header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezidantiin Burundii Piyerre Nikuruziizaa Du’e

Waggoota kudhanii shaniif Burundii kan bulche, Piyerree Nikurunziizaa dhukkuba onneen du’u mootummaan biyyattii beeksise.

Ibsi mootummaa biyyattii irraa bahe, Prezidantiichi Sabtii dabre dhukkubsatee hospitaala seenee kan wayyaa’ee ture fi guyyaa Wiixataa garuu dhukkubii onnee tasa muudate hordofuun kan du’e tahuu mul’isa.

Nikurunziizaan nama umrii 55 yoo tahu, bara 2005 aangoo qabate, marsaa lama eega bulchee booda, ammas bara 2015 heera biyyattii jijjiruun yeroo 3ffaaf deebi’e aangoo qabatee waggoota 15’f biyyattii bulche.

Hagayya dhufu aangoo ni lakkisa jedhamee eegamu ture, hata’uu malee osoo hin fixatiin jiddutti addunyaa irraa godaane.

Du’a prezidantichaa hordofuun mootummaan biyyatti guyyoota gaddaa 15 labse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button