Gadamsa

Barruu tana keessatti gara biyya keenyaa deebinee uumama biyyi teenya ittiin beekamtu tokko ilaalla. Imalli keenyas Bosona Baalee keessa ta’a. Bosonni Baalee kun bineensota heddu of keessatti qabatee akka jiru namuu ni beeka. Namni karaa san irra Imale ammoo uumama kanniin arguun isaa hin oolamu. Har’aaf bineensota dachiin badhaatuun tun ittiin beekamtu keessaa tokko Gadamsa.

Sanyiin uumama kanaa tokko qofatu jira. Dhiirri Guddina qaamaatiinis ta’e dheerinnaan dhaltuu ni caala. Dheerinni gadamsa kormaa kan  lafaa hanga ceekuu jiru hanga Meetira 1fi seentii meetira 35 yoo ta’u, kan dhaltuu ammoo haga meetira 1 ta’a.  Dheerinni mataa hanga eegee jiru ammoo kan kormaa hanga meetira 2 fii seentii meetira 60 yoo ta’u, kan dhaltuu ammoo hanga meetira 2 ta’a. Ulfaatinni dhiiraa haga kiloograama 300ti. Kan dhaltuu ammoo 200kg hin caalu.  Gogaan isaa rifeensa Haphii bifa magaalaatiin kan haguugame yoo ta’u, halluu adii duyda irraa qaba. Akkasumas bifa adii barruu, fuula, morma jalaa fi luka irraa qaba. Gaafa ammoo gadamsa kormaa qofatu qaba.

Gadamsi hedduminaan lafa tabbaa ykn gaaraa filata. Kanaaf baay’inaan Gaarreen bosona Baalee keessatti argamuu danda’e. Har’aan tana garuu sababa manca’iinsa bosonaa fi bineensonni biroo naannoo jireenya isaa weeraraa jiranif, Gadamsi gara lafa ol ka’aa namni bahuu hin dandeenyetti dheessutti jira. Amma dura Uumamni kun Gaara Mul’ataa irraa kaasee hanga Shaashamanneti jiraataa ture. Akkasumas Gaarreen Bosona Baalee fi Arsii keessattis bal’inaan kan argaman yoo ta’u, Naannoo Kanniinitti Gaarren argaman irraa bosonni waan manca’eef, amma Jirenya isaa Gaarreen Bosona Baalee qofa ta’ee jira.

Gadamsi ilma namaa ni sodaata. Kanaaf yeroo heddu dhokatee jiraata. Hedduminaanis halkan halkan marga dheeda. Bakka tokko irraa gara biraa godaanus yoo barbaade halkan filata. Kan barii ganama akkasumas galgala yeroo lafti dimimmistu marga barbaacha sosocho’us ni jira. Kan guyya guyyaa dheedu jiraatus, hedduminaan garuu yeroo kana ni boqata. Bakka wanti isa jeequ hin jirretti, guyyaa guutuu akka fedhetti olii gad socho’aa dheedaa oola. Naannoo namni yookaan ammoo wanti isa jeequ jiru qofatti yeroo filata. Gadamsi garee uumee jiraata. Yeroo heddu miseensonni haga shanii ta’an waliin kan jiraatan  yoo ta’u, bakka garitti miseensonni haga 100 ta’anis gamtaan ni jiraatu. Sooratni uumama kanaa walumaa galatti margaa fi baala. Yeroo garii baala mukarraa harca’e ni soorata. Warri dhiiraa ammoo gaafa isaaniitiin muka cabsataa baala isaa irraa sooratu.

Dhaltuun gadamsaa gaafa waggaa lama guuttu ilmoo dhaluudhaaf qophii taati. Warri dhiiraatis yeroo kanatti qophii ta’u. Haa ta’u malee sababa wal morkiitiif jecha, haga guddatanii waggaa shan guutanitti eeguun dirqama itti ta’a. Yeroo garii  dhaltuu irratti walitti bu’iinsi ni uumama. Yeroo kanatti warri dhiiraa dhaltuu hawachuudhaaf sosochii garagaraa godhu. Yeroo garii wal loluus danda’u. Garuu lolli kun sa’aa dheeraa hin turu. Inni moohate dhaltuu fudhatee kuta.

Rimayni dhaltuudhaa ji’a 8 haga 9 tura. Haadhoon takka  yeroo takkaan ilmoo takka qofa dhalti. Ilmooleen dhalatan yeroo muraasaaf marga keessatti dhokfamu. Achi booda haga gaafa Waggaa lama guutanii, wal hormaataaf gahanitti haadhuma waliin turu. Fedhii Rabbiitiin avreejiidhaan Gadamsi tokko waggaa 15-20 jiraata.

Gadamsi haala yaaddessaa irra jira. Dhaabbanni International Union for Conservation of Nature and Natural Resources jedhamu uumama kana garee bineensota rakkoo hamaa keessa jiranii keessatti galmeesse. Sababa waraanaa fi manca’iinsa bosonaatiin Lakkoofsi uumama kanaan akkaan xiqqaataa jira. Ilmi namaatis gaafaa isaatiif jecha adamsa. Sareen bosonaa fi bineensonni birootis gadamsa adamsanii sooratu. Bara 1960 keessaa lakkoofsi gadamsaa haga 8000 akka gahu galmeen tokko tokko ni mul’isa. Lakkoofsi kun Bara 1980’oota keessa baay’ee gad bu’ee ture. Amma ammoo kunuunsa gargaraa godhamaafii jiruun miidhaan irra gahu hir’ataa kan jiru fakkaatus, rakkoo irra jiraachuu isaa dhabbatni kun ibsee jira.

Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...