Urunguu
Uumamni har’aaf isinii filadhe sanyii Simbirrooti. Simbirroon tunis Urunguu jedhamti. Simbirroonni heddu [cm_tooltip_parse][/cm_tooltip_parse]Urunguu ni sodaatu. Kanaaf yeroo heddu namoonni mana isaanii gubbatti Waan Urunguu fakkeeffamee hojjatame kaahu. Kunis Simbirroonni biraa dhufanii mana san irratti goojjoo ofii akka hin ijaarranneef mala kana kaahu. Urunguun hedduminaan guyya guyyaa hin argaman. Yeroo heddu halkan sosocho’u. Sanyiin Simbirroo kanaa Gosa gurguddaa lama jalatti ramadamu. Guddinni qaama isaanii sanyii isaanii irratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Sanyiin xixiqqaan seenti meetira 10 qofa kan dheertan yoo ta’u, sanyiin gurguddaan ammoo haga seenti Meetira 70 dheeratu.
Urunguun boca qaamaa fi akkaataa uumama isaaniitiin Simbirroota kaawwan irraa wanta adda ittiin ta’an qaba. Mataan Urunguu akkaan guddaa dha. Ijji isaatis kan simbirroota hedduu caala. Qoffeen isaatis akkaan qara yoo ta’u, fiixeen isaa gad caafamaa dha. Agartuun isaatis qaroo jabaa qaba. Qorattoonni hedduun agartuu isaa kana Binocular vision jedhanii waaman. Binocular vision jechuun waan argu san ol guddisuudhaan kan dhiheessee muldhisu jechuu dha. Morma isaa digrii 180 naanneessuu danda’a. Olii fi gad socho’uu irrattis mormi isaa akkaan ajajama. Ija isaa balaa irraa ittisuudhaaf qola ijaa sadih qaba. Inni gubbaan jiru Limsachuudhaaf qofa tajaajila. Kan jidduun jiru ammoo yeroo hirribaa qofa itti fayyadama. Inni sadaffaan ammoo qulqullina ijaa eeguudhaaf tajaajila.
Qoffee qara qabu san diina ofirraa ittisuu fi soorata ittiin cicciratuudhaaf fayyadamu. Urunguuleen waan argatan hin alanfatan. Waan argatan garumatti dabarsu. Wanti isaan qabatan akkaan guddaa yoo ta’e ammoo qoffee qara qabu saniin cicciranii liqimsu. Garaachi isaanii kutaa lama qaba. Isa tokkotti soorata yeroo argatan cal’isanii guutu. Booda irratti yeroo boqonnaa isaanii alala dhahuudhaan, kan isaaniif faaydaa qabu gara garaacha lammataatti dabarsu. Kaan ammoo alatti darbu. Gurri isaaniitis dhageettii irratti ka ajaa’ibaati. Soorata barbaadan fageenya irraa sagaleedhaan adda baafatuu danda’u. Koola isaanii kanarraa baallii garagaraa gosa shanii ofirraa qabu. Kunsi yeroo balali’an osoo namni tokkollee isaan hin dhageenye akka deeman isa qarqaara. Koolli simbirroota biroo sagalee kan dhageessisu yoo ta’u, kan Urunguu garuu sagalee takkallee hin qabu. Kanaaf halkan yeroo socho’an osoo wanti tokkollee isaan hin dhagahin bira gahanii qabatu. Urunguu arguun akkaan rakkisaa dha. Sagalee isaanii dhagayuu dandeenyus, naannoo isaanii waliin wal fakkaachuudhaan nama jalaa dhokatu.
Urunguun haala qilleensa naannoo hunda waliin wal simatuudhaan jiraatuu danda’u. Eddoon baramaan jireenya isaaniitiif mijaa’u naannoo mukkeen baay’inaan argamu yoo ta’u, naannoo kanatti qubsuma isaanii ijaarachuudhaan jiraatu. Kunis guyya guyyaa diina isaanii jalaa dhokachuudhaaf isaan gargaara. Urunguun gariin ammoo eddo roobni guddaan jiru jiraachuu filatu. Gariin ammoo naanno hoo’i hammaatuttis ni jiraatu. Sanyiin marga qofa keessatti dhokachuun jiraatus ni jira. Bakki jireenya isaaniitiif hin mijjoofane hin jiru. Eddoo Jiraatan kanattii Goojjoo mataa isaanii hin ijaaratan. Goojjoo amma dura ijaaramtee gatamte keessa qubatu.
