header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Onnee carraa jireenyaa yeroo lammataa argattee fi Bineensa dachii tanarratti Umriin isaa 190 guute

Intalti duutee qabrii jirti. Onneen isii ammo ammas ni dhahatti, ammas tajaajila dhiiga raabsuudhaa itti fuftee jirti. Duuba eega intalti duutee awwaalamtee booda onneen akkamitti dhahatti, akkamitti dhiiga raabsiti hin jettanii ree!? Dhimma kanaafi waa’ee bineensa yeroo amma dachii kana irratti umrii dheeraa jiraatuun galmaaheetis barruu kana keessatti argattu.Bill Conner jedhama. Lammii Ameerikaati. Magaalaa Madison keessa jiraata. Namni kun intala akkaan jaalatu qaba. intalti isaa tan Abigail Mae Connor  jedhamtu tun, Bara 2017 ji’a Amajjii keessa bashannanaaf gara biyya Meeksikoo deemtee, achitti bishaaniin liqimfamtee duute. Achi booda janaazaa isii bishaan keessaa baasanii gara biyya isii deebisan. Abigail yeroo lubbuun jirtu, gaafa duute onneen isii nama rakkoo onnee qabuuf akka kennamu waadaa seentee jirti. Doktoroonnis waadaa isii kana guutuuf onnee keessaa baasanii reefka isii awwaalan.Loumonth Jack jedhama. Floridaa magaalaa Fort Lauderdale keessa jiraata. Rakkina onneetiin miidhamee du’aa fi jiruu jidduu osoo jiru, onneen Abigail isa dhaqqabe. Akka doktoroonni dubbatanitti, Jack onnee haarawa intala duuterraa argamte tana osoo argachuu baatee, guyyoota muraasa keessatti du’a jedhan. Haala san keessatti Onnee Abigail argatee yeroodhaaf du’arraa baraarame.
Abbaan Abigail, Bill Connoris intala isaa tan akkaan jaalatu dhabee gadda guddaa keessa jiraatus, qaamni intala isaa kan hin awwaalamin dachii tanarratti hafee jira. Onneen intala isaa dalagaa isii itti fuftee jirti. Eega qaamni Abigaal Awwaalamee boodas, onneen isii nama birootiif tajaajila kennutti jirti. Abbaan Abigal dhahannaa onnee intala isaa qaama Jack keessaa dhageeffachuuf jecha, magaalaa Madison irraa ka’ee hanga Fort Lauderdale Kilomeetira 2200 saaykiliin imale.

Karaan kun haalaan fagoodha. Xayyaaraan saa’aa 4 fi daqiiqaa 50 fudhata. Makiinaan ammoo halkan tokkoofi guyyaa tokko namarraa fixa. Bill Connor deemsa kana dalagaa intala isaa dinqisiifachuu fi namoonni qaama isaanii akka arjooman barsiisuu kaayyeeffatee jalqabe. Haaluma kanaan magaalota keessa bahu hunda keessatti dhaabbatee ummata barsiisaa imala isaa itti fufe. Imala dheeraa booda Jaakiin bira gahee itti maramee hammatee booyuu eegale. Dhahannaa onnee intala isaatis, Steteskooppii doktoroonni dhahannaa onnee ittiin dhageeffatan  fayyadamuun dhaggeeyfate.  Namni isa dura dhaabbatu nama birooti. Onneen isa keessaa dhahattu tan intala isaati.Jonathan The tortoise jedhama. Bara 1832 dhalate. Bara kana bara 2022 umriin isaa waggaa 190 guute. Qocaan kun yeroo ammaa kanatti bineensa umrii dheeraa kan ilma namaa biratti beekamtii argate ta’ee galmaayeera. Isa dura qocaan biroo tan Tuyii Maalilaa jedhamtu waggaa 188 jiraattee jirti. Jonathan  barana bineensa umrii dheeraa dachii tanaa keessaa hangafa tahee galmaaye. Gaafa Jonathan dhalaterraa kaasee Addunyaan waraana addunyaa lama gurguddaa keessa dabartee jirti. Akkasuma Mootoleen Briiteen torba aangoo qabatanii du’aniiru. Ameerikaanis Preezidaantii 40 filattee jirti.

Kanniisni ilbiisa xiqqaadha. Kanniisni quba namaatiin qixa guddattu jiraachuuu quba qabduu? Sanyiilee Kanniisaa keessaa inni guddicha jedhamuun beekkamu eerga dachii tanarraa badee waggaa 30 darbeera. Akka qorattoonni jedhanitti yeroo xumuraatiif sanyiin kanniisaa guddicha jedhamuun bekkamu bara 1981 dachii irra jiraatee du’e. Sana booda sanyiin kanniisa gurguddaa kan isa fakkaatu dachiirratti mul’atee hin beeku. Amma garuu qorannoo godhameen akka mirkanaayetti, sanyiin kanniisaa guddichi Bosona Indooneeshiyaa keessatti argameera. Guddinaan dhaltuutu kormaa caala. Dhaltuun haga seentimeetira 4.5 dheeratti. Kunis haga qubni guddaan keenya dheeratu dheeratti jechuudha. Dagalettis koolli isii seentimeetira 6 ta’a. Kormaan garuu dhaltuu walakkaan hanqata. Walumaa galatti sanyiin kanniisaa kun kanniisa nuti naannoo keenyatti beeynu dachaa afuriin caala jechuudha.
Back to top button