header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa fi Keeniyaan yakkoota daangaa qaxxaamuran waliin ittisuuf walii galtee mallatteessan

Jilli mootummaa Keeniyaa Abbaa Alangaa biyyattii Nuuraddiin Muhammad Hajjiitiin durfamu har’a Finfinnee keessatti qondaaltota Abbaa Alangaa Ityoophiyaa waliin kan mari’ate yoo tahu, marii isaanii booda yakkoota daangaa qaxxaamuranii fi  yakka nama seeran ala daddabarsuu ittisuu irratti waliin hojjachuuf walii galtee kan mallatteessan tahuu beekamee jira.

 

Dallaaltonni karaa seeran alaatiin namoota daangaa Keeniyaa fi Ityoophiyaa ceesisuun gara  Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa fi biyyoota birootti kan ergan yoo tahu, addemsa kana keessa lammiileen Ityoophiyaa heddu midhaa hamaaf kan saaxilamaa turan tahuu ibsame.

 

Dabalataanis walii galteen har’a mallattaahe shororkeessummaa fi malaammaltummaa ittisuu irrattis qindoominaan waliin hojjachuu kan dandeessisu tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button