header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Adabbii Du’aa fi Ameerikaa

Addunyaan seera nam tolchee hedduun bulti. Seerota kanniin keessa tokko yakka hojjatamuuf adabbii garagaraa kennuudha. Adabbii kana keessaa inni tokko Adabbii du’aati. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Adabbii du’aa hambisuuf tattaaffatee hojjataa jira. Biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa Adabbii du’aa hin qaban. Warri Ardii Awrooppaa keessa jiraatus miseensa gamtichaa ta’uudhaaf adabbii du’aa seera isaanii keessaa haquu qabu. Akka gabaasa Amnesty international kan bara 2020 tti walumaa galatti biyyoonni 144  Adabbii du’aa hambisanii jiru. Biyyoota kanneen jidduu 108 guutumaan guututti kan haqan yoo tahan, biyyoonni 8 yakkoota gurguddaa malee yakka salphaa taheef adabbiin du’aa akka hin raawwatamne seera tumatan. Biyyoonni 18 ammoo murtiin adabbii du’aa seera irra jiraatus hojii irra akka hin oolle ugguran.  Gama biraatiin hanga bara 2020tti biyyoonni 55 adabbii kana hojii irra oolchaa jiru. Biyyoota kanneen keessaa waa’ee Ameerikaa qabxiiwwan muraasa haa ilaalluu.

  • Kutaawwan Ameerikaan qabdu 50 ol keessaa haga ammaatti kutaaleen 27 adabbii du’aa hojii irra oolchaa jiran. Bara 2018 keessa murtiin adabbii du’aa 42 raawwatamuuf karoorfamee san keessaa namoonni 25 du’aan adabamaniiru. Baruma 2018 achuma ardii ameerikaa keessatti Namoonni 2,738 ta’an yakka gurguddaa raawwatanii adabbiin du’aa itti muramee guyyaa isaanii eeggataa jiru.
  • Bara 1976 eega Manni Murtii ol aanaa Adabbii du’aa raggaasisee as hanga bara 2018 namoonni 1,493 ol yakka hojjatanii ajjeefamaniiru. Namoonni 164 ammoo eega murtiin du’aa irratti murameen booda qulqulluu ta’anii waan argamaniif irraa haqameera. Hanga bara 2018tti namoota Adabbiin du’aa itti muramee guyyaa ajjeefaman eegaa jiran keessaa 55 kan ta’an dubartoota. Eega Seerri Adabbii du’aa raggaasifamee as dubartoota 16tu ajjeefame.
  • Ijoollee osoo umriin isaanii 18 hin guutin yakka raawwatan keessaa haga bara 2005tti dargaggoonni 22 du’aan adabamaniiru. 2005niin booda garuu warra umrii ijoollummaan yakka raawwatan irratti adabbii du’aa muruun hafee jira. Eega bara 1976tii as namoota adabbiin du’aa irratti murame keessaa 288 kan ta’aniif dhiifamni godhameera.

DHUGAA AJAA’IBSIISAA

  • Bara 2006tti dubartiin takka xayyaaraan osoo deemtu, hafuura baafatte (dhuufte). Hoggasuma Foolii hafuura isii kana dhoysuuf jecha Kibriita qabsiiste. Hojjattoonni xayyaarichaa ammo foolii kibriitaa arginaan, bakka nuti hin arginii ibiddi ka’ee jira jechuun rifatanii xayyaarichi akka gama lafaa bu’ee qubatu godhan. Haala kanaan hafuurri intala takkaa xayyaara samii gubbaa buuse. 
  • Bara 2013, xayyaarrri tokko namoota heddu fe’ee osoo deemu kufee caccabe. Xayyaaricha San keessa intalti waggaa 16 tan yen menguyan jedhamtu wayta xayyaarri kufu  humaa hin taane. Xayyaara keessaa baatee lafarra ciistee turte. Haa ta’u malee daaraan xayyaaraa kan gubate qaama isii haguugee ture. Dhukkee xayyaaraatiin haguugamtee lafaa ka’uu dadhabdee osoo ciistu, hojjattoonni balaa ittisa ibiddaa makiinaa isaanii ari’aa dhufan. Haala kanaan hojjattoonni ittisa balaa intala balaa irraa hafte makiinaa irra oofanii ajjeesan. Qaamni isii guutuun waan dhukkee ibiddaatiin haguugameef hin mul’attu turte. Eega makiinaan irra deemee booda dhiiga isii argan. 
  • Ameerikaa Kutaa Oreegoon keessatti namichi tokko taankara bishaanii gurguddaa bitee bishaan roobaa keessatti kuusuu isaatiin hidhaa guyyaa 30 fi doolaara Ameerikaa 1,500 adabameera. Akka Seera kutaa Oreegoonitti bishaan roobaa qabeenya mootummaati. Kanaafuu qabeenya mootummaa hayyamaan ala kuusanii itti fayyadamuun dhoorkaadha.
  • Hagayya 21 bara 1986, Biyya Kaameruun haroo Niyoos keessatti dhoohinsi Volkaanoo mudatee ture. Sakandii 20 hin caalle keessattis kaarboon daayoksaayidii Kubik Kilomeetira 1.2 ta’utu boolla keessaa ol dhoohe. Gaasiin kunis gara naannawa baadiyyaa haroo sanii bittannaaye. namoota cinaa haroo sanii jiraataa turan kanneen 800 ta’an keessaa nama 6 qofatu lubbuun hafe. Jiraattonni naannichaa hundi sababaa gaasii saniitiin ukkaamamanii du’an. Walumaa galatti gaasiin sun kilomeetira 25 caala imalee lubbuu namoota 1,746 galaafate. beeyladoonni 3,500 ta’anis daqiiqaa tokko keessatti dhuman. Haroon sunis yeroo saniif guutumaan guututti gara halluu diimaatti jijjiiramee ture. 

 Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button