataniin booda Bibloos jedhanii itti moggaasan. Maqaan macaafaa kan Baaybil jedhus kanumarraa dagaage. Magaalaa tana keessa yeroo ammaa kana hedduminaan jiraatan hordoftoota amantii kaatolikaati.


1ffaa. Ariihaa yookaan Jericho (Falasxiin)

Magaalaan umrii dheeraa qabaachuun sadarkaa duraa irra jirtu achuma dachii sham biyya Falasxiin keessatti argamti. Ummanni biyyaa Ariihaa jedhee waama. Magaalaan tun dhaloota isaa dura bara 9000 keessa hundeeffamte. Ammatti magaalaan tun umrii waggaa 11,000 qabdi jechuudha. Ariihaan magaalaa umrii dheeraa qabdu qofa osoo hin taane, magaalaa yeroo duraatiif dallaya ijaarratteedha. Qarqara laga Urduun (Joordaan) irratti kan argamtu magaalaan Ariihaa, yeroo ammaa kana jiraattota 20,000 tahan qabdi. Ariihaan yeroo ammaa kana Bulchiinsa Mootummaa Falasxiin kan Mahmuud Abbaasiin hoogganamu jalatti argamti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button