header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Sammuu ilma namaa

Qaamni ilma namaa diizaayina addaatiin uumame. teknoolojii hin dulloomne, kan yeroon irra hin tarre dizaayinii uumamaati. Qaamni ilma namaa akka meeshaa teknoolojiin hammayyaa oomishuutti fooyyeffamaa hin deemu; ilmi namaa gaafa dura biyyeerraa uumamus ilmuma namaati. Ammas ilmuma namaati. Akka meeshaa teknoolojii S1, S2, 3G, 4G maqaa jedhuun moggaafamaa fooyyeffamaa hin deemu. Gaafuma dura uumamu waan isaaf barbaachisu hunda guuttatee uumame. qaama ilma namaa haala ajaa’ibaatiin uumame kana keessaa, barruu tana keessatti waa’ee sammuu ilma namaa waliin ilaalla. 

Sammuun ilma namaa qaama addaati. Qaamni keenya hedduun isaa Ajaja sammuutti haajama.  Wanti ijji argitu sammuudhaan hiikni itti kennama. Wanti gurri dhagahuufi wanti funyaan fuunfatus sammuudhaan hiika argata. Gurris dambalii seene gara dhaamsa hiika qabutti jijjiiruuf sammutti haajama. Arrabnis waan dhandhame adda baafatuuf gargaarsa sammuu barbaada. Walumaa galatti wanti qaama keenya keessa jiru irra hedduun gargaarsa sammuutti haajama.

Sammuun keenya haga kiloograama 1.5 ulfaata. Ulfaatinni isaa kunis ulfaatina qaama keenyaa keessaa parsantii lama qofa ta’a. Haa ta’u malee anniisaa qaamni keenya fayyadamu keessaa anniisaa parsantii 20 ta’u sammutu fayyadama. Sammuun keenya bakka sadihitti qoodama. Sammuu fuulduraa, Sammuu jidduu fi sammuu duubaati. Sammuun duraa, qaamman Serebreemii, thalamus fi hypothalamus jedhaman of keessaa qaba. Sammuun jidduu ammoo tectum fi tegmentum qaamota jedhaman of keessaa qaba. Sammuun duubaa ammoo, Serebleemii, Poonsii fi Meedullaa of keessaa qaba.

Qaamman sammuu kanniin keessaa kan jiruu ilma namaa keessatti qooda guddaa qaban sadihi. Isaanis; Serebreemii, Serebleemii fi Meedullaa obloongaataa jedhamu.  Serebreemiin qaama guddicha sammuu keessaati. Ulfaatina sammuu keenyaa keessaa, parsantii 85 kan ta’us qaama serebreemii jedhamu kana. Dalagaa heddus isatu toohata. Wantoota qaama miiraa keenyaan gama sammuu ergaman, Serebreemii kanatu hiikkaa itti kenna.

Qaamni lammataa Serebleemiidha. Serebleemiin maqaa little brain ykn ammoo sammuu xiqqoo jedhamuunis ni waamama. Dalagaan isaa sosochii qaama keenyaatii fi madaala qaama keenyaa eeguudha. Dalagaan Meedullaa ammoo sammuu keenya spinal cord ykn  lafee dugdaatiin wal qunnamsiisuudha. Akkasumas wantoota too’annaa keenyaan ala jiran too’achuudha. kunniinis, dhahannaa onnee, sirna soorata daakinsaa fi sirna hargansuu keenya kan toohatu qaama Meedullaa jedhamu kana.

Narviiwwan qaama keenya keessa jiran hedduun isaanii qaama ispaayinaal koordii jedhamuun hidhata qaban. Narviiwwan hafan 12 garuu qajeela sammuu waliin hidhannoo qaban. Dalagaan narvii kanniiniitis, sirna qaamaa kan mormaa olii too’achuudha. Akkasumas dhahannaan onnee keenyaatis narvii sammuu keessa jiruun toohatama.

Sammuun keenya seeliiwwan narvii biiliyoonaan laakkawaman qaba. Seeliiwwan kunniinis, dhaamsa qaama keenya irraa dhufu fuudhuudhaan sammutti dabarsu. Fakkeenyaaf quba miilaa sochoosuu yoo barbaanne, seelii qubaatu dhaamsa gara sammuu dabarsa. Qaama biraa sochoosus yoo barbaanne, akkasumas seelii biraattu dhaamsa dabarsa. Oksijiinii qaamni keenya argatu keessaa, parsantii 25 waan ta’u kan fudhatu sammuu keenya. Oksijiiniin daqiiqaa kudhaniif qofa osoo sammuu irraa dhaabbatee, sammuun keenya guutumaan guututti dalagaa dhaaba.

Ilmi namaa gaafa dhalatu irraa kaasee, seeliiwwan heddu qaba. Haa ta’u malee yeroo daa’imni dhalatu sanitti seeliiwwan hundi sammuu waliin hidhata hin qaban. Adaduma seeliiwwan sunniin sammuun wal tuquu jalqabniin, daa’imni sunis wantoota gargaraa baratuu jalqaba. Fakkeenyaaf daa’imni tokko dhaabbatuudhaaf seeliin miilaa kan sammuu  keessa jiru sammuudhaan wal tuquu qaba. Gaafa seeliin miilaa kan sammuu keessa jiru sammuudhaan wal tuqe daa’imni ka’ee dhaabbachuu danda’a jechuudha.

Qabxiin ijoo kan biraa, buqqeen sammuu haguugee argamu lafee garagaraa 22 irraa ijaarame. Buqqee kanaan gaditti ammoo dhangalaa cerebrospinal jedhamutu jira. Dhangala’aan kunis sammuun keenya cinqaa fi dhiphina takkaan maletti akka sosocho’u isa godha.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button