header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Da’awaa guddaan magaalaa Arsii Nageelleetti geggeeffame.

Sagantaan moonaa masjiida  Nuuriitti  geggeeffama jiru kun kaaayyoon isaa, Ulamaa’oota biyya biyya jiran waliitti fiduun wal barsiisuu, iddoowwan hanqinni barnoota diinii jirutti barnoota diinii babaldhisuu fi barattoonni muslimaa barnoota diinii fi duuniyaatiinis akka ciman kakaasuuf akka ta’e maddeen gabaasaniiru.

www.zoomproperty.com

Sagantaa kana irratti ulama’oonni fi Ustaazonni iddoo adda addaa irraa dhufuudhaan kan qooda irraa fudhatan yoo tahu ; Ulama’oota sagantaa kana irratti argaman jidduu;  Sheekh Saafii Siraaj magaalaa Qalloo irraa,Sheekh Muhammad Amiin magaalaa Bulbulaa irraa, Sheekh Muhammad Raabii Hassan Qarsaa Muneessaa irraa, Sheekh AbdulGaffaar Shashamannee irraa akkasumas Sheekkoonni birootis argamuun; mataduree adda addaa irratti kan da’awaa godhan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button