header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa fi Baankiin Hijraa walii galtee mallatteessan

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa guutuu Oromiyaa keessatti dubartoota irratti xiyyeeffatuun, leenjii ogummaa fi tajaajila gorsaa dabalatee dhimmoota heddu irratti ciminaan hojjachaa kan jiru yoo tahu, Baanki Hijraa waliin hojjachuuf walii galan.

Haaluma kanaan dhimmoota barnootaa, fayyaa, leenjiiwwan garagaraa fi diinagdee ilaallatan irratti waliin hojjachuuf walii galtee mallatteessan.

Faawundeeshinii Dubartoota Rufeeydaa bakka bu’uun Sirna kana irratti namoonni argaman

  1. Abdisa Muhammad hundeessaa Faawundeeshinii Dubartoota Rufeeydaa
  2. Ustaaz Hangaatu Abdulwahaab Prezdaantii Faawundeeshinichaa
  3. Ustaaz Abdurrahmaan Huseen (xaalibuu ridallaah) walitti qabaa boordii Faawundeeshinichaa
  4. Kaadhimama doktora Ustaaz Nuuruu Muhammad Miseensa boordii Faawundeeshinichaa
  5. Garagara prof. Dr. Dureettii Qaasim Miseensa boordii Faawundeeshinichaa
  6. Dr. Ruqiyyaa Aliyyi Miseensa Paarlamaa fi Miseensa boordii Faawundeeshinichaa.

Baankii Hijraa irraa immoo

  1. Obbo Dawit Qannoo Abbaagaroo ““ Prezdaantii Baankii Hijraa
    2.Obbo Mubaarak Shemollo- itti aanaa prezdantii fi hogganaa tajaajila maamiltootaa
  2. Obbo Geletaa Baqqalaa fi
  3. Obbo Huseen Amaan keessatti argamu.
Back to top button