header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Bineensota harkifatoo (Suutumee)

Rabbiin (SW) uumama dachii tanarra jiru bifa garagaraatiin uume. Uumamni hundi kennama Addaa kenname. Uumama garii bifaan bareechee uume, garii humna jabeesse, gariifis mala addaa, kaaniif saffisa Ajaa’ibaa akka maluun qoode.  Uumama addunyaa kanaa kan rabbiin keenya faayee uume lakkofnee fixuu hin dandenyu. Barruu tanaan bineensota harkifatoo ta’an (Bineensota saffisa laafaa Qaban) waliin ilaalla In shaa Allaah.

Bineensi harkifataa jedhamuun sadarkaa duraa irratti argamu Ciilalluudha. Cilalluu kana Afaan ingiliffaatiin Snail, Afaan Amaaraatiin Qandaawuxaa, Afaan Arabaatiin Halzuunaa jedhama. Sanyiin uumama kanaa kan kumaatamaan laakkawamu kan jiru yoo ta’u, bishaanii fi lafa irrallee jiraachuu ni danda’a. Sanyiin gariin seenti meetira 1 kan hin guunne yoo ta’u, gariin ammoo haga seenti meetira 30 dheeratuu danda’a. Qaama isaa kanarraa qola yeroo rakkoo keessatti dhokatu qaba. Qolli isaa kun kaalshiyamii irraa ijaarame. Sanyiiwwan Ciilalluu keessaa, inni Garden Snail jedhamu bineensa harkifataa jedhamuudhaan addunyaa irraa sadarkaa duraa irratti argama. Uumamni kun sakandii takka keessatti, seenti meetira 1.3 deema. Yoo humna qabu hunda fayyadamee saffisa jabaan deeme, sa’aatii tokko keessatti, Meetira 48 deemuu danda’a. Saffisa isaa kana osoo hin hir’isin haaluma Kanaan yoo deeme, guyyaa tokko keessatti Kiiloomeetira 1 qofa deemuu danda’a jechuudha.  Mee waan kana xiinxallaa hordofaa. Cilalluun kun Magaalaa Adaamaa irraa ka’ee Finfinnee seenuuf, sa’aa meeqa isa barbaachisa jettanii tilmaamtu? Sa’aa miti guyyaan heddus isa hin gahu, torbanittis gahuu hin dandahu. Guyyaa 90 ykn baatii 3 deemee, Adaamaa ka’ee finfinnee gahuu dandaha jechuudha.

 

Bineensa sadarkaa lammaffaa irratti argamu ammoo Sloth (ISLUUZ) jedhama. Uumamni kun hedduminaan muka gabbaa jiraata. Sanyiin uumama kanaa shantu jira. Sanyiileen kunniin garee lamatti kan qoodaman yoo ta’u, sanyii quba lamaa fi sanyii quba sadihii jedhamuun adda qoodamu. Dheerinni uumama kanaa seentimeetira 60 haga 76 dheerata. Ulfaatinni qaama isaatis kilograama 3 haga 17  ni ta’a. Sloth wantoota hedduun harkifataadha. Maqaa isaatis amaluma isaa harkifataa kanarraa argate. Uumamni kun humna qabu hunda fayyadamee saffisaan yoo deeme, Sa’aatii takka keessatti Meetira 150 deemuu danda’a. Saffisuma Kanaan jabaatee yoo deeme guyyaa tokko keessatti, Meetira 3600 ykn ammoo Kilomeetira 3.6 deemuu danda’a. Haala Kanaan uumamni kun Adaamaa ka’ee Finfinnee dhaquudhaaf guyyaa 27 isa barbaachisa.

