header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qaajjibbuu (DeathStalker Scorpion)

Gosti Qaajjibbuu kanaa maqaalee heddu qaba. Isaan keessaa Qaajjibbuu Israa’el, Qaajjibbuu Omdurman, Qaajjibbuu gammoojjii maqaalee jedhaniinis ni beekama. Hammeenyaa fi balaa uumama garagaraa irraan gahuu danda’u irratti hundaa’aniiti deathstalker Scorpion jedhanii moggaasan. Namni qaajjibbuu kanaan iddame carraan lubbuudhaan hafuuf qabu jiraatus akkaan xiqqaa dha. Miirri dhukkubbii isaa garuu yoomuu kan irraanfatamuu miti. Kanaaf bineensota summii hamaa qaban kan addunyaa kana keessa jiran 10 keessaa qaajjibbuun kun tokko ta’uu danda’ee jira.

Summiin qaajjibbuu kanaa akka malee ulfaataadha. Gubaa fi cinqaan isaa du’aaf nama saaxila. Warri tajaajila wal aansaa argatanii hafanis dhukkubbii itti dhagahame san yoomillee irraanfatuu hin danda’an. Saayintistoonni garuu akkuma bineensota summii qaban kanneen biroo hedduu irraa dawaa oomishaa jiranitti, qaajjibbuu kanarraayis dawaa garagaraa argachuudhaaf qorannoo irra jiru. Garuu namoonni dhimma kanarratti hirmaatan hammeenya summii irraa kan ka’e of eeggannoon guddaan godhamuu akka qabu himaati jiru.

Dhaltuun qaajjibbuu tanaa iinchii 4 dheeratti. dhiirri ammoo iinchii sadi dheerata. Akka naannoo jireenyaa irratti hundaa’ee dheerinni isaanii gabaabbataa deema. Halluun isaanii plaastikii fakkaata. Ijoolleen qaajjibbuu kana argite meeshaa taphaati jettee qabachuuf itti utaaluun isaanii hin hafu. Deebiin qaajjibbuu irraa argatan garuu hammaataa dha.

Halluun qaajjibbuudha naannoo irraa naannotti garaagarummaa qaba. Walumaa galatti qaajjibbuun hedduun isaanii naannoo jireenyaa isaanii wajji walfakkaatu. Ilmi namaatis ta’e uumamni biraa akka isaan hin agarreef naannoon wal fakkaataa dhokatu. Qoffee ittiin waa ciniinan guddaa qabu. Garuu qoffeen isaanii kun humna jabaa hin qabu. Kanaaf bakka kanaa summii hamaa fayyadamu.

Qaajjibbuun kun baay’inaan biyyoota baha jiddu galeessaa fi Kaaba Afriikaa keessatti argama. Naannoolee gammoojjii biyya keenyaa keessattis ni argaman. Naannoon akkaan jiidhaa ta’e qaajjibbuu kanaaf mijaawaa miti. Hoo’i jireenya isaatiif filatamaa ta’e ammoo yoo xiqqaate faaranaayitii 75 ta’uu qaba. Qaajjibbuun baay’inaan korophiisaa fi awwaannisa soorata.

 

Namoonni qaajjibbuu kanaan hiddaman rakkoo onnee yoo qabaatan yeroo gabaabaa keessatti du’u. Garuu tajaajilli yaalaa saffisaaan yoo kenname, namoonni hedduun du’a jalaa hafuu danda’u. Hatattamaan yaala yoo hin argannee sombi keenna dhangala’aan guutamee du’aaf nu saaxiluu danda’a. Namni qaajjibbuu kanaan iddame osoo yeroo itti hin kennin saffisaan dawaa fudhatuu qaba. Yeroo gara hospitaalaa fi mana yaalaa deemnutti, eddo qaamaa qaajjibbuun hiddame kanarra cabbii kaayuudhaan iitaan akka hin babal’anne gochuun barbaachisaa dha. Namni qaajjibbuu kanaan iddame dhukkubbii kanarraa fayyuudhaaf ji’oota heddu itti fudhata.

Namoonni summii qaajjibbuu kanaa qaamni isaanii didu ykn ammoo alaarjiika itti ta’us heddutu jira. Warri kun carraan isaan lubbuudhaan hafuuf qaban akkaan gad bu’aa dha. Yoo danda’ame qaajjibbuun nama ciniine sun doktora bira geeffamuu qaba. Sababni isaas summii qaajjibbuu garagaraatiif dawaa garagaraattu jira. Akkasuma miidhaan qaajjibbuun kun namarraan gahus akkasuma garaagarummaa qaba.

Qaajjibuun dhaltuun guddinaan isa dhiiraa akka caaltu isinitti himnee jirra. Kunis sanyii isii of dura bakka buustuuf faaydaa mataa isaa qaba. Walqunnamtii walhormaataa raawwachuun dura dhiira ofii barbaaddu filatti. Dhiira heddu erga waldorgomsiisteen booda isa itti tole filattee wal qunnamtii raawwatti. Sanyii isaanii irratti hundaa’ee rimayni ji’a 3 hanga 5 turuu danda’a. Turtii kana booda dhalaan takka ilmoolee xixiqqoo haga soddomaa dhalti. Ilmooleen dhalatan kunniinis torbaan hedduuf duyda haadha isaanii irra qubatanii jiraatu.

Rabbiin keenya waan dachii tanarratti uume cufa isaa faayidaa malee hin uumne. Warri qalbiin isaanii hagoo bineessa summii hammaataa akkanaa qabu maaliif uumame jedhanii gaafatuun isaanii hin oolamu. Deebiin isaa salphaadha. Rabbi waan hunda faayidama keenyaaf nuu uume osoo jennee soba hin taatu. Waan hunda keessa hikmaa nuti qalbii teenya tanaan bira gahuu hin dandeenyetu jira. Kanaaf saayintistoonni summii bofaa fi wantoota garagaraa keessaa bahu irraa dawaalee dhibee garagaraatiif tahu tolchuu danda’anii jiru.

One Comment

Back to top button