header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Balaawwan xayyaaraa kan guutuu addunyaa rifachiisanirraa muraasa 

Waggaa sadi dura 10 March 2019  xayyaarri itiyoophiyaa Being 737 Max 8 jedhamu lafaa ka’ee daqiiqaa 6 keessatti raadaara keessaa bahee, kufee caccabuun lubbuu namoota 157 galaafatuun isaa ni yaadatama. Dhimma kanarraa namuu rifatee gaddee ture. Biyyoonni hedduunis xayyaara modeela kanaa dalagaarraa ugguraanii turan. Keessumattuu biyya keenyaaf balaan akkanaa baramaa waan hin tahiniif, hawaasa biyya keenyaatiif mudannoo addaati. Garuu balaan akkanaa amma duras yeroo heddu irra deddeebiin mudatee jira. Balaan xayyaaraa akka balaa makiinaatii miti. Balaa makiinaatiin namni gariin miidhamee gariin nagaya bahuu dandaya. Balaan xayyaaraa ammo yeroo heddu nama xayyaaricha keessa jiru hunda galaafata. Barruu tanaan balaawwan xayyaaraa kan guutuu addunyaa rifachiisanirraa muraasa ilaalla.

American Airlines flight 191

Caamsaa 25, bara 1979, balaan kun Lubbuu nama 272 galaafate.

Xayyaarri kun motorri isaa hammaatee ture. Boodarratti motora isaa eega suphanii booda, keessatti deebisanii Almuuniyamiin itti hidhan. Suphaan xayyaara kanaa suphaa haalaan fokkataa jedhamee beekama. Xayyaarri kun eega suphaan godhameefii boodas hojii isaa itti fufe. Gaafa tokko imaltoota isaa fe’atee imala dheeraaf karaa bu’e. Turtii muraasa booda Almuuniyeemiin motorarratti maxxanfame cite motorarraa darbame. Motorris bakka isaatii sochoonaan paayleetichi xayyaara toohachuu dadhabe. Osoo hedduus hin turin xayyaarri kun samii gubbaa garagalee lubbuu namoota xayyaara san keessa jiranii hunda galaafate. San qofatti hin dhaabbanne. Xayyaarri kun wayta lafa dhahu namoota naannawa san turan 2 irratti kufe. Walumaa galatti balaa kanaan namoota 272tu du’e.

Iranian Air Force Ilyushin II-76

Gurraandhala 19, bara 2003, Lubbuu namoota 275 galaafate

Xayyaarri kun xayyaara waraanaati. Loltoota dabalatee namoota 275 fe’ee imalaa kan ture xayyaarri kun, haala qilleensaa ulfaata isa mudateen karaa maqee, gaara Siiraach jedhamutti bu’ee caccabe. Loltoonni Revolutionary guard jedhaman kanneen xiyyaaricha keessa turan hundi bakkuma sanitti lubbuu isaanii dhaban. 

Iran Air Flight 655

Adooleessa 3, bara 1988, lubbuu namoota 290 galaafate

Xayyaarri kun kan geejjiba namoota siiviliiti. Haa ta’u malee loltoonni Ameerikaa naannoo Iiraan qubatanii turan,  xayyaarichi xayyaara waraanaa kan F-14A jedhamu nutti fakkaate jechuun Misaa’ela itti dhukaasan. Haala kanaan namoonni nagayaa xayyaaricha keessa turan hundi dhuman. Bara 1996tti dhimmi kun Mana murtii Addunyaatti laallamee Ameerikaan beenyaa lubbuu galaafattee akka kafalatu itti muramee ture. Mallaqni yeroo sanitti ameerikaan kafaluuf  walii galtees, lubbuu nama tokkootiif dolaara Ameerikaa kan har’aa 346,000 ta’a.

Malaysia Airlines Flight 17

Adooleessaa 17, 2014 Lubbuu namoota 298 galaafate

Biyya Holaand magaalaa Amstardaam irraa gara Kuwaalaa Laampuur imalaa kan ture Boeing 777, wayta daangaalee biyyoota Yukreenii fi Raashiyaa gahu balaa hin yaadamnetu isa mudate. Yeroo sanitti Lola hamaatu  Finciltoota Yukreenii fi mootummaa Yukreen jiddutti godhamaa ture. Xayyaarri kun  wayta naannoo sanitti dhihaatu tasa misaa’elli itti dhukaafame. Lubbuun nama 298 bakkuma sanitti galaafatame. Misaa’elli kun loltoota Mootummaa Raashiyaa deeggaranii fi Yukreen irraa fottoquuf fincila godhaa jiraniin kan dhukaafame akka ta’e gabaafameera. Naannoon sun arras nagaya hin arganne.

Saudi Airlines Flight 163

Hagayya 19, 1980 Lubbuu namoota 301 galaafate.

