Valentine’s Day (guyyaa jaalalleewwanii)
Rabbiin waan hundaa olitti Islaamummaa karaa godhee nuuf filate. Islaamummaa tanas karaa Nabi Muhammadiin (SAW) guutuu nuuf godhe. Qur’aannis amantiin kun guutuu akka ta’e dubbata. Ergamaan Rabbiitis (SAW) dhaamsa itti kenname hunda ilma namaa biraan gahuu isaanii guyyaa Hajjii dhaammannaa san dubbatan. Qalbiin teenyas waan kana shakkii takkaan malee amantee fudhatti. Islaamummaa keessaa wanti hanqatee fi hafe takkalleen hin jiru. Akkaataa ibaadaa Rabbii itti goonu irraa kaasee, wantoota xixiqqoo mana keenya keessatti raawwachuu qabnu hunda Nabiin keenya (SAW) nu barsiisanii jiran. Akkaataa mana fincaanii itti seennu, akkaataa itti teenyu, akkaataa itti deemnu, halkan yeroo rafnu meeshaa mana keessaa akkam akka godhuu qabnu, walumaa galatti wanti hanqate tokkolleen hin jiru. Kanaafuu Islaamummaa akkanatti guutuu godhamtee nutti kennamte tana, osoo daangaa isii hin cabsin heeraafi seera jiruu godhannee ittiin jiraachuu qabna.
Ergamaan Rabbii (SAW), boodarra ummanni isaanii karaa warra adawwii Rabbii akka hordofuuf deeman dubbatanii jiran. Hadiisa Abu Sa’iid Al khudrii (RA) gabaase keessatti akkana jedhan.
“”” لَتَتْبَعÙÙ†ÙŽÙ‘ سَنَنَ مَنْ كَانَ قَبْلَكÙمْ Ø´Ùبْرًا Ø´Ùبْرًا ÙˆÙŽØ°Ùرَاعًا بÙØ°ÙرَاعÙØŒ Øَتَّى لَوْ دَخَلÙوا جÙØْرَ ضَبÙÙ‘ تَبÙعْتÙÙ…ÙوهÙمْ “”””.” Ù‚Ùلْنَا يَا رَسÙولَ اللَّه٠الْيَهÙود٠وَالنَّصَارَى قَالَ “ Ùَمَنْ “”””.”
Xurree ummata isiniin dura turee, taakkuu taakkuun, faana faanaan hordofuudhaaf jirtan. Osoo isaan boolla lootuullee seenanii isaanuma hordoftan”jedhan. Nutis, ‘Yaa rasuulallaah Yahuudaa fi nasaaraa jechuu keessanii?’ jenneen. Isaanillee, “Eenyuree kan biraa”jedhanii nuuf deebisan.
Wanti ergamaan Rabbii (SAW) jedhan dhuguma amma mul’achutti jira. Ummanni Muslimaa sahaabota fakkeenya godhatuu dhiisee warra lixaa jala cehutti jira. Inumaa ammaan tana babal’achuu miidiyaalee garagaraa hordofee aadaawwaan warra lixaa hedduu dhaaluu jalqabnee jirra. Ayyaanni keenya, deemsi keenya, uffanaan keenyaa fi akkaataan itti soorannu hundi isaaniin wal fakkaataa jira.
Dhiheenya kana dardarran muslimaa keessa wanti hamaan tokko gad fageenyaan seenuti jira. dhiiraafi dhalaan muslimaa bultii jaaruun duratti walitti laaqamuun haraama tahuun beekamaadha. wanti dhiheenya kana mul’ataa jiru ammoo daran karaa irraa maqutti jira. Dardarran heddu wantoota Fiilmii fi Miidiyaa irratti arganiin sobamaa xurree hin taane keessa bu’anii jiran. karaa haqaa fi halaalaatiin wal jaalachuun hammeenya qabaachuus baatu, karaa warra nasaaraa hordofuun keenya garuu badii guddaa keessa nu naqutti jira. Dhimma jaalalaatiin wal qabatee wantoota dargaggoota muslimaa faalaa jiru keessa inni tokko isa guyyaa jaalalleewwanii ykn ammoo Valentine day jedhamuudha.
Jalqaba irratti ayyaanni kun ayyaana warra wal jaalateeti jechuu qalbii fayyaaleettiidhaan yaaduun dura, guyyaan kun akkamitti jalqabe kan jedhu beekuun barbaachisaadha. Seenaa guyyaa Valentine kana yoo qorannu wantoota garagaraa heddu argachuu dandeenya. Hedduun isaanii oduu durii fakkaatu. Haa ta’u malee wanti hunda isaanii wal fakkeessu garuu waan tokko. Innis islaamumaan faallaa ta’uu isaaniiti. Akkasumas ayyaana amantii islaamummaatiin ala jiru akka tahe hubachuu dandeenya. Akka fakkeenyaatti seenaa guyyaa Kanaatiin wal qabatee oduulee himan lama haa laallu.
Ummaani Roomaa durii, Kiristaanummaan dhufuu isiitiin dura awaamummaafi aadaa adda addaa hordofaa turan. Akka dur duriin isaanii jettutti, namichi Roomaa hundeesse Roomuulas jedhama. Namichi kun mucha yeeyyii eega hodheen booda jabinaa fi hayyummaa guddaa argate. Kanaaf namicha kanaaf jaalala qaban irraa kan ka’e Gurraandhala 14 isaaf jecha ayyaana qopheessan. Guyyaa kanas spiritual Love jedhanii moggaasan. Guyyaa kanatti wantoota godhaman keessaa, saree tokkoo fi re’ee takka qaluudha. Kana booda dargaggoota jajjaboo magaalatti lama fiduun dhiiga saree fi Re’ee kana akka ofitti diban godhan. Itti aansuun ammoo dhiiga san aananiin ofirraa dhiqan. Dargaggoonni kunniin lamaan dura bu’anii, ummanni Roomaa ammoo isaan duuba deemuun magaalattii naanna’u. Dargaggoonni kunniin namoota fuuldura isaanii qaxxaamuran hunda alangeedhaan dhahu. Shamarran Roomaa ammoo namoota kana dura qaxxaamuruudhaan alangee dargaggoota sanniiniitiin akka dhahaman of godhu. Kunis shamarran kunniin if dura akka ilmaan horan isaan taasisa kan jedhu amantii qaban. Walumaa galatti Warri Roomaa guyyaa gurraandhala 14 kana kiristaanummaa dura akka ayyaana guddaatti ayyaaneeffataa turan. Ayyaana kana jaalala Roomuulasiif qaban ibsatuuf itti fayyadaman. Itti aansee ammoo kriistaanummatu dhufe.
Valentine jechuun maqaa namaati. Akka Bataskaanni Roomaa jettutti namni kun nama jaalalaaf jedhee wareegame. Seenaan isaa akkana. Bara duriitti ummanni Roomaa amantii jaahilaa hordofaa turan dhiisanii amantii Kiristaanummaa fudhatuu jalqaban. Yeroo kanatti mootii Roomaa kan ture Kilaawdiyoos 2ffaan, loltoonni isaa gaa’ela akka hin raawwanne dhoorke. Loltoonni gaa’ela yoo raawwatan humna ittiin diinaan lolan dhabuu waan malaniif dhoorke. Haa ta’u malee namichi kiristaanaa “Valentine”jedhamu dhoksaan loltoota kanniinitti dubra fuudhaa ture. Namichi kun jaalalaaf bakka guddaa kenna jedhama. Mootiin Roomaa ammoo oduu tana dhagahe. Kanaafis namicha kana qabee mana hidhaatti galche. Yeroo kanatti Mootiin Roomaa kiristaana hin turre. Mootiin Roomaa kun gara Valentine dhaquudhan ‘Kiristaanummaa kana dhiiftee amantii Roomaa duriitti yoo ka deebituu dhiifama siif godha’ jedheen. Valentine garuu waan kana fudhachuu didee Kiristaanummaa irratti du’uu murteesse. Haala kanaan gaafa gurraandhala 14 ajjeeffame. achi booda yeroo Roomaan guutumaan guututti Kiristaanummaa fudhattu bara 350tti, bakka Valentine itti ajjeefame kanatti Batskaanni yaadannoo isaatiif ijaarame. Maqaa guyyaan kun duraan ittiin beekkamu, ‘Spritual love”dhiisanii ‘Martyrs love’ akkasumas ‘feast of lovers’ jedhaa ayyaneeffatamuu itti fufan. Valentine illeen mallattoo jaalalaa jedhamee ibsamuu jalqabe. Maqaa Valentine jedhu irrattis, saint ykn qulqulluu kan jedhu dabalaniif. guyyaan Valentines jedhamee namticha kanaaf kabajamu kun halluu diimaan beekama. halluun diimaan ammoo wareegama inni jaalalaaf kafale mul’isa jedhan.
Walumaa galatti seenaalee kanniin lamaan irraa ayyaanni kun ayyaana warra awaamaa fi nasaaraa akka ta’e hubatuu ni dandeenya. Kanaafuu nuti guyyaa kana akkuma warraa san dhiiga uffannee ayyaana kana ayyaaneeffatuudhaaf lafa dhiituu hin qabnu. jaarsaafi jaartiin wal jaalatan, Jaalala isaanii kana ibsatuudhaaf guyyaa warra Awaamaa fi Nasaaraa kanatti fayyadamuu hin qaban. Akka warra dhiiga saree fi Re’ee dibatee san, uffata diimaa uffatanii karaa irra deemuun eenyuun akka wal nu fakkeessaa jiru hubatuu qabna.
Namni guyyaa kana ayyaaneeffatu, ayyaana Awaamman Roomaa akkasumas kiristaana Roomaa ayyaaneeffataa akka jiru hubatuu qaba. Gama biraatiin guyyaa kana dhalaa fi dhiirri walitti makamuudhaan haraama garagaraatiif saaxilamuu danda’u. kanaafuu ayyaana kanarraa fagaatuun rakkoo jalaa of hanbisuun barbaachisaadha.
Namni gariin guyyaa jaalalaa ayyaaneeffatuun rakkoo maal qaba jedhee gaafatuu danda’a. shirkiinis haaluma Kanaan akka jalqabdu beekuu qabna, wantoota rakkoo maalii qaba jennee jalqabnutu bor guddatee rakkoo hamaa keessa nu seensisuu mala. Guyyaa kana ayyaaneeffachuu keetiif bu’aan ati buufattu wanti tokko hin jiru. Yoo nasaaraa fi Awaamaan wal fakkaatuu taate malee. Jaartii tee akkasumas jaarsa kee umrii kee guutuu jaaladhu. Kanaan ala garuu walitti dhufeenya dhoorkamaa keessaa jiraataa, ayyaana maddi isaa hin beekamne ayyaaneeffataa dabarsuun, badii meeqa keessa akka nu seensisuu danda’u beekuun barbaachisaadha.
Qophii Abu Ibtisam