header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Hirriiba

Ilmi namaa jiraachuudhaaf soorata, uffata, mana keeysa qubatu fi waan biroo heddu barbaada. Fedhiin ilma namaa xumura hin qabu. Fedhinnaa ofii kana guutuudhaaf ammoo ifaajuu qaba. Namni ifaaje ammoo ni dadhaba. Namni dadhabe haara galfii barbaada. Haara galfatuufis bakka ciisu barbaada. Walumaa galatti jiruuf jireenya ilma namaa keessatti hirribni akkaan barbaachisaa dha. Kanaaf Rabbiin keenya qur’aana isaa keessatti akkana jedhe.

وَجَعَلۡنَا نَوۡمَكُمۡ سُبَاتٗا ٩

“Hirriba keessanis boqonnaa isinii goone.”(Suura An Naba aayaa 9)

Kanaaf ilmi namaa boqonnaa yoo barbaade ni rafa. Rabbiin ol aanelle fedha isaatiin hirriba kana bakka hara itti baafannu nuu godhe. Alhamdulillah! Gama Saayinsiitiinis ilmi namaa hirribni akka isa barbaachisu waliif galamee jira. Namni hirriba gaarii qabu, haala gaariin dalagaa isaa hojjachuu danda’a. Namni hirriba gahaa hin qabne garuu, dalagaa isaa seeraan hojjachuu irratti ni rakkata.

Hedduun keenya Suuratul Kahfiin sirritti beeyna. Suura kana keessatti waa’ee dargaggeeyyi goda keessatti waggaa 300 oliif hirriba keessa turanii qaraanee jirra. Ilmi namaa osoo lubbuun jiruu waggaa 300 ol hirribaan dabrsuun isaatuu waan ajaa’ibaati. Rabbii keenyaaf garuu inni kunis waan salphaa dha. Amma mee gara aayaa suuraa tanaa deebinee mu’ijizaa ajaa’ibaa isa keessa jiru, kan saayinsiin dhiheenya kana qorannoon bira gahe haa ilaalluu.

وَتَحۡسَبُهُمۡ أَيۡقَاظٗا وَهُمۡ رُقُودٞۚ وَنُقَلِّبُهُمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَذَاتَ ٱلشِّمَالِۖ وَكَلۡبُهُم بَٰسِطٞ ذِرَاعَيۡهِ بِٱلۡوَصِيدِۚ لَوِ ٱطَّلَعۡتَ عَلَيۡهِمۡ لَوَلَّيۡتَ مِنۡهُمۡ فِرَارٗا وَلَمُلِئۡتَ مِنۡهُمۡ رُعۡبٗا ١٨

“Kanuma isaan rafaa jiranuu dammaqoo isaan seeta. Mirgaa fi bitaatti isaan garagaggalchina. Sareen isaaniitis dhundhuma isaa lamaan holqatti diriirsaa dha. Osoo isaan argitee dhugumatti silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaa guutamta turte.”(Al Kahf 18)

Aayaan qur’aanaa kun waa’ee dargaggoota goda keessa jaarraa sadii oliif rafanii haasawa. Bakka kanatti Rabbiin ol aane, qaama isaanii mirgaa fi bitaatti garagaggalchaa ture. Xiyyeeffannaan keenya har’aas waa’ee bitaa fi mirgatti garagaggaluu kana. Rabbiin keenya maaliif dargaggoota kana akkuma bakka takkatti ciisanitti isaan dhiisuu dhabe? Maaliif qaama isaanii sosochoosuun barbaachise? Mirgaa fi bitatti gaggaragaluun faaydaa maal qaba? Qur’aana kabajamaa kana keessa harfiin ykn qubeen takkallee kan faaydaan malee seente hin jirtu. Kanaaf mirgaa fi bitaatti gargaluun faayidaa guddaa akka qabu isa kanarraa hubatuu ni danddeenya.

Saayinsiin faaydaa mirgaa fi bitatti gaggaragaluudhaa dhiheenya kana bira gahe. Namoonni yeroo hunda kallattima tokko irratti osoo dirra isaanii hin jijjiirin rafan, dhukkuboota garagaraatiif saaxilamanii jiran. Fakkeenyaaf dirra yeroo heddu irra rafan irratti rakkina marsaa dhiigaa, iita’uu fi itita dhiigaa fa’aaf saaxilaman. Qaamni ilma namaa yeroo dheeraaf bakkuma ciise irraa osoo dirra hin jijjiiratin sa’aa dheeraaf yoo ciise, rakkina pressure sores jedhamuuf saaxilama. Yeroo kanatti dhiigni silaa gogaa san dhaqqabuu qabu osoo gara gogaa hin seenin hafa. Haala Kanaan gogaan gara saniin jiru dalagaa dhaaba. Sababaa kanaaf gogaa nannoo sanii irratti iitaanfi madaanis uumamuu danda’a. Rakkinni kun hatattamaan yaala yoo hin argannee wantootni gogaa san jalatti argaman kanneen akka tiishuu fi irree hundi isaaniitis du’uu danda’u. Dabalataanis rakkinoota heddu qaama namaa irratti miidhaa geessisuu danda’aniif nama saaxiluu mala. Kanaaf yeroo hunda hirriba keessa daqiiqaa 15, 15 gaggaragaluun rakkinoota akkanaa kanniin hanbisuudhaaf faaydaa akka qabu qorattoonni ni dubbatu. Namoonni dhukkuba garagaraatiin qabamanii dirra jijjiirachuu hin dandeenye ammoo gargaarsa namootaatiin sa’aatii lama lamaan naanneffamuu qabu.

Aayaa qur’aanaa mirgaa fi bitaatti isaan garagaggalchina jedhu kana, erga argamni saayinsiidhaa kun argameen booda ilmi namaa sirritti hubate. Rabbiin keenya namoota waggaa 300f rafan sanniin akkanumaan dhiisuu ni danda’a. Garuu Rabbiin keenya namoota kanniin gaggaragalchaa fayyaa isaanii eege. Akkasumas dhimma kana qur’aana keessattis akka nuti irraa fayyadamnuuf nuu dubbate.

Akka aayaa qur’aanaa kanatti himni jiru, isaan gaggaragalchine kan jedhuu dha. Rabbiin keenyallee dargaggoota waggoota dheeraaf turan kanniin gogaan isaanii akka miidhamee hin duuneef akka gaggaragalchaa ture nama hundaaf ifa ta’a.

Ergamaan Rabbii yeroo san turanii dhimma kana hin argine. Akkasumas faaydaa hirriba keessa gaggaragaluudhaa qoratanii bira hin geenye. Rabbii ol aane waa hunda beekutu isaan hubachiise.
ALHAMDULILLAAH, Rabbii Haqarratti nu uumtee haqa nu beeysiste galanni si haa gahu

Back to top button