Xayyaara eega lafa gaheen booda dogoggora uumameen lubbuu namootaa galaafate keessaa kan kanatti qixxaayu hin jiru. Sababni isaa hulaa osoo hin banin daqiiqaa 20 oliif turuu isaattu rakkoo tana uume. Xayyaarri kun Riyaad irraa ka’ee gara Jiddaa imalaa ture. Haa ta’u malee daqiiqaa 10 keessatti ibiddi bakka meeshaan itti fe’ametti qabate. Paayleetooni xayyaarichaa rakkoo kana arganis gara Riyaad deebi’uu murteessan. Murteen isaanii sirrii ture. Haa ta’u malee akkuma lafa gahaniin silaa xayyaaricha humnaan dhaabuu qabu ture. Isaan garuu akka waan xayyaarri nagayaa usaniituma lafarra oofan. Daqiiqaa 23f akka xayyaara nagayaa eega oofaa turaniin booda wayta dhaabbatu garuu balaa gaddisiisaatu mudate. Paayleetota dabalatee namoonni xayyaaricha keessa turan  hunduu aara ibiddarraa ka’een ukkaamamanii du’an.

Air India Flight 182

Waxabajjii 23, bara 1985 Lubbuu namoota 329 galaafate

Xayyaarri kun Kanaadaa magaalaa Torontoorraa ka’ee gara Indiyaa imalaa ture. Rakkoon  xayyaara kanaa buufatuma xayyaara Torontoo keessatti mudate. Namichi M Singh jedhamu Shaanxaa qabatee xayyaara kana seenuudhaaf check in godhe. Haa ta’u malee shaanxaan isaa dabarraan inni of duuba deebi’e. Shaanxaa keessa boombiitu ture. Xayyaarichi wayta Ireland dhaqqabu qilleensuma gubbatti dhoohee caccabe. Namni 329 kan xayyaaricha keessa tures balaa kanaan galaafatame.

Turkish Airlines Flight 981

Bitooteessa 3, bara 1974  lubbuu namoota 346 galaafate.

Xayyaarri kun eega imala jalqabee booda, kutaan meeshaan keessatti fe’ame balballi isaa baname. Kun ammoo qilleensi akka seenuu fi ibiddi akka ka’u karaa saaqe. Dhoohiinsi kutaa kana keessatti mudate ammoo shiboowwan xayyaara keessa jiran akka ciccitan godhe. Kana booda xayyaarri saffisaan gara dachii furguuggeffamee namoota keessa jiran hunda galaafate.

 

Walitti bu’iinsi samii keessaa Charki Dadri

Sadaasa 12, bara 1996, Lubbuu namooa 349 galaafate.

Xayyaaronni Sau’dii fi Kaazaakistaan qilleensa Indiyaarra barrisaa turan. Xayyaaronni lamaan kallattii garagaraati imalanis bakka wahiitti wal bira qaxxaamuruun dirqama itti ta’e. Warri qilleensa too’ataa ture waan kana dursee himuu qaba ture. Haa ta’u malee wayta rakkoo tana beekanii himan carraan xayyaara hagas gahu qilleensa gubbatti kallattii jijjiiruuf qaban gabaabaa ture. Xayyaarri Kaazaakistaan eegee isaatiin  kooluu Xayyaara  Sa’udii mure. Kan sa’udii saffisa guddaan gara dachii qajeele. Kan Khaazakistaaniitis akkasuma gara dachii qajeele.  Garuu akka Xiyyaara Sa’udii san saffisa hin qabu. Lachuu humnaan lafatti kufan. Namooota xayyaara Sa’udii keessa turan keessaa namoonni 312,  kan Khaazaakistaan keessaa ammoo namoonni 37 walumaa galatti namoonni 349 sababuma walitti bu’iinsa bakka Charki Dadri jedhamutti  mudate kanaan lubbuu isaanii dhaban

Jaappaan Airlines flight 123

Hagayya 12, bara 1985 Lubbuu namoota 520 galaafate.

Xayyaarri kun balaan kun isa mudatuu dura waggaa 7 dursee suphaan tokko godhameefii ture. Meeshaan suphame kun waggaa torba booda dhoohee xayyaaricha toohannaan ala godhe. Kooluu isaatiin gaaratti bu’ee, duydaan garagalee lafa dhahe. Namoota yaabbatan keessaa 4 qofti lubbuun hafanii kanneen hafan hundi balaa saniin du’an. Hoogganaa Suphaa xayyaaraa kanaa namni tures boodarratti rakkoo uumeef jecha of ajjeese.

 

Balaa Buufata Xayyaara Tenerife, Iddoola Kanaarii

Bitooteessa 27, bara 1977 Lubbuu namoota 583 galaafate

Balaan kun ammoo Lafumarratti mudate. Xayyaaronni lama kan KLM fi Pan AM jedhaman buufata xayyaaraa Tenerife irraa ka’uuf sochii jalqaban. Dura irratti KLM kan jedhamu dursee deemaa ture. Pan AM ammoo xiqqoo duubatti hafeera. KLM dursee deemee bakka saffisaan irraa ka’u bira gahee naannayee jira. Pan AM ammoo bakka bahiinsaa (exit 3)  jedhamuun karaa irraa akka maqu itti himame. Rakkoon bakka kanatti mudate, xayyaarri KLM jedhamu osoo ajajni isaa hin kennamin lafaa ka’uuf saffisa isaa dabalee fiiguu jalqabe. Pan AM ammoo exit 3 wallaalee gara exit 4 imale. Haa ta’u malee osoo inni exit 4 hin gahin KLM bira gahee itti bu’e. Namootni KLM keessa jiran hundi, kan Pan AM keessa jiran keessaa ammoo namoonni 335 walumaa galatti namoonni 583 osoma lafaa hin ka’in lubbuu isaanii dhaban.

 Qophii Abu Ibtisam

Back to top button