Yeroo 5 Aangoo Qabatee, Yeroo 4 Aangoorraa Fonqolchame
Aangoon waan ilmi namaa akkaan bololuuf keeysaa takka. Nama heddutu hogganaa biyyaa tahuuf hawwa. Warra hawwu keessaa gariin karaa haqaatiin qabsaawee aangoo barbaadu argata. Gariin shiraan aangootti baha. Gaafa yeroon aangoo dhumtes, warri haqaan aangoo qabate aangoo hawaasatti deebisee aangoorraa bu’a. Warri shiraan mootome ammoo irratti cichee humnaan aangoo dheereffata. Gaafa abbaan irrummaa dhufte ammoo fincila ummataattu itti aana. Kana booda fonqolchi mootummaa godhamuu dandaya. Hogganaan biyyaa kan biyya bulchuudhaaf yeroo 5 filamee, yeroo 4 aangoorraa fonqolchame jiraachuu quba qabduu?. Barruu tana keessatti nama ajaa’ibaa kan umrii isaa guutuu osoo aangoof bololu du’aan addunyaa irraa gale tokko isinii dhiheeysina.
Namni kun Hoozee Maariyaa Velaaskoo ja’ama. Bara 1893 dhalate. Hoozeen Seenaa addunyaa tanaa keessatti yeroo heddu aangoorraa fonqolchamuudhaan beekkama. Kan ajaa’iba tahe ammoo yeroo shanan aangoo qabate hunda humnaan osoo hin taane ummataan filamee aangotti bahe. Namni kun maatii dureessaa keessatti dhalatee baruumsa akkaa gaariitti barateera. Preezidaantii Ikuwaadoor tahee filamuudhaan durattis sadarkaa garagaraa irratti hoogganaa tahee tajaajileera.
Paartiin isaa bara 1933tti isa kaadhimee filannoo Ikuwaadoor keessatti taasifame injifatee Prezidaantii tahe. Dalagaa isaatis bara 1934 jalqabe. Imaammata inni hordofu keessaa tokko lafa qonnaa mootummaa harka jiru hunda ummata biyyattiitiif qooduu kan ja’u ture. Kun garuu miseensota paarlaamaarraa fudhatama hin arganne. Innis waan kanatti dallanee hoggasuma gara mootummaa abbaa irree jijjiirame. Warra isa morme hunda hidhatti guuruudhaan biyyattii ukkaamsuu jalqabe. Haa tahu malee bara 1935tti waraanni biyyattii aangoorraa fonqolche. Yeroo kanatti Hoozee Maariyaan biyyattii ji’a 11 qofaaf bulche. Aangoorraa fonqolchamnaan dheessee gara Koolombiyaa baqate.
Eega inni aangoorraa fonqolchamee biyyaa ari’amee booda diinagdeen biyyattii kufuu eegale. Jireenyi qaalawee jiruun hawaasatti ulfaannaan; hawaasni biyyattii fincila eegale. Fincilli ummataa hammaannaan prezdantiin biyya bulchaa jiru ammas aangoorraa fonqolchame. Hoggantoonni siyaasaa biyyattii hogganaan wajji marihatanii Hoozee Maariyaa gara biyyaa deebisuu qabna ja’anii waliif galan. Haala kanaan Hoozee Maariyaa Bara 1944tti waamichi godhameefii gara biyyaa deebi’e. Yeroo kanatti paartiilee hedduu waliin tahuun mootummaa waloo ijaaranii innis Prezdaantii godhamee filame. Hoozee Maariyaa ummataan filamee aangoo qabatus, innis diinagdee biyyattii fooyyessuu dadhabe. Kanaafuu ummanni akkuma barate ammas ka’ee fincila finiinse. Innis akkuma tana dura aadeffate bara 1947tti aangoo gad dhiisee biyyaarraa dheessee Arjantiinaa seene.
Ammas Waggaa 5 booda gara biyyaa deebi’ee filannoo bara 1952 godhamerratti hirmaate. Yeroo kanatti garuu milkii guddaa goonfate. Diinagdee biyyattii fooyyessee, mirga namummaatis eeguu dandaye. walitti dhufeenyi biyyi isaa biyyoota biroo waliin qabdu bara isaa kana tole. Hawaasni biyyattiitis bulchiinsa isaarraa gammadee isa faarsutti seene. Yeroo kanatti osoo aangoorraa hin fonqolchamin waggaa 4 bulchee aangoo nama itti aanutti dabarse.
Bara 1960tti yeroo afraffaadhaaf prezdaantii biyyattii tahee tajaajiluudhaaf dorgome. Yeroo kanatti ummataa mindaa guddaa dabaluudhaaf waadaa galee ture. Ummannis mindaaf jecha nama kana irra deebi’ee filate. Haa tahu malee mallaqa gahaa argatee ummata biyyattiitiif mindaa dabaluu dadhabe. Waggaa tokko booda bara 1961tti aangoorraa fonqolchame. Namichi abdii hin muranne kun bara 1968tittis irra deebi’ee Prezdaantii biyyattii tahuuf dorgomee injifate. Yeroo kanatti garuu zalaalam aangoorra turuuf yaadee mootummaa abbaa irree qawween bulchu tahuuf dalagaa jalqabe. garuutuu humni waraana biyyattii itti beekee bara 1972tti aangoorraa fonqolchee biyyaa ari’e. Innis gara Arjantiinaa baqate. Jiruu baqaa irraayis bara 1979 deebi’ee biyyumatti du’e. Haala kanaan Hoozee Maariyaa Velaaskoo nama yeroo 5 prezdaantii biyyaa tahee, san keessaa yeroo 4 aangoorraa fonqolchame tahuun beekame.
Qophii: Abuu Ibtisaam
jazakumllaah
Bayyee galtomaa wontaa garii irraa waan gari garatuu.
#angoo jalachuun homa rakkoo hin qabuu.garuu maaf hangoo jaladhaa maltu naraa egamaa maltuu naa barbachisaa jechutuu irraa egamaa!!!!
$akkumaa fakkeenyaa kan itophiyaati koloneelee abiyii hangoo hin jalata garuu akkanati biyyaa ittii bulchan hin bekkuu.
$wonti abiyi hangaa hardhaati hangoo irra tursisee.ummaani biyyaati.0%1 waan nyaatee bulu hin qabuu.ummaani jirachuu dadhabee akkasumaa ummani biyyaa sani mirgaa fi dirqamaa addaan basee hin baree.abiyis dandeeti waa hoganuu hin qabu. Hubaannoo isaa bayyee xiqaadhaa nama biyyaa bulchan ta sani waa ee amanataa hojjii godhatni ittii jiratani hundafuu akkumaa biyyootaa biroo ummani dammaqee ufiraa akkaa kasuu asumni dhamasaa koo dabarfadhaa.