 

Bineensi harkifataan sadarkaa sadaffaa irratti argamu ammoo Starfish jedhama. Starfish jechuun Afaan Oromootiin Qurxummii Urjii fakkaatu jechaadha. Maqaa kanas boca qaama isaa irraa argate. Bocni isaa Urjii amma nuti beeknuun wal fakkaata. Uumamni kun hedduminaan Garba Indiyaa fi paasifik keessatti argama. Jireenya isaatiifis lafa gad dhooqa barbaada. Maqaan isaa jecha Fish ykn Qurxummii jedhu ofirraa qabaatus, uumamni kun qurxummii miti. Garee Qurxummii keessatti osoo hin taane, gareewwan biraa kan bishaan keessa galan keessatti ramadama. Hedduun isaa akkuma urjii fakkii irratti beeknuu, fiixee shan qaba. Garuu kanneen shanii ol qabanis numa jiru. Walumaa galatti sanyiin uumama kanaa 2000 ol akka jiru himama. Dheerinni qaama isaa haga seentimeetira 25 ta’uu danda’a. Ulfaatinni qaamaa ammoo Haga kiiloo Afurii ta’a. Bineensi kun harkifachuudhaan Uumama dachii kanarra jiran keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama. StarFish saffisa jabaan yoo deeme, meetira 168 deemuudhaaf sa’aatii tokko barbaada. Guyyaa guutuu osoo adda hin kutin yoo deemaa oole ammoo Kilomeetira 4. 3 deemuu danda’a. Haala Kanaan uumamni kun Adaamaa irraa ka’ee Finfinnee dhaquudhaaf guyyaa 24 fi sa’aatii 8 isa barbaachisa jechuudha.

 

Uumamni itti aanu ammoo Qocaadha. Sanyiilee Qocaa keessaa inni Giant Tortoise ykn ammoo Qocaa guddicha jedhamuun beekamu, harkifannaadhaan addunyaarraa sadarkaa afraffaa irratti argama. Uumamni kun bineensota umrii dheeraa jiraatuu danda’an keessaa isa tokko. Qocaan tokko  haga waggaa 150 jiraachuu danda’a. Walumaa galatti hedduun keenya Qocaan bineensa saffisa xiqqaa qabu akka ta’e oduu duriinis taatu dhageenyee jirra. Mee dhugaa uumama kanaa ammoo lakkoofsaan wal qabsiisnee haa ilaallu.

Qocaan kun yoo akkaan jabaatee deeme,  sa’aa takka keessatti Meetira 170 deemuu danda’a. Kanaafuu guyyaa tokko keessatti Meetira meeqa deemuu akka danda’u beekuu yoo barbaannee, 170, digdamii afuriin baay’isuudha. Haala Kanaan Qocaan kun guyyaa tokko keessatti, kilomeetira 4.08 deemuu danda’a jechuudha. Walumaa galatti deemsi isaa kun kan  StarFishiitiin walitti dhihaata. Haa ta’u malee Qocaan kun Star fiish irra sa’aatii sadih dursuun Adaamaa irraa ka’ee Finfinnee gahuu danda’a. Haala Kanaan Adaamaa ka’ee Finfinnee seenuudhaaf guyyaa 24 fi sa’aatii 5 isa barbaachisa.

 

Harkifannaan bineensota kanaa isin ajaa’ibuutu mala. Saffisni isaanii kan isiniif dhiheeyse kun, yeroo isaan jabaatanii deeman qofa. Yoo suuta deeman hoo akkam taha laata. Kana tilmaamuun heddus nama hin dhibu. Adaamaa irraa ka’anii Finfinnee guyyaa haganatti seenan kan isiniin jennes, osoo adda hin kutin yoo deeman qofa. Garuu dirqamatti, dadhabbiin, sooratni, hirribni waan jiruuf jiddu jidduun dhabbachuun isaanii hin oolu. Haala kanaan yeroo dheeraa turuu dandahan jechuudha.  Rabbiin keenya waan hunda akka fedhii isaatti uumee jiraachisa. Saffisa akkana laafaa kana isaaniif kennus isaan jiraachisutti jira. Soorata isaaniitis isumatu isaaniif qooda.

 

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button