Sooratni isaanii Foon bineensotaa irratti hundaa’a. Waa adamsuu irrattis muuxannoo jabaa qabu. Haa ta’u malee waan ofii isaaniitii ajjeesan malee raqa bineensi biraa ajjeesee, dhiisee biraa deeme hin sooratan. Qaroon ijaa ajaa’ibaa sun soorata barbaadan fageenya irraa akka adda baafatan isaan gargaara. Kana booda Sagalee isaanii dhokfatanii, qeensa jabaa qabanitti fayyaduumaadhaan, bineensa ija isaaniitiin adda baafatan san qabatu. Sooratni isaanii hedduminaan daarabaaftuu, ilbiisota, raammoolee, Qurxummii, reptaayoloota, amfiibiyaanotaa fi hoosiftoota xixiqqoo akkasumas simbirroota of keessaa qaba. Sanyiin gariin ammoo hantuuta, tuqaa fi hilleensas ni sooratu. Hammi guyyaa tokkotti sooratanis guddina qaama Urunguu irratti hundaa’a. Yeroo heddu Urunguun bineensota gurguddaa kan garaa isaanii quubsu adamsan. Akkuma dura dubbanne, wantoota gurguddaa argatan, qoffee isaanii saniin cicciranii liqimsan. Kana booda eega bulleessaniin booda wantoota garaan isaanii bulleessuu hin dandeenye, kanneen akka rifeensaa, baallii simbirrootaa, ilkaanii fi lafee bineensotaa, deebisanii alala dhahuun alatti gatan. Kan hafe gara garaacha lammataa dabarsu
Urunguun dhiiraa qubsuma mataa isaa tolfatee jiraata. Akkasumas Urunguuleen garee uumanii osoo hin taane, kopha kophaa jiraatan. Yeroo walqunnamtii walhormaataa raawwatuu fedhan warra dhiiraatitu sagalee ofii jijjiiruudhaan dhaltuu waammata. Dhaltuunis sagalee saniin yoo hawatamte gara dhiira saniii dhufti. Yeroo duraatiif sagalee tanaan eega wal barataniin booda umrii isaanii guutuu jaarsaa fi jaartii walii ta’u. Haa ta’u malee wal bira hin jiraatan. Yeroo garaa quufanii ilmoo bakka busuu fedhan qofa walitti dhufan. Eega wal qunnamtiin raawwatamen booda dhaltuun hanqaaquu buusti, turtii guyyaa 30 boodas ilmoon xiqqoon tan baallii hin qabne killee cabsitee baati.
Wantoota dachii tana keessa jiru keessaa kan diina hin qabne hin jiru. Urunguuleen simbirroota hedduun sodaatamanis, ofii isaaniitiifis waan sodaatan qabu. Fakkeenyaaf, Jeedalli diina hamaa Urunguutti. Keessattu yeroo qabbanaatti bineensonni heddu waan baqataniif, jeedalli soorata dhabuu danda’a. Soorata kana ammoo Urunguu naannoo sanii hin baqanne, adamsuudhaan bakka buufata. Kan itti aanu bofa gurguddaa dha. Yeroo heddu bofni hanqaaquu urunguu irratti xiyyeeffata. Urunguu jiraa isii guutumaan guututti kan liqimsus numa jra. Adurreen bosonaatis diina biraati. Keessattu Urunguu xixiqqoo ta’an irratti akkaan xiyyeeffata. Akkuma bineensota biroo Ilmi namaa diina isaanii kan duraati. Yeroo heddu namoonni taphaaf jedhanii Urunguu barbaaduudhaan adamsu.
Koolli Urunguu Baallii garagaraa shan akka qabu ibsinee jira. Wanti nama ajaa’ibu, Koolli Urunguu kun guddaa ta’us, yeroo samii irra barrisu sagalee takkallee hin dhageessisu. Qorannoon godhame akka garsiisutti sagalee Koola Urunguu Waraabuudhaaf carraaqanii turan. Garuu kan simbirroota hedduu sagalee waraabuu danda’anis, kan Urunguu garuu hin waraabbamne. Kunis Simbirroota biroo irraa akka adda ta’an isaan godhee jira.
Qophii Abu Ibtisam