header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Dhiifamni nagayaa fi tasgabbii nama gonfachiisa


Nama walitti mufatan, takkaa isaaf irra darbuun takkaa immoo haqa ofii irraa fudhachuun rakkoo uumame furuun ni danda’ama. Walitti dhufanii rakkoo furuuf tattafaachu dhiisanii keessatti gungumuu fi gadoo kuufachun ammoo nama miidha. Kanaafu, mariidhaan rakkoo uumame furuun karaa gadoo fi yaada badaa ittiin ofirraa oofaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
(فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَصۡلِحُوا۟ ذَاتَ بَیۡنِكُمۡۖ وَأَطِیعُوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥۤ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِینَ)

Rabbiin sodaadhaa, wanta jidduu keessan jiru tolchaa (fooyyessaa). Mu’mintoota yoo taatan, Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamaa.” Suuratu Al-Anfaal 8:1

Dabalataanis Wanta badduu wanta gaariin deebisuun jaalala akka uumu fi gadoo akka balleessu Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

وَلَا تَسْتَوِي الْحَسَنَةُ وَلَا السَّيِّئَةُ ۚ ادْفَعْ بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ فَإِذَا الَّذِي بَيْنَكَ وَبَيْنَهُ عَدَاوَةٌ كَأَنَّهُ وَلِيٌّ حَمِيمٌ


“Hojiin gaarii fi hamtuun wal hin qixxaa’an. [Wanta baddu] toltuu tan taateen deebisi. Yeroo san nama jidduu keeti fi isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu [argita].”(Suuratu Fussilat 41:34)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button