header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Dragonfly

Uumamni  Dragonfly jedhamu kun Afaan Amaaraatiin “Yewuhaa tarb”jedhama. Saayintistoonni uumama kana Ilbiisa  osoo hn taane, Ilbiisa garee odonatan jedhanii waaman. Sababni ammoo koola isaati. Ilbiisotni hedduun isaanii Koola lama qofa kan qaban yoo ta’u, Dragonfly garuu koola afur qaba. Kan kanarraa hafe, Akkuma ilbiisota kaawwanii miila jaha qaba. Qaamni isaatis bakka sadihitti qoodama; Mataa, Mudhii fi Garaa dha.

Dragonfly ija guddaa qaba. Ijji isaa kunis guddaa ta’uu irraa kan ka’e, mataa isaa irra jireessatti haguugee argama. Qaamni isaa dheeraa yoo ta’u, Anteenaan garuu gabaabaadha. Draagon fly bifa garagaraa qaama ofii irraa qaba. Fakkeenyaaf mudhiin magariisa yoo ta’u, garaan ammoo cuquliisa ta’uu danda’a. Gariin ammoo bifa diimaa Mudhii irraa yoo qabaatan, garaan isaanii ammoo gara keellootti daba. Walumaa galatti uumamani kun uumama halluu garagaraa qabu jechuu dandeenya.

Dragon Fly funyaan isaatiin osoo hin taane, qaawwa xixiqqoo garaa isaa irratti argamu kan Spiracles jedhamuun hargana. Koola isaa yeroo tokkotti ykn ammoo yeroo garagaraatti sochoosuu danda’a. Yoo barbaade, lamaan duraa qofa kan sochoosu yoo ta’au, Yeroo fedhetti koola duubaa lamaan qofa sochoosuu danda’a. Sakandii takka keessattis haga yeroo 90 koola isaa gubbaa fi jalatti sochoosuu danda’a. Uumamni kun morma isaa irra hidda jabaa, akka fedhii isaatti morma  olii gad sochoosuu isa dandeessisu qaba. Haala kanaan morma isaa dagaletti digrii 180 dabsuu kan danda’u yoo ta’u, gara olii digrii 70 gara gadii ammoo digrii 40 dabsuu danda’a. Uumamni kun yeroo fedhe qilleensa gubbaa akka Helikooptaraa dhaabbachuu danda’a. Yeroo qilleensa irra barrisu ammoo sa’aa takkatti Kilomeetira 50 barrisuu danda’a.

Dragonfly bineensota carnivorous ykn ammoo warra foon nyaatan keessatti ramadama. Sooranni isaatis walumaa galatti raammoolee fi ilbiisota qofa irratti hundaaha. Ija ajaa’ibaa qabuu fi mala adamsuutti fayyadamee, ilbiisota xixiqqoo samii gubbaa barrisaa jiran qabatee soorata. Sadaraa tokkoffaa irratti bookee buusaa adamsee soorata. Itti aansuun billaachaa fi ilbiisota birootis ni soorata. Dragonfly tokkichi kophaa isaatti guyyaa tokkotti Bookee buusaa dhibbaa ol sooratuu danda’a.

Akkaataan Uumama Dragonfly kan ajaa’ibaati. Jireenya yeroo lama jiraata jechuu dandeenya. Jalqaba dhalaan hanqaaquu naannoo bishaaniitti, sanyiin gariin ammoo bishaan keessatti hanqaaqan. Turtii torbaan lamaatiin booda, hanqaaquun sun gara jiisatti jijjiiramee, bishaan keessa jiraatuu jalqaba. Jiisaan kun bishaan keessa deddeemuudhaan, raammoolee xixiqqoo fi qurxummiilee xixiqqoo adamsee soorata. Jiisaan dragonfly miila qaba. Miila isaatiin olii gad deemee soorata barbaadata. Garuu Barrisuu hin danda’u. Yeroo kanattis sirna hargansuutiif akkuma qurxummiidhaa giilii fayyadama. Jiisaan kun gaafa gara Dragonflyitti jijjiiramuu barbaade, laga keessaa bahuudhaan muka gubbatti, margaa fi wantootuma lafaa ol ka’aa ta’an irratti maxxana. Kana booda Jiisaa kana cabsuudhaan Dragonfly keessaa baha.  Subhaanallaah. Rabbiin keenya akkuma ofii fedhetti jiraachisa. Akkuma ofii fedhetti uuma.

Ajaa’ibni biraa uumama kanaa ija isaati. Dragon fly  Ijji isaa bineensota dachii kanarra jiran keessaa ka ajaa’ibaati. ijji isaa lameen haalaan gurguddoodha; walumaa galatti mataa isaa dhoksuuf waan xiqqoo qofatu hafa. Akkaataan ijji isaa mataa isaa haguugees akka nama motor cycle ofuuf heelmeet godhateen wal fakkaata. Ija kanaan digrii 360 irratti waan argaman ilaaluu danda’a. ijji isaa gosa agartuu ijaa Omaatidiyaa jedhamu kuma 30 irraa kan ijaarame yoo ta’u hundi isaaniituu leensii mataa isaanii qabu. Gama birootiin Raammoon kun ija kuma 30 qaba jechuunis ni dandayama. akkaataan dragon fly itti argu haalaan nama ajaa’iba.  Halluu hunda isaatuu adda baafatuu ni danda’a. dabalataan bifoota walmakaa ta’anis adda baasee hubatuu danda’a. Diina naannoo isaatti argaman saffisa ajaa’ibaatiin adda baafata.

ilbiisni kun yeroo heddu guyya guyyaa kan socho’u yoo ta’u, yeroo ilmi namaa waa arguuf rakkatu, yeroo lafti dimimmisaa jirtu sanitti bakka ifaan homaa hin jirretti waan barbaade adda baafatuu ni danda’a. Dragon fly ija biraa xixiqqoo ta’an sadihi kan ‘Ookeelii‘ jedhaman qaba. Okeeliin sosochii raammoo adamsamuu san saffisa guddaan xiinxallee dhaamsa gara ijaatti dabarsa. Kana booda Diraagon fly turtii sakandii hin guunne keessatti raammoo san adamsuuf socho’a. Ija Okeelii jedhamu kana raammooleen heddu kan qaban ta’us kan Diragon fly garuu  haalaan adda.

Back